Hawwii Maatiwoos: Muuxannoo Gidaamii hanga biyya Indiyaa dorgommii bareedinaa injifachuuf gumaache

Haawwii Maatiiyoos

Madda suuraa, Visit Oromia

Komishiniin Tuurizimii Oromiyaa dorgommii ‘Miss Tourism Oromia’ jedhuun dorgommmii bareedinaa waggaa waggaadhaan qopheessaa jiruun dorgommii baranaa kan injifatte Shamarree Hawwii Maatiwoosi.

Dorgommii kana injifachuusheetiin badhaasa Birrii kuma 200 argattees jirti.

Hawwiin waa’ee Dorgommii bareedinaa kanaa fi muuxannoo jireenyashee ilaalchisuun addatti BBC waliin turtii taasiftee jirti.

Ofii Hawwiin eenyu?

Haawwii Maatiiyoos

Madda suuraa, Visit Oromia

Godina Qellam Wallaggaa Gidaamiitti akka dhalatte kan himtu shamarreen Hawwiin, daa’imummaarraa kaasuun kan guddatte garuu Magaalaa Finfinneetti.

“Dhaladhee waggaa tokkottin Finfinneetti Gale. Kanin baradhes kanin guddadhes Finfinneedhumatti. Kutaa 12 fixee Yunvarsiitii Jimmaattin ramadame. Achitti waggaa tokko akkuman baradheen qabxii olaanaa waanin Fideef carraan barnoota biyya alaa naaf kenname” jetti.

Bara 2010 irraa eegaluun waggoota Afuriif biyya Indiyaatti ogummaa Faarmaasii barattee gara biyyaatti deebi’uun Finfinneetti dhaabbata qoricha omishu tokko keessatti qacaramtee hojjechaa akka jirtus himti.

Waggoota afur biyya hindii turte kanattis afaan warra Indiyaa akka gaariitti dubbachuu fi dhagahuu akka barattes dubbatti. Afaan Oromoo, Amaaraa fi Ingilizii akka gaariitti akka dandeessuu fi Afaan Kooriyaa ammoo akka dhageessu himti.

''Waa’een dorgommii bareedinaa fi eenyummaa ofii beeksisuu kunis gara sammuu kiyyaatti kan nadhufe yeroon biyya Indiyaa turetti'' jetti Hawwiin.

“Yeroon Indiyaatti barachaa ture warri biyyasii akkaataan isaan itti jiraatan, aadaa isaanii eenyummaa isaanii osoo hin gatiin yeruma argitu eenyu akka ta’e, eessaa akka dhufe salphumatti adda baasta. Gaafas nuti hoo maalif akkanatti aadaa keenya hin mul’ise jedheen yaadaa ture” jetti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dorgommii ‘Miss Tourism Oromia’ Marsaan jaalqabaa yeroo adeemsifamu akka ilaaltee fi marsaa itti aanu irratti dorgomuun qaba jedhee kanin murteesse yeroos ture jechuunis himti.

“Nan danda’a jedheetuman dorgommii kanatti galmaa’e malee, naman moodeela godhadhes ta'e muuxannoo fi barumsa dorgommii bareedinaas hin qabun ture.

''Namoonni wajjin dorgomne baayyeen ammoo akkaatuma deemsaallee ana caalaa muuxannoo qabu ture. Ulaagaa murteesitootaatiin moo’adhe” jetti.

Hawwiin dorgommii kanaarratti uffaata aadaa Harargee uffachuun kan dorgomte yoo ta’u, qabeenya turizimii Harargeen qabdus waltajjii sanarratti ibsuuf yaalteetti.

Ulaagaa dorgommichaa kan ta’e ‘Dandeettii addaa’ kan jedhu jiraachuu gaafa bartu garuu ''abdii kutachuun hanga guyyaa dorgomichaa waltajjicharraa hafuutti'' yaaddee akka turtelleen yaadatti.

“Daandeettii addaa yoo jedhamu sirba, shubbisa yookan waan aartii kana qofa natti fakkaate. Animmoo waan kana baayyee hin danda’u. Kanaaf jecha gaafa dorgomichaa sana hafuuf murteesseen ture. Warra nu dorgomsiisantu hamilee natti horee jennaan ofta’eema dorgome,” jetti.

Ulaagaa dandeettii addaa jedhu kanaafis akkaataa itti nama balaan irra gahe tokko hanga bakka yaala fayyaa gahutti yaalii dursaa gochuufiin danda’amu waltajjii sanarratti agarsiisuus himti.

Dorgomicha moo’achuun ‘Miss Tourism Oromia’ ta’uu gaafa mirkaneeffattu gammachuu daangaa hin qabnetu natti dhagahames jetti.

“Dhugaa dubbachuuf baayyeen gammade. Maatiinkoos dorgomicha galma keessa ta’anii hordofaa turan. Baayyee akka natti gammadanii fi boonan natti himan,” jetti.

Haawwii Maatiyoos

Madda suuraa, Visit Oromia

Karoora gara fuulduraa

Gara fuuladuraatiifis qabeenya Turizimii Oromiyaan qabdu beeksisuudhaan itti gaafatamummaa gonfoo bareedinaa kana mo’achuun natti kenname bahachuufan hojjedha jettee jirti.

Ogummaa qorichaa yookan Faarmaasii kanas osoo hin dhiisin hojiilee lamaan walfaana adeemsisuu akka barbaaddus dubbatti Hawwiin.

Komishiniin Turizimii Oromiyaa erga hundeeffamee dorgommiin bareedinaa waggaa waggaadhaan adeemsisu kun hojiilee hojjetaa jiru keessaa tokko yoo ta’u, kan miilana Hawwiin irratti Injifatte kun marsaa lammeessoodha.

Marsaa jalqabaatin shamarree Haliimaa Abdulshukur dorgomicha injifachuun waggaa tokkoof ‘Miss tourism Oromia’ ta’uun tajaajilaa turuunshee ni yaadatama.