Beela Tigraay namoota hedduu kadhaaf daandiitti baase
''Beelofnee, daarree jirra. Lafa qotachuu hin dandeenyu, wanti nyaatan hin jiru, xaa’oo hin qabnu,'' haadha beelofnaan daandiitti bahantu kana dubbate.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa namoota kumaatamaan lakkaa’aman lubbuu galaafateefi miiliyoonota immoo beelaaf saaxileera.
Dhalattoonni Tigraay miiliyoonaan laakkaa’aman hanqina nyaataan dararamaa jiru.









