Gaheen sabummaan filannoo Keeniyaa keessatti qabu hir'ateeraa?

Madda suuraa, Getty Images
Keeniyaan filannoo Hagayya 9, 2022 gaggeeffamuuf qophaa'aa jirtu kanatti, walqoodiinsi sabarratti bu'uureeffatee fi siyaasa biyyattii muddaa ture, amma waan qabbanaa'aa jiru fakkaata jedha gaazexeessaan BBC Dikans Olewee.
Amajjii 20, 1994 ganama akkaan qorrutti, wayitan gara daree barnootaa seenutti arrabsootu na eege.
Waan naan jedhan gara caalu hin yaadadhu, garuu jecha tokkittii tana tasumaa hin irraanfadhu.
''Waaqni kee du'eera,'' naan jedhe barataan daree koo tokko.
Pireezidantii ittaanaan jalqabaa Keeniyaafi boodarras nama siyaasaa beekamaa kan turan, Jaaraamogii Ogingaa Odingaa gaafas du'an.
Barattoota sadarkaa jalqabaa taanus, waa'ee siyaasa biyya keenyaa gosarratti bu'uureeffate garuu inuma beekna turre. Barataan sana naan jedhe sunis, duuti nama kanaa hawaasa Luwo'f maal jechuu akka tahe waan beekuuf sana dubbate.
Qoccollaan gosa ykn sabarratti xiyyeeffate bakka taphaa manneen barnootaa fi daree keessattillee kan barame ture.
Barsiisonni tokko tokkos amala barattootaa qeequufi jajuuf gosasaanii dhawu turan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waanti akkasii hanga har'aattillee qoosaa miidhaa hin qabnetti fudhatamus, yeroo tokko tokko waan hin taanetti ceha.
Achiirraa ganna saddeetiin booda dhimmi na mudate haala biraatin deebi'e na mudate.
Akkas ture, Naayiroobii keessatti maatii harka-qalleeyyii tahan gargaaruuf tola-ooltummaan hojjechaa ture. Daa'imni ganna afurii amanamummaan na bira dhuftee Afaan Iswaahiliin: "Wewe ni kabila gani?" naan jette - ''Gosti yookaan sabni kee maali?'' jette.
Deebiikoo kallattii hin taanee, guddoo hin gammadne daa'imni kun. Boodarra garuu akkan hubadhetti, hiriyootashee wajjin gosa kamirraa akkan tahe falmiirra turan.
Fedhiin daa'imman kanaa kan madde tarii haala siyaasaa wayita sana turerraati.
Fedhii waa baruun daa'imni kun qabdu gaarii taheetu, anaan garuu na quuqe.
Barmaati hawaasaa ani amaleeffadhe gaaffilee akkasiirraa akkan fagaadhu na barsiisaniiru.
Keessaafuu gaaffii kana kallattiin yoo na gaafatan. Kana malees deebiin koo isheef maal jechuu ta'a laata kan jedhus na yaaddessee ture.
Siyaasi Keeniyaa morkii gosoota biyyattii keessa jiran 40 ol tahaniin kan dhuunfatame ture - keessattuu saboota lakkoofsaan gurguddaa tahan biratti morkiin kun ni cima.

Madda suuraa, Getty Images
Namoonni siyaasaa miidhama seenaa keessaafi adda addummaa aadaa, hokkora kakaasuuf yeroo hedduu itti dhimma bahu - kanaanis filannoo injifachuus karoorfatu.
Malli hamaan kun bara hedduu kan lakkoofsi yeroo tahu, miidhaan qabus biyyoota hunda keessa kan jirudha.
Keeniyaatti eenyummaan gosaa faayidaa argachuuf hojiirra oola. Yeroo garii hojii argachuuf akka ulaagaa tokkotti, yeroo kaan ammoo filannoo gubbaa sagalee kennuuf, akkasumallee nama aangoo qaburraa waa argachuufillee itti fayyadamu.
Gama kaaniin namoota biroo busheessuufi aarsufillee dhimma gosaa itti fayyadamu.
Siyaasni silaa dhimmoota hawaasni barbaachisu dhiisanii, waan akkasiirratti akka xiyyeeffatan taha.
Keeniyaatti filannoo 2007 gaggeeffameefi falmisiisaa taheen booda, hokkorri gosarratti bu'uureeffate dhalachuun gaaga'ama guddoo geessise.
Namoonni 1,500 ol tahan wayita ajjeefaman, hedduun miidhaman, 600,00 kan tahan ammoo qe'eerraa buqqa'an.
Hokkorri gaafasii tarii seenaa Keeniyaa erga walabummaatii as isa gaddisiisaa ture.
Biyti gara caalu nageenyaan beekamtuufi ardii Afriikaa irraa baqattoota kuma dhibbaan lakka'amaniif dahoo taate kun ofiin of miite. Madaan gaafasii hanga ammaallee hin qoorre.

