Wiiliyaam Ruutoo danqaa hedduu darbee akkamiin milkiin as bahe?

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaaantii itti-aana Keeniyaa, amma immoo pirezidaantii ta'ee kan filatame Wiiliyam Ruutoo filannoo gaggeeffameen haala namni hin eegnen injifate.
Filannoo morkii cimaan isaa fi Raayilaa Odiingaa gidduutti gaggeeffameen garaa garummaa qabxii xiqqaatin mo'achuun isaa labsame.
Bu'aa filannoo beeksisuu irratti garuu Komishiniin Filannoo biyyattii bakka lamatti hiramee ture.
Yeroo Komishiniin Filannoo bu'aa filannoo beeksisuuf jedhutti gidduudhan gareen bu'aa filannoo hin fudhannu jedhan jeequumsa kaasun sagantichi yeroo muraasaf addaan citee ture.
Boodarra, dursaa Komishinii Filannoo Keeeniyaa kan ta'e Waafula Chabukaatii deebi'ee Wiiliyaan Saamoy Ruutoo pirezidaantii Keeniyaa 5ffaa ta'ee filatamuu labse. Filannoon gaggeeffames, filannoo dimokiraatawaa fi haqa qabeessa ta'uu beeksise.
Ruuton bakka ofii isaa deeggarsa heddu itti qabu qofa osoo hin taane bakka morkataan isaa Raayilaa Odiingan durii kaasee deeggartoota kooti jedhu hedduttis ni mo'achuu isaa bu'aan filannichaa ni agarsiisa.
Maawunti Keeniyaa bakka deeggartoonni Odiingaa, Maarta Kaaruwaa fi Uhuuruu Keeniyaataa heddu jiranittillee Ruutoon garaa garummaa sagalee guddaadhan mo'ate.
Kuni ammoo milkiin Wiiliyaam Ruutoo akka qajeeltu taasise.
Odiinga fi Keeniyaatan ilmaan moototaati, kanaaf dargaggoota fi warra galii gadi aanaa qaban quba hin qaban jechuun jalqabaa kaasee duula jalqabe.
Duula isaa kanaan "warra dafqanii argachuutti amanan" (hustlers) jechuun dargaggoota fi warra dafqaan bulan irratti xiyyeeffatee hojjachuu eegale. Sagantaa isaa kun qalbii dargaggoota fi warra jireenya gadi aana jiraatanii booji'e.
Gaheessi ganna 55 Ruuton dorgommii cimaatu isa mudate. Raayilaa Odiinga fi Uhuuruu Keeniyaataa wajjin wal gargaarun dura dhaabbatanis Odiingan mo'achuu hin dandeenye.
Amma Uhuuruu Keeniyaataa gaabbin quba isaa nyaachaa osoo hin jaalatin aangoo pirezidaantummaa Wiiliyaam Ruutotti kennuuf deema.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Deeggartoonni Rayilaa sagaleen isaanii hojjattoota kominii filannootin jalaa hatamuu himatanis, gaggeessaan komishinichaa Aab Chabukaatin filannichi fedhii lammiilee Keeniyaa kan mul'iseedha jechuun pirezidaantummaa Ruutoo chaappessee jira.
"Dararaa fi tuttuqqaan osuma jiruun fuula keessan dura dhaabadhee jira. Akka heera fi seera biyyattiitti itti gaagfatamummaa narraa eegamu baheera," jechuun dubbate Chabukaatin yeroo bu'aa filannoo beeksisu.
Wiiliyaam Ruutoo garaa garummaa baay'ee xiqqaa ta'een mo'achuu fi komishiin filannoo bakka lamatti hiramuun biyyattii keessatti gargar qoodamiinsi akka uumamu gochuu mala kan jedhu shakkiin jira.
Haa ta'u garuu, biyyattii tokkoomsuf akkaata itti Ruuton mootummaa isaa ijaarutu murteessadha.
Sabummaan siyaasa Keeniyaa qabachuu keessatti shoora olaanaa qaba. Akka sabaatti silaa Raayilaa Odiingatu aangoo qabata, sababni isaa Sabni Lu'oo kan Odiingan irraa dhufe aangoo pirezidaantummaa qabatanii hin beekan.
Amma immoo Ruuton gosa Kaleenjii irraa aangoo pirezidaantummaa argachuun isaa warra Lu'ootti miirri dhiibamuu akka dhagahamu godha.
Wiiliyam Ruutoo mo'achuu isaa hordofee haasaa taasiseen, "gaggeessitoota hunda" waliin akka hojjatuu fi lammiilee biyyatti huda tajaajiluuf akka of hin qusanne ibsee ture.

Madda suuraa, Getty Images
Osoo bu'aan filannoo hin beeksifamin dura Raayilaa Odiingaatti dubbachuun bu'aan filannoo maaliyyuu yoo ta'e wal arganii haasa'uuf akka walii galanis dubbate ture.
Raayilaa Odiingaa hanga ammaatti homaa hin dubbanne, sagantaa bu'aa filannoo beeksisuu komishinii filannootin qophaa'e irrattis hin argamne.
Akkuma filannoo kanaan dura gaggeeffame irratti godhee ture bu'aa filannoo kana mormuun himata mana murtiitti banaa fi dhiisaa isaa wannti beekame hin jiru.
Kanaan dura filannoo afur irratti dorgomee dhabe, kana ammoo nan mo'adha jedhee haalan eeggataa ture; kanaaf pirezidaan Uhuuruu Keeniyaatan gara isaa goree duula gaggeessafii ture.
Uhuuruu fi Ruuton kanaan dura wal deeggaruuf walii galtee qabaatanis, bara darbe Uhuurun walii galticha diigun Raayilaa Odiingaa akka deeggaru beeksise.
Ruutoon akka jedhutti Odiingan pirezidaantii akka ta'uuf kan duulafii ture pirezidaantii "akka barbaadetti ajaju" waan barbaadefi.
Raayilaa Odiingaa amma jaarsa ganna 77 ta'eera. Filannoo marsaa 6ffaa bara 2027 irratti ni hirmaata fi dhiisaa isaa waanti beekame hin jiru.
Ruuton abbaa qabeenyaa beekamaadha. Keeniyaa keessatti omisha boqqoolotiin kan isa gitu hin jiru. Uhuuruu Keeniyaatatti aanee pirezidaantii dargaggeessa lammaffaa ta'ee galmaa'a.
Wiiliyaam Ruutoo dargaggummaadhan dirree siyaasatti erga makamee waggoota 20 guutera.Iddoowwan kanaan dura bu'uura deeggarsa Odiingaa ta'an kanneen akka naannoo lixa, kaaba baha biyyattii keessatti Ruuton mo'achuu danda'ee jira.

Madda suuraa, Reuters
Angoo pirezidaantummaa qofa osoo hin taane paartin Ruutoo teessoo mana maree biyyattii heddu paartii Uhuuruu irraa fudhachuu danda'eera.
Osoo filannoon hin gaggeeffamin dura jiraattonni naannoo Maawunt Keeniyaa jiraatan sagalee isaanii Ruutodhaaf akka kennan BBC tti himanii turan. Sababni isaa ammoo filannoo bara 2013 tti Ruuton pirezidaant Uhuuruu Keeniyaataa wajjin waan walii galeefi.
Uhuurun walii galtee kanaan dura Ruutoo waliin qabu diigee Odiingaa waan deeggareef saba isaa warra Kikuyuu naannoo Maawunt Keeniyaa jiraatan biratti maqaan qabu jalaa xuraa'era.
Ilmi obboleessa Uhuuruu mataan isaa Ruutof sagalee akka kenne dubbata.
Mo'achuun Ruutoo dargaggoota biyyattiittu abdii guddaa horee jira.
Ruuton ilaacha diinagdee fi guddinaa gajjallaadhaa gara oliitti jedhu kan dargaggoota aangessuu irratti xiyyeeffate "Warra Dafqanii Argachuutti Amanan" jedhu dhiyeessun qalbii dargaggootaa golgoleesse.
Amma egaa isa waadaa galee dargaggoota fi warra galii gadi aanaa qaban of duuka hiriirse hojiin agarsiisutu irraa eegama.
Keeniyaatti hoji dhabdummaan namoota umurii 18 hanga 34 jiran dhibbeentaa 40 gaheera.
Biyyattiin diinagdee waggaa waggaan dargaggoota 800,000 hojii barbaadan simachuu danda'u hin qabdu.












