Pireezidantiin Keeniyaa daawwannaa saanii Afrikaa jalqabaa Itoophiyaatti eegalan

MM Abiy wayita Pireezidant Ruutoo buufata xiyyaaraa Booleetti simatan

Madda suuraa, OBN

Pireezidantiin Keeniyaa haaraa dhiheenya filataman, Wiiliyaam Samooyi Ruutoo erga filatamanii daawwannaasaanii biyyoota Afriikaa isa jalqabaa Itoophiyaa daawwachuudhaan eegalaniiru.

Pireezidanti Wiiliyaam Ruutoo wayita Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee ga'aniitti Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimadiin simatamaniiru.

Pireezidantichi wayita Itoophiyaa daawwatan kanatti Ministira Muummee Abiy Ahimad waliin haala walitti dhufeenya biyyoota lamaanii fi dhimmoota dantaa waloo kaan irratti ni mari'atu.

Filannoo Keeniyaa pireezidaantummaa Hagayya darbeen wayita Wiiliyaam Ruutoo mo'achuun labsame Ministirri Muummee Abiy hunda dursuun baga gammadde jedhaniin.

Akkaataan Ministirri Muummee Abiy saffisaan erga agammachuu Pireezidanti Ruutoof itti ergan tarii michumaan biyyoota lamaanii bara bulchiinsa Ruutoo fooyya'uu danda'a tilmaama jedhu uumeera.

MM Abiy Ahmad fi Pireezidanti Wiiliyaam Ruutoo

Madda suuraa, OBN

Pireezidanti Wiiliyaam Ruutoo imalasaanii kanaan, tajaajila telekoomii kubbaaniyaan biyyasaanii Safaricom jedhamu Itoophiyaa keessatti eegale eebbisanii hojii ni jalqabsiisu jedhamee eegama.

Safaricom magaalota Itoophiyaa hedduu keessatti tajaajila yaalii kan gaggeessaa ture yoo ta'u, guyyaa har'aa magaalaa Finfinneetti tajaajilasaa guutummaatti eegaluu ibseera.

Sirni eebbaa isaa har'a kan raawwatamu yoo ta'u, kunis ammoo erga magaalota Itoophiyaa 10 keessatti yaaliin taasifamuun bu'a qabeessummaansaa mirkanaa'eeti jedhameera.

Magaalonni Safaricom keessatti tajaajilli eegalu Dirree Dhawaa, Harar, Adaamaa, Baahirdaar, Bishooftuu, Mojoo, Dabra Birhaan, Awwadaay, Gondar fi Finfinnee yoo ta'an, maamiloonni afaanota shan- Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa, Af-Somaali, Afaan Tigree fi Afaan Ingiliziin tajaajila argachuu danda'u.

Sirna eebba Safricom Itoophiyaa har'a gaggeeffamurratti Pireezidantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo dabalatee qondaaltonni mootummaa Itoophiyaa, abbootiin aksiyoonaa Safaricom Itoophiyaa, michoonni fi qooda fudhattoonni biroon ni argamu jedhamee eegama.

Kubbaaniyyaan telekoomii guddichi Keeniyaa Safaricom, biyya kubbaaniyoota biyyoota alaaf cufaa taate Itoophiyaa keessa seenee hojii eegaluudhaan isa seena qabeessa jedhameera.

MM Abiy wayita buufata xiyyaaraa Booleetti Pireezidanti Wiiliyaam Ruutoo simatan

Madda suuraa, OBN

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Itoophiyaa fi Keeniyaan biyyoota daangaa dheeraa waliin qooddatan, akkasumas dantaa hawaasummaa, siyaasaa, nageenyaa fi diinagdeen walitti hidhamaniidha.

Keessattuu biyyoonni lameen gama diinagdeen hariiroo cimaa qabu, Itoophiyaan ibsaa Keeniyaatti gurguruuf dhiheenya waliigalteen mallatteessite biyyoonni ollaa kunneen diinagdeen walitti hidhamiinsa cimaa uumaa jiraachuu mul'isa.

Osoo waraanni Kaaba Itoophiyaa hin eegalle ta'ee silaa kubbaaniyyaawwan Keeniyaa hedduun carraa gabaa Itoophiyaa seenuu qabu turan jedhan namoonni dippiloomaasii.

MM Abiy bara 2018 angootti dhufuu hordofee dhaabbileen gurguddoon kanneen akka tajaajila telekomii fa'aa gabaa alaatiif banaa ta'anii jiru.

Kanumarraa ka'uun dhaabbanni telekoomii Keeniyaa guddichi Safaricom gabaa tajaajila telekoomii Itoophiyaa keessa galuu danda'ee jira.

Gama siyaasaa fi nageenyaanis yoo ta'e Itoophiyaa fi Keeniyaan nagaa fi tasgabbii Baha Afrikaaf biyyoota murteessoodha.

Keessattuu duulli isaan al-Shabaab irratti gaggeessan guddoo walitti isaan fida.

Waraana Kaaba Itoophiyaan walqabatee gareen TPLF Pireezidantiin Keeniyaa dhiheenya baallii dabarsan- Uhuruu Keeniyaataa jaarsummaadhaan gidduu seenuun akka araara buusan fedhu.

Mootummaan Itoophiyaa ammoo jaarsummaa Pireezidantii duraanii Naayijeeriyaa Oluseegun Obaasaanjoo fi marii Gaaddisa Gamtaa Afrikaa jalatti gaggeeffamu deeggara.

Pireezidantiin haaraa filataman Wiiliyaam Ruutoo wayita kakuu seenanitti, qondaalli baallii isaanitti dabarsan Uhuruu Keeniyaataan araara Itoophiyaa fi Tigraay irratti akka hirmaataniif bakka buusuu ibsanii turan.

Odeessaalee walitti dhihaatan: