Minisootaatti biizinasiiwwan dhibbaan lakkaa'aman cufamuun oppireeshinii Tiraamp irratti mormiin gaggeeffame

Madda suuraa, Getty Images
Jimaata kaleessaarraa qabee biizinasiiwwan dhibbaan lakkaa'aman US bulchiinsa Minisootaa keessaa cufamaniiru. Hiriirtonni kumaatamaan lakkaa'aman daandiitti ba'uun hacuuccaa qondaalonni immigireeshinii irraan ga'an mormaniiru.
Hiriirri guddaan kun erga qindeessitoonni akka jiraattonni bulchiinsa kanaa hojii ykn mana barumsaa adda kutan akkasumas suuqii banuu akka dhiisan dhaamsa dabarsanii gaggeeffame.
Waamichi kunis kan dhihaate oppireeshinii jaarmiyaan immigireeshinii fi gumuruukaa US (US Immigration and Customs Enforcement- ICE) gaggeessaa jiru mormuufi.
Oppireeshiniin ICE bulchiinsa Minisootaa keessatti ajaja Pirezidant Doonaald Tiraampiin erga eegalamee ji'a ja'a caaleera.
Bulchiinsi Tiraamp nageenya uummataaf oppireeshinii kana akka gaggeessu hima. Kanaafis godaantota seeraan alaa ''yakkamtoota'' jedhuun gara biyyasaaniitti deebisuurratti hojjeta.
Kana raawwachiisuuf humna kan fayyadamu yoo ta'u, kanneen tarkaanfii kana qeeqan godaantonni galmee yakkaa tokkollee ofirraa hin qabnee fi kanneen lammiilee US ta'anillee hidhamaa jiraachuu himu.
Kaleessa dureewwan amantii namoonni harka ICE galan akka US keessaa hin ari'amne buufata xiyyaaraa Miniyaapoolisitti mormii dhageessisaa turan.
Kanneen keessaa 100 kan ta'an buufata xiyyaaraa kanatti hidhamaniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dubbi himaan buufata xiyyaaraa kanaa ''hojiiwwan eeyyama argatan osoo hojjetamaa jiranii qabxiin irratti waliigalame waan sarabameef,'' hidhaan kun raawwatame jedhe.
Tarkaanfiin kunis nageenyummaa hawaasaa eeguu fi buufata xiyyaarichaa akka hin danqamneef daandii banuuf kan fudhatame ta'uu ibse.
Minisootaatti poolisoonni federaalaa kumaatamaan lakkaa'aman ramadamanii jiru. Oppireeshiniin gaggeessaa jiran "Operation Metro Surge" jedhama.
Erga jalqaba ji'a kanaa jiraattuun Miniyaapoolis umriinshee waggaa 37 poolisoota federaalaan ajjeefamtee as muddamni Minisootaatti hammaateera.
Qondaalota naannoo dabalatee jiraattonni bulchiinsa Minisootaa ajjeechaa dubartii kanaa balaaleffataniiru, oppireeshinii kanas mormaa jiru.
''ICE Minisootaa keessaa akka ba'u barbaanna, bulchiinsota hunda keessaa akka ba'u barbaanna. Caasaa diriirsan haa baafatan,'' jedhan Lubai Diwaayin Royistar.
Dhaabbati isaanii Faith in Action jedhamu yeroo mormiin uummataa gaggeeffamu michuuwwan isaa naannawa sana jiran deeggaruun beekama.
''Kongiresiin akka tarkaanfii fudhatu feena. ICE irratti to'annoo cimsuun waan irraa eegamu gochuu qaba,'' jedhan.
Pirezidantii Itti Aanaa US kan ta'e JD Vaansi seera raawwachiistonni Minisootaa poolisoota federaalaa seera immigireeshinii hojiirra oolchuuf bobbaafaman tumsuu akka qaban Kamisa darbe akeekkachiisee ture.
Minsootaa fi magaalonni US gariin imaammata ''sanctuary'' jedhamu qabu. Kun qindoomina mootummaa naannoo fi ICE gidduu jiru daangessa.
Bulchiinsi Tiraamp imaammati akkanaa balaa nageenya hawaasaati jechuun qeeqa.
Qondaalonni US oppireeshinii ICE kanatti hin gammadne aangoo gadhiisaa jiru.
Torbee kana keessa ejentiin FBI tokko akkaataa biiroon kun itti qorannoo gaggeessaa jirutti mufachiisuun aangoo gadhiise.
Keessattuu akkaataa qorannoon qondaala immigireeshinii meeshaa waraanaan dubartii ajjeese irratti gaggeeffamaa jirutti daran akka mufate hime.
Jalqaba ji'a kanaatti abbootiin alangaa Miniyaapoolis ja'a aangoo gadhiisaniiru.
Kunis akkaataa qorannoo miseensota poolisii tarkaanfii humnaa fudhataa jiran irratti gaggeeffamaa jirutti waan mufataniif ta'uu ibsaniiru.












