Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Dooniin boba'aa feetee deemtu kun alaabaa Raashiyaa kan ofirraa qabdu yoo ta'u, qoqqoobbii US jalaa miliquun boba'aa feetee deemaa turte kan jedhuuni US doonii kana kan to'achuu beeksifte.
Deeggartoonni Liiverpuul ''dadhabaa fi hawwataa kan hin taane'' jechuun kilabicha arrabsuu Arne Siloot guutummaatti hin mormine
Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Leenjisaa Liiverpuul Arne Siloot
Leenjisaan Liiverpuul Arne Siloot deeggartoonni kilabichaa ''dadhabaa fi hawwataa kan hin taane'' jechuun gareesaa arrabsuu dhagahuun baayyee namatti ulfaata jedhe.
Leenjisaan kun qeeqa kana guutummaatti hin mormine, ammoo yoomiyyuu tapha hawwataa taphachuu akka barbaadu ibseera.
''Jechoota kunneen dhagahuun baayyee ulfaata. Garuu guutummaatti hin mormu. Garuu ga'umsi ammaa [kan Liiverpuul] ibsuuf jecha biraa fayyadamuun nan danda'a. Haalota tokko tokko ilaalcha keessa galchuun. Tapha taphanneen carraa barbaadamu uumuu dhiisuu dandeenya. Kun ammoo nu qofa miti kan mudatu. Carraa nuti uumne yoo fudhanne kan kilaboota ga'umsa gaariirra jiranii gadi miti,'' jedhe Siloot.
Liiverpuul taphoota sagal irratti hin mo'amne, garuu dhiheenya kana ga'umsi isaa gadi bu'uun baayyee qeeqamaa jira.
Dirreesaaraatti goolii 2 fi 1n erga Woolvis mo'atee booda Leeds fi Fuulham faana qixa ba'eera.