Shakkamtuun Baakkootti abbaa warraashee muktumaan ajjeefte qoraamaa jirti- poolisii

Dhaddacha

Madda suuraa, Getty Images

Shakkamtuun abbaa warraashee ajjeefftee, “lola natti kaasnaan ofirratti rukkute” jechuun poolisiif jecha kennushee qorataan yakkaa Waajjira Poolisii Aanaa Baakkoo Tibbee Ittaanaa Saajinii Doshaa Wayyumaa BBC’tti himan.

Shakkamtuu Suufanii Shantamaa fi miidhamaan abbaan warraashee amma lubbuun hinjirre godina Shawaa Lixaa Aanaa Baakkoo Tibbeetti gaa’elaan waggoota 11’f waliin jiraataniiru.

Waggoota 11 kana keessattis ijoollee sadi waliin horataniiru. Haa ta’u malee gaa’elli isaanii waldhabdee darbee darbee gidduu isaaniitti uumamuun jeeqamaa ture.

Namoonni naannoo isaanis abbaa warraafi haadha warraa araarsaa waliin akka jiraatan taasisaa turaniiru.

Haata’u malee Fulbaana 08 bara 2015 mana jireenyasaanii kan Aanaa Baakkoo Tibbee ganda Amartii Gibee iddoo addaa Boree jedhamutti argamutti taateen gaddisiisaan tokko raawwatame.

Guyyaa kana tilmaamaan halkan keessaa sa’aa 8:00 irratti miidhammaan haatii warraasaa buna akka dafiistuuf gaafata.

“Shakkamtuunis bakka ciistuu kaatee iddoo buna tumaa turteetti ‘abbaan manaakoo lola natti kaasnaan ilmoo mooyyee (muktumaa) buna ittiin tumuun morma isaa gara bitaa al lama dhahe” jechuun haala itti rukkittee ilaalchisuun jecha kennuushee I/A Saajin Doshaa Wayyumaa himan.

Sana boodas abbaan warraa shakkamtuu lafatti kufuu isaa fi dhiigni afaanfi funyaaniin bahaa akka tures shakkamtuun jecha kennuushee himan.

“Erga kufee achumatti hafe; hin dubbatu, hin nyaatu, hin dhugu. Lubbuun osoo keessaa hin bahiin guyyaa sadi ture,” jedhan.

Haala kanaan guyyoota sadiif erga tureen booda miidhamaan Fulbaana 12, 2015 lubbuun darbuu galmeen qorannoo poolisii agarsiisa.

“Lubbuunsaa darbuu erga argitee boodas manuma jireenyaashee keessa bakka ciisichaatti lafa qottee miidhamaa awwaalte” jedhan qondaalli poolisii BBC dubbise kun.

Barbaacha maatii fi afooshaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gochichi raawwatamee erga bubbulee boodas Fulbaana 18 bara 2015 obboleessi miidhamaa afoosha naannichaa yaasuun, “abbaan manaakee bahee galuu dide; maaliif cal jettee teessa?” jechuun shakkamtuu gaafata.

Shakkamtuunis “Inni gaafa guyyaa Fulbaana 8, 2015 halkan keessaa sa’aa 10:00 irratti madaabaraa fudhatee bahe. Iddoo inni deeme hin beeku. Ergasii hin galle,” jechuun deebisti.

Haata’u malee obboleessi miidhamaafi miseensoonni afooshaa shakkii qaban irraa ka’uun mana keessa sakkatta’uu eegaluusaanii galmeen qorannoo poolisii hima.

“Shakkiidhaan mana keessa yemmuu sakatta’an bakka ciisichaatti biyyoo argan. Biyyoo kana akaafaan yeroo haadhan foolii badaan yemmuu bahu ‘qaamni seeraa dhufee yaa ilaalu’ jedhanii dhiisan” jedhan Ittaan Saajiin Doshaan.

Isa booda shakkamtuu Suufanii Shamtamaa abbaa warraashee ajjeesuun mana ciisichaa keessatti akka awwaalte namoota iddichatti argaman keessaa nama tokkotti himti.

Sana boodas jiraattoonni naannichaa shakkamtuu tana gara Waajjira Poolisii Aanaa Baakkoo Tibbeetti geessan jechuun haala ture BBCtti hima qondaalli kun.

Adeemsi qorannoo maalirra jira?

Poolisiin Aanaa Baakkoo Tibbee abbaa alangaa waliin ta’uun qorannoo shakkamtuu irratti taasiseen, shakkamtuun gochicha rawwachuushee jecha amantaa akka kennite Ittaanaa Saajin Doshaa himaniiru.

Lubbuun miidhamaa erga darbee boodas “namni maal naan jedha, namni na ajjeessa,” jechuun manuma keessatti awwaaluushee jecha kennuushees himan.

Kana malees poolisiin jecha ragaalee namootaa fudhachuusaa kan himan qorataan yakkaa Ittaanaa Saajin Doshaa Wayyumaa, adeemsi qorannoo xummurarra akka jiru himaniiru. 

Dhimmichis Mana Murtii Olaanaa Godina Shawaa Lixaatiin kan ilaalamu akka ta’e dubbatan. 

Gama biraatiin haala fayyaa sammuu shakkamtuu kan gaafanne Ittaanaa Saajin Doshaa Wayyumaa, “shakkamtuu tanarraa akka hubannetti sammuunsheee nagaadha. Aariirraa kaatee ta’uu danda’a malee haalli sammuushee waan nama shakkisiisu miti,” jedhan.