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo filannoo kanaatti maatiin muraasni rakkoo dhufu malu jalaa bahuuf iddoowwan sabni isaanii baay'inaan jiraatutti yeroof godaanuuf kaayyeeffatu.
Maatiin saboota garagaraa irraa tahan garuu rakkoon isaan mudata - bakka kamtu nuuf nageenya qaba kan jedhu isaan yaaddeessa.
''Keeniyaan seenaa gaddisiisaa komii hin furamneefi hanga waggaa 50 gahan qabdi. Kunis yeroo hedduu hokkorri akka kahuuf sababa. Namoonni siyaasaas hawaasa gidduutti sodaa uumuu barmaata taasifataniiru,'' jedhan qondaalli Komishinii biyyattiitti nageenyi akka bu'uuf hojjetu (NCIC) Sam Kona.
''Namoonni kun dorgommii aangoo namoota siyaasaa gidduutti taasifamu akka tahe hin hubatan.
Gaafa waanti hunduu xumuramu, jarri sun mo'atanis mo'achuu baatanis boodarra waliif tahanii jiraatu,'' jechuun BBCtti himan.
Aabba Koonaan akka jedhanitti, dhaabni isaanii NCIC kaawuntiiwwan jaha filannoo dhufturratti muddamni dhalachuu mala jechuun adda baase, sababa ''araara buusuuf carraan itti darbedha''.
Aab Koonan akka jedhanitti Keeniyaan bara 2010 heera haaraa raggaasite kaawuntiiwwan 47 uumeera.
Kaawuntiiwwan kunneen bulchitoota ofiisaanii kan qaban yoo ta'u, kunis namni injifate waan hunda dhuunfata yaada jedhu hambisuuf.
Heerri biyyattii kaawuntiiwwan hundi walqixa ilaalamu, gartuuwwan garaa garaa qabeenyarratti akka wal hin dorgomne gochuuf baajata biyyattii karaa haqa qabeessaa ta'een argatu jedha.
''Taatullee lammileen Keeniyaa harki caalaan ammas pirezedentummaa akka madda aangootti ilaalu.
Ta'iin akkasii muddama hordofsiisa,'' jedhan Aab Koonaan.
Aab Koonaan jdhanitti, NCIC'n tattaaffii nageenya jajjabeessu cimseera. Ogeessi bulchiinsaa Joon Gitoongoo bara bulchiinsa Pirezedanti Muwaa Kibaakii shira malaammaltummaa guddaa dalagamaa turan ifa baasuu hordofee hawaasa Kikuuyuu muraasa biratti akka gantuutti ilaalamuu isaatiin bara 2005 biyyaa baqatee ture.
Aab Gitoongoon BBCtti akka himetti, duula filannoo kanarratti gosaan wal gurmeessuu hedduu hin mul'anne, sababni isaammoo Pirezedant ittaanaan kan ta'an Wiliiyaam Ruutoon morkiin warreen jireenyaa mo'achuuf tattaafatanii fi warreen maatiin isaanii aangoorra turanii giddutti akka gsaggeffamu taasisaniiru.
Aab Odingaan Keeniyaa Gosaan qooduu qeequun dhaamsa tokkummaa biyyattiirratti qiyyaafateera.

Madda suuraa, Getty Images
Haala duula filannoo duraaniirra jijjirama qabuun morkattoonni lamaan imaammata hawaasummaa fi dinagdeerratti wal arrabsan/afaan keessa wal bahan.
Afaan walitti darbuun waan ajaa'ibaa hin turre, sababni isaas wayita filannoon dhiyaate kanatti jireenyi kan duraanirra qaala'uu, hojii dhabdummaan hammaachuu fi liqaa biyyattiis guddateera.
Filannoo pirezedantummaaf torbanoonni muraasni wayita hafe kanatti Pirezedantiin bara hojiisaanii goolabaa jiran Keeniyaataan gatii daakuu boqqolloo hir'isuu beeksisan.
Kunis nyaannii biyyattii keessatti hedduu beekamu Ugaaliin gatiin akka gadi hiratuuf yaadameeti.
Aab Ruutoon yeroo kanatti gatii hir'isuun kun Aab Odingaan carraa filannoo injifachuu qaban jabeessuuf tattaffii taasifamu akka ta'etti ilaalu.
Pirezedanti Keeniyaataan ittaanaa isaanii deeggaruu dhiisanitu Aab Odingaa deeggaran.
Kunis gartummaa siyaasaa Keeniyaa gosummaan dhiibama ture geeddamuusaaf agarsiistuudha.
Bara 2007 Aab Odingaa fi Aab Ruutoon gartuu tokko jalatti hiriiranii Aab Kibaakiin morkataa turan. Yeroo sanatti garuu Aab Keeniyaataan Kibaakii deeggaru ture.
Hokkorri filannoo Keeniyaa bara 2007 booda Aab Ruutoon hawaasa Kaleenjii, Aab Keeniyaan hawaasa Kikuyuu walirratti kaasuun mudate namoonni du'uu isaaniitu yaadatama.
Taatullee bara 2013 fi 2017 Aab Keeniyaataa fi Aab Ruutoon garee tokko jalatti hiriiruun faallaa Aab Odingaa hiriiranii turan. Aab Odingaan hawaasa Luwoo keessaa dhalate.
Afrikaatti Daarektarri jaarmiyaa sadarkaa addunyaa Kiraasis Giruup jedhamuu Muritii Mutigaa, lammileen Keeniyaa gartummaa duraanii sana nuffaniiru jedhe.
''Ani akkan yaadutti waanti amma jiru lammilee Keeniyaa addaan hin qoodu, muddama baayees hin kakaasu, namoonni siyaasa kunneen tapha siyaasa isaanii kan taphacha jiran jiran fakkatu,'' jedhan.












