Dorgommiin miidhaginaa shamarreen Gaanaa Itoophiyaa bakka bu'uun irratti hirmaatte maal?

Bakka buutuu Itoophiyaa Dr. Sitoor Abraa dorgommii irratti

Madda suuraa, Ghana Most Beautiful

Biyya Lixa Afrikaa Gaanaatti Televijiniin 'TV3' jedhamu dorgommii miidhaginaa 'Ghana's Most Beautiful' sagantaa gosa 'Reality show' jedhamuun erga tamsaasuu eegalee amma waggaa 14'ffaa isaarratti argama.

Sagantaalee daawwattoota hedduu qabu keessaas isa tokkodha.

Dorgommii ji'oota afuriif turu kana irratti dorgomtootni hojii manee isaaniif kenname hojjetanii dhiyaatu, dorgommichis sa'aa lamaaf tamsaafama.

Naannolee Gaanaa keessa jiran 16 irraa shamarran bakka buufaman waggaa waggaan dorgommichaaf kan dhiyaatan yoo ta'u, duudhaalee Gaanaa keessa jiran lammiilee biyyattiif darbees addunyaatti agarsiisuuf sagantaa kaayyeffate ta'uu miidiyichi BBC'tti himeera.

Dubbii himaan dhaabbatichaa Kiriis Koonii tokkummaa Afrikaa miira mul'isuun saganticha keessaa torbeen inni tokko ''Galgala Afrikaa'' jedhamee moggaafameera jedhan.

Dorgomtootni lammii Gaanaa ta'an kun torbee Afrikaa kanatti biyyoota Afrikaa keessaa tokko akka bakka bu'an carraan bahaaf. Sana booda qopheessitootni sagantichaa biyya shamarran kun bakka bu'an irraa dippiloomatii dubbisuun waayee biyya bakka bu'anii odeeffannoowwan kennuun akka gargaaran akka godhamu Kiriis ni dubbata.

Dorgommiin bara kanaa Waxabajjii darbe dorgomtoota 16'n eegalee Onkololessa dhufu xumurama.

''Galagala Afrikaa'' kanarratti aadaafi duudhaan biyyoota Afrikaa biroo kan akka Itoophiyaa, Keeniyaa, Afrikaa Kibbaa, Naayijeeriyaafi Laayibeeriyaa fa'aa bakka buutotaan dhiyaateera.

Itoophiyaa kan beeksifte Dr Setoor eenyu?

Dr. Setoor Abraa oogeettii fayyaa yeroo taatu kutaa biyyaa Voltaa bakka bu'uun dorgommii kanarratti hirmaachaa jirti.

Dr. Setoor keessumaa fayyaa sammuurratti bal'inaan hirmaannaa ho'aa taasifti.

Dorgommiin kun hanga xumuramutti hirmaattotni addunyaa waliin wal hin argan. Bilbilas ta'e miidiyaa hawaasaa kamuu akka fayyadaman hin hayyamamuuf.

Dr. Setoor dabalatee babbareedoon Gaanaa biyyoota Afrikaa biroo bakka bu'an saddeet gara eembasiiwwan biyyoota bakka bu'anii akkasumas haawasa bakka bu'an dubbisuun sagantaa kanaaf qophaa'aniiru.

Setoor gara eembasii Itoophiyaa Gaanaa jiruu imaluun achiis magaalaa Akraa keessatti dhalattoota Itoophiyaa jiraatan waliin dubbachuu`n qophaa'uu ishee qopheessitootni sagantichaa ibsaniiru.

Huccuu agarsiisaaf uffattee turte qopheessuudhaanis ishee gargaaruu dhageenyeerra.

Bareedduun Gaanaa ganna 28 Dr. Setoor agarsiisa Itoophiyaa bakka bu'uun Dilbata darbe gooteen marsaa itti aanutti dabarteetti. ''Dubartii dubbii toltu'' jedhamtees filatamteetti.

Dorgommicha mo'ateettii?

Setoor dorgommichaan hanga ammaa hin injifanne. Itoophiyaa bakka bu'uun dorgommii gooteenis kanneen marsaa xumuraaf darban torba keessaa tokko taateetti.

Shamarreen bareedduu Gaanaa bara kanaa kan beekamtu dorgommiiwwan ammaan boodaa lama taasifamaniin booda.

''Setoor dorgommii isa xumuraaf darbuuf dorgommii godhamu irratti ni hirmaatti. Kuniis Dilbata dhufu ta'a. Isa yoo dabarte Fulbaana 23/2014 dorgommii xumuraa gaggeefamu irratti hirmaatti'' jechuun Kiriis BBC'tti himaniiru.

''Torbee kana keessa lammiilee Itoophiyaa deeggarsa isaanii nuu ibsan hundaaf galata dhiyeessuu feena'' kan jedhu bakka bu'aan dhaabbatichaa Kiriis, ''akka sabaatti walitti dhiyaachuufi walbaruuf yaalii haa goonu'' jedhaniiru.

Injifattuun dorgommii kanaa badhaasa konkolaataa gatii qaalii, maallaqaafi waggaa tokko guutuuf badhaasni huccuu ni dhiyaataf.