Pirezidaantiin Yugaandaa yaada ilmi isaanii dubbataniif dhiifama gaafatan

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantiin Yugaandaa Yuweerii Museveenii ergaa falmisiisaa ajajaan humna waraana lafoo biyyattii jeneraal Muhoozii barreessan ilaalchisee lammiilee Keeniyaa dhiifama gaafatan.
Museveeniin erga ilmi isaanii filannoo pirezidaantummaa Keeniyaa ilaalchisuun karaa Tiwiiterii barreessan ilaachisuun dhiifama gaafachuun irra deebiin Wiiliyaam Ruutoo injifannoo isaaniif baga gammaddan jedhan.
‘’Obboloonni keenya Keeniyaa ergaa Tiwiiterii hogganaan duraanii waraana lafoo jeneraal Muhooziin barreessaniif dhiifama nuuf godhaa,’’ jedhan.
Muhooziin erga waa’ee TPLF fi filannoo Keeniyaa qeequun akkasumas Naayiroobii qabachuuf anaafi human waraanaakootti torban lama qofa fudhata jedhanii aangoo hoggansa human waraanaa lafoo biyyattii irraa kaafamaniiru.
Abbaan isaa Museveniin Yugaandaa waggoota 40f gaggeessaa jiru.
Hoggansa kamiifuu siviliis tahe waraana dhimma dhuunfaa biyya tokkoo keessa galuun yaada kennuun fudhatama hin qabu jedhan.
Ha atahu malee, Museveniin ilma isaanii hoggansa irraa erga kaasanii gulantaa ilma isaanii gara jeneraalaatti guddisaniiru.
Ilmi Museevenii yaada Tiwiitera irratti kennaniin aangoorraa kaafaman

Madda suuraa, Muhoozi Kainerugaba/twitter
Ilmi pirezidaantii Yugaandaa yaada falmisiisaa miidiyaa hawaasaa isaarratti barreessuun tibbana maqaansaa ka'aa ture Let. Janaraal Muhoozi Kainerugaba aangoo ajajaa humna waraanaa raayyaa biyyattii irraa kaafaman.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ilma pirezidaanti Yuweerii Museevinii angafa kan ta’an Muhoozi Kainerugabaan aangoo irraa haa kaafaman malee, gara gulantaa janaraalummaa guutuutti guddifamaniiru.
Kunis gulantaa raayyaa biyyattii keessatti isa olaanaadha jedhameera.
Janaraal Muhoozi Kainerugaba aangoo ajajaa Raayyaa ittisa biyyaatiin alatti ittigaafatamummaa gorsaa pirezidaantii duulaawwan addaa akkuma qabataniitti itti fufu.
Janaraal Muhoozi Kainerugaba Kanaan dura ajajjaa humna addaa abbaa isaa pirezidaantii Museevinii tiksuu turan.
Janaraalichi waranaa biyyattiin Somaaliiyaatti bobbaaftee turte kan hoggananii turan yoo ta’u, ammaan tanatti ammo duula garee filchiltoota Yugaandaa DR Koongoo keessatti gaggeeffamu hogganaa turan.
Janaraalli kunis aangoo ajajummaa human Raayyaa Ittisa biyyaa irraa kan kaafaman ergaawwan wal falmisiisoo tibbana karaa toora tiwitaraa isaanitiin barreessaniin kan wal qabatu ta’ufi dhiisuu wanti barame hin jiru.
Janaraalichi guyyaa Wiixataa karaa tiwitara isaanitiin raayyaan isaanii magaalaa guddoo Keenyaa kan taate Naayiroobii to’achuudhaaf torban lama qofa akka itti fudhatu barreessuun Keeniyaanoota biratti dheekkamsa kaasee ture.
Haata’u malee Kibxata kaleessaa Janaraalichi abbaa saanii Pirezidaanti Museevenii waliin dubbachuufi barreeffamni isaanii Keeniyaa keessatti burjaajii akka ume hubachu ibsanii ture. Pirezidaantichi jijjiramni akka jiraatu beeksiisuuf dubbatanii ture.
Haata’u malee Jeneraalichi ‘jijjirama‘ kan jedhan kan jedhan muudama raayyaa ittisaa keessatti gaggeeffamu haata’u ykn haa dhiisu ifatti kan jedhan hin turre.
Mootummaan biyyaattii garuu burjaajii sababii barreeffama ilami pirezidaantiichaa walitti fufiinsaan maxxansanii umamee irraa kano fi fageesse fakkaatu.
Ministeerri Dhimma Alaa Yugaandaa, dhimma miidiyaalee hawaasaa mootummaa ilaalchisuun imaammata alaa akka hin qopheessinee ibsuun, Yugaandaan walitti dhufeenya dacha Keeniyaa waliin qabdu kabajaan kan ilaaltu ta’u himeera.
Itti dabaluunis biyyoonni lamaan kan seenaa waloo qaban, tokkoon tokkoosaaniitiif kabajafi amantaa kan ta’anii fi hawaasa Afriikaa Bahaa tokko ta’e ijaaruuf fedhii kan qaban ta’u ibsichi kaaseera.
Dubbi Himaana Yugaandaa Birgaadar Fiiliiksi Kulaayiyee gama isaanitiin, Keniyaan Yugaandaa waliin walitti dhufeenya gaariin kan qabdu ta’u ibsuun, waraannii Yugaandaa Keeniyaa akka hin weerarre BBCtti himan.
Ilmi pirezidaantii Museevenii kunis barreeffamoota qaxanichaa fi sadarkaa idil-addunyaatti wal falmisiisoo ta’an yoo maxxansan kun kan jalqabaa saanii miti.












