'Waan Rabbi jiruuf as geenye'-Ruutoo

Wiiliyaam Ruutuu filannoo Keeniyaa Injifatan

Madda suuraa, Getty Images

Pireezidantii Itti aanaan Keeniyaa Wiliyaa Ruutoo filannoo pireezidantummaa Keeniyaa injifachuu Komishiniin Filannoo Keeniyaa beeksise. Ruutuun dorgommii jabaan dorgomaa isaanii Raayilaa Odingaa sagalee kenname keessaa dhibbeentaa 50.4 argachuun injifatan.

Raayilaa Odiingaa sagalee dhibbeentaa 48.85 argatan.

Inifachuun Ruutoo kan ibsame gareen Raayilaa Odingaa sagaleen hatamuu wayita komataniifi miseensonni komishinii filannoo afur bu'aa filannoo kana akka hin fudhanne wayita beeksisanitti.

Miseensotni komishinichaa afur ''bu'aan filannoo inni dhumaa iftoomina hin qabu'' jechuun addatti ibsa kennaniiru.

Ibsa kan kan kennan dura teessuu itti aantuun komishinichaa kan ta'an Juliyaanaa Chereeraati lamiileen Keeniyaa bu'aa kana mana murtiitti geessuun falmachuu akka danda'aniifi ibsa dabalataas akka kennan beeksisan.

Yeroo jalqabaaf pireezidantii ta'uuf kan dorgoman namniganna 55 Wiiliyaam Ruutoo, waggoota 10 pireezidantii itti aanaa ta'uun tajaajilaniiru.

Ruutoon injifachuun isaanii ibsamuu duuba yaada kennaniin Komishinii filannoo jajaniiru, dura taa'aa komishinichaa Wafulaa Chabukaatii ''goota keenya'' jechuun dinqisiifatan.

Aangoo olaanaan kan Keeniyaati kan jedha Ruutoon, ''Tilmaamni as hin gahan jedhu akka jiru nan beeka, garuu ammoo waaqni samiirra waan jiruuf as geenyeerra'' jedhan.

''Uummata Keeniyaa nan galateeffadha'' jedhan.Lammileen keeniyaa hunduu mootumaan haaraan ijaaran kan isaanii akka ta'e akka beekanis dhaaman.

Dura taa'aan Komishinii Filannoo Wafuulaa Chebukaatii gaafatama heeraan kennameef qixa sirriin bahachuu beeksisaniiru.

''Imala kanaan filannoo bilisa, haqaa fi amanamaa gaggeessineerra. Imala salphaa miti waahillan koo komishinaroonni lamaa fi hoji gaggeessan miidhamaniiru'' jedhan.