"Ilmi koo kana booda dhimmoota falmisiisoo ta'an tiwiitara irratti hin barreessu" - Museveenii

Ilma Pirezidantii Yugaandaa

Madda suuraa, AFP

Pirezidantiin Yugaandaa Yowerii Museveenin, ilmi isaanii Janraal Muhuuz Kainerugaban, kana booda dhimmoota mootummaa wal falmisiisoo ta'an irratti yaada hin kennu jedhan.

Yaadni pirezidaant Museveenii kun kan dhagahame, yaadawwan falmisiisoo ilmisaanii tiwitara irratti, keessattuu dhimma Keeniyaa ilaalchisuun barreesse hordoofee komii miidiyaa hawaasaa irratti dhiyaateen booda.

Gaheessa waggaa 48 kan ta'e Janaraal Muhuuz Kainerugaba, waa’ee biyya ollaa taate Keeniyaa weeraruun magaalaa guddoo biyyattii - Naayiroobii qabachuu torban lamaan dura barreessee ture.

Barreeffama isaa kana hordofuniis miidiyaa hawaasaa kanarratti lammiilee Keeniyaa irraa dheekkamsa olaanaatu mudate.

Booda keessa ammoo abbaan isaa Pirezidant Museveeniin lammiilee Keeniyaa ‘‘dhiifama’’ gaafatachuunsaanii ni yaadatama.

Ilmi pirezidantii dhiiheenya kana sadarkaa waraanaa keessatti gulantaa aangoo olaanaa jedhame Janaraalummaa guutuun kennameef kun, dhimma waraanaa kaabaa Itoophiyaa dabalatee dhimmoota biyyoota biraa ilaallatan barreessuun komii kaasaa turan.

Qondaalli mootummaa olaanaan kun torbanoota lmaaan dura aangoo ajajjaa Humana Ittisa lafoo biiyyattiirraa kaafamuun gabaafamuun ni yaadatama.

Haata'u malee, aangoo kanarraa kan kaafaman barreeffama tiwitaraa falmisiisoo barreessaa turan kan wal qabu ta'usaa wanti barame hin jiru.

Maxxansa X irra dabri, 1
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X, 1

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

‘‘Tiwitara ni dhiisa. Kanas haasoofneerra. Tiwiitarri rakkoo hin qabu. Rakkoo kan ta'u waa’ee dhimmaa ati barreessituuti,’’ jechuun ture pirezidant Museveeniin TV biyya keessaatti Wixata kan himan.

Itti dabaluunis ‘‘Waa’ee biyyoota biraafi dhimmoota siyaasa Yugaandaa walaba hin taane, dhimmoota dubbachuu hin qabneefi deebiisee hin barreessineedha,’’ jedhan.

Pirezidantiin Yugaandaa waggoota 30 oliif biyyattii bulchaa jiran kunis, ilmi isaanii waa’ee ‘‘ispoortii ykn dhimmoota wal falmisiisoo hin taanee’’ barreessuu ni danda’a jedhan.

Haata'u malee, pirezidant Museveeniin akkuma kana jedhaniin booda, janaraalcihi toora tiwitara isaarratti, ''gaazexessitoonni Keeniyaa irraa ta'an abbaan koo tiwitara irraa akka na dhorkaniif gaafataa jiraachuu dhagahaan jira.

''Kun ammoo qoosaa ta'usaatii? Ani daa'ima waanan hin taaneef namni kamuu omaarraayyuu na hin dhorku'' jechuun barreessan.

Kanaan dura ministeerri Dhimma Alaa biyyattii, mootummaan miidiyaa hawaasaa ilaalchisee imaammata alaa akka hin qabneef himuun, garuu walitti dhufeenya biyyattiin Keeniyaa waliin qabdu cimsite kan itti fuftu ta'u ibsuun ni yaadatama.

Maxxansa X irra dabri, 2
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X, 2