Namtichi haadha warraa isaa duraanitti boba’aa naqee, ibiddaan gubee ajjeese du’aan adabame

Lamuun TikTookii Chaayinaarratti hordoftoota kuma dhibbaan lakkaa'aman horattee turte

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Lamuun TikTookii Chaayinaarratti hordoftoota kuma dhibbaan lakkaa'aman horattee turte

Manni Murtii Chaayinaa namticha haadha warraa duraan hiike tamsaasa kallattiin karaa intarneetii otoo darbuu boba’aa itti naqee, ibidda itti qabsiise, du’aan adabe.

Ta’iin sun dheekkamsa biyyattii keessatti kaasuun, miidha dubartootarra ga'u ilaalchisuun falmii haaraa kaase.

Namtichi Taang Lu jedhamu haadha warraasaa duraanii Lamuu jedhamturratti yakki dalage ’’heddu suukaneessafi dhiibbaa guddaa hawaasarratti uume’’ jedha manni murtii ibsi baase.

Lamuun dhalattuu Tibeet