Mootummaan Itoophiyaa Shiree, Almaaxaa fi Koram qabachuu beeksiise

Madda suuraa, AFP
Raayyaan Ittisa Itoophiyaa magaaloota naannoo Tigraay keessaa Shiree, Alaamaaxaa fi Koram to'achuu beeksiise.
Tajaajilli Komunikeshinii Mootummaa ibsa Onkolooleessa 18, 2022 ibsa baaseen magaaloota kanneen keessatti waraanaa tokko malee to'annoo jala oolchuu himuun, of eeggannoo cimaa Humni Ittisaa Biyyaalessaa Itoophiyaa (ENDF) fudhateen namoota nagaaf eegumsi taasifame milka’aadha jedheera.
“ENDF olola TPLF jedhu deebisanii iyyisiisuudhaan warra waan hamaatu uumama jechuun farrisaaa turan oolchuu danda’eera.”
Mootummaan magaalota naannoo Tigraay to’annaa ENDF jalatti deebiyan kana keessattis gargaarsi namoomaa barbaachisan akka qaqqabaniif dhaabbileen dhimmi ilaallatu waliin qindaa’uun hojjechuuf qophaa’aa jiraachuu eera ibsi kun.
Haaluma kanaan toorawwan ittiin gargaarsi namoomaa geeffaman ballisuudhaaf hojjechaa jiraacuu kan eere ibsi Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa kun, toora Gondar irraa gara Shireetti, akkasumas karaa Kombolchaa-Dasee-Waldiyaa-Qobboo ulaa gargaarsi ittiin geeffamu banuudhaaf hojjetamaa jira jedheera.
Rooytars maddeen dipplomaatiifi dhaabbilee deeggarsa namoomaa waabeefachuun akka gabaaseetti, waraanni mootummaa Itoophiyaafi humnoonni isa tumsan Onkolooleessa 17, 2022 magaala Shiree to’atan.
Humnootiin Tigraay ibsa Onkolooleessaa 17, 2022 baasaniin, Magaalli Shiree "hunmoota waloo Itoophiyaafi Eritraa" galuu mirkaneesseera.
Dabalataan humnoonni TPLF mootumaan Itoophiyaafi Ertiraa waliin ta'uun 'namoota nagaa ajjeesaa jiru' jechuun erga himateen booda, jiraattonni naannichaa jiraachuudhaaf jecha waraana akka itti fufaniif waamicha taasiseer.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhimma magaalli Shiree to'atamuu ilaalchisee mootummaa Itoophiyaa irraas ta’e gama mootummaa Ertiraa irraa kan jedhame hin jiru.
Mootummaan Itoophiyaa ibsa Onkoloolessa 17, 2022 baaseen, haleellaa bal'aa humnoonni TPLF gaggeessaa jiran, qaamolee diinaa alaatiin deeggarama jechuun walabummaa biyyaatiif tarkaanfiin kaaba biyyattiitti fudhatamu itti fufe jedheera.
Kanaaf ammoo buufataalee xiyyaaraafi dhaabbilee federaalaa naannoo Tigraay keessatti argaman atattamaan to’achu akka barabaadu ibseera.
Humnoonni mootummaa Federaalaa magaalaa Shiree to'achuun kan dhaga'ame wayita biyyoonniifi dhaabbileen idil-addunyaa waraanni atattamaan dhaabbatee gare marii nagaatti akka deebii’amuuf gaafataa jiranitti.
Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) Antooniyoo Guteerez, Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummootaa Gamtoomanii (UNSEC) irratti ibsa miidiyaaf Onkoloolessa 17, 2022 kennaniin, haalli Ioophiyaa keessa jiru to’annootiin ala ta’uu himanuun, lolliifi mancaatiin sadarkaa yaaddessaarra gaheera jedhan.
Itti dabalunis “Waraanni Kaaba Itoophiyaa naannoo Tigraay keessatti gaggeeffamaa jiru ammuma dhaabbachuu qaba,” jechuun waamicha taasisaniiru.
Waraanaa kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru kanaan namoonni kumaatamaan lakkaa’aman lubbusaanii dhabaniiru. Kanneen miiliyoonaan lakkaa’aman ammoo qee’esaanii irraa buqqaafamaniiru.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu namoomaa baatiiwwan shaniif ture Hagayya darbe cabuun waraanichi deebii’ee erga eegalee kaasee addawwan garaagaraatiin lolli gaggeeffamaa jiraachu madden himan.
Komishinarri Gamtaan Afriikaa, Musaa Faakii Mahaamaat haalli waraanaa Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru isa yaachisuufi atattamaan dhaabbatee deeggarsi namoomaa ummataaf akka dhiyaatu tibbana gaafatanii ture.
Humnootiin Tigraayis waamicha kana simachuun haal-duree tokko malee gara mariitti akka deebii’an ibsuun, hawaasni idil-addunyaa garuu mootummaan Itoophiyaas gara mariitti akka deebii’uuf dhiibbaa akka taasisuuf gaafachuun ni yaadatama.

Madda suuraa, ANDOM GEBREYESUS
Haleellaa qilleensaa Sambata Onkololessa 15, 2022 magaalaa Shire irratti raawwatameen hojjataa dhaabbata lubbuu bararu International Rescue Committee ta’e tokkiifi namoonni biraa sadii ajjeefamun gabaafamee ture.
Haleellaa kana ilaalchisee dhaabbiileen idil-addunyaa, aanga’oonni fi biyyoonni addunyaa hedduun waraannicha atattamaan akka dhaabbatuuf waamicha taasisuun ni yaadatama.
Dara taa’aan Koree Hariiroo Alaa Seeneetii US, Boob Mendeez mootummaan Itoophiyaafi TPLF atattamaan dhukaasa dhaabuu baannaan wixinee seeraa bara 2021 keessa Itoophiyaarratti dhiyeessee ture akka murta’u gochuufan hojjedha jechuun akeekkachiisanii ture.
Wixineen aanga’aan kun eeranis, seeraa Itoophiyaatti Nagaafi Dimokiraasii Jajjabeessuu [‘S.3199-Ethiopia Peace and Democracy Promotion Act of 2021,’] jedhamu kun warra carraaqqii waraana dhaabuun nagaa buusuuf taasifamutti gufuu ta’an ykn qaamoleen waraana Itoophiyaa keessatti hirmaataniif meeshaa waraanaa dhiyeessan irratti tarkaanfiin adabuu akka fudhatamu godhudha.
Waraanni Sadasa 2020 Tigraayiitti eegale gara naannoolee ollaa kan akka Amaaraa fi Affaariitti babbalachuun buqqaatii miliyoonootaaf madda ta’eera.
Kana malees qabeenyaan biiliyoonotaan lakkaa’amu barbadaa’u fi hedduunis bakka jireenyaa isaaniitii buqa’iin eeggattoota deeggarsa namoomaa ta’aniiru.
Waraana kana marii nagaatii furuuf torbanoota lamaan dura hoggansa Gamtaa Afriikaa jalatti mariin Afriikaa Kibbaatti taa’amuuf ture qaamoolee lamaan irraayyuu hirmaachuuf hayyamamoo ta'anis argamus, sababii rakkoo ‘loojistikaa’ jedhuutiin yeroo hin murtoofneetti dabarfamuun isa ani yaadatama.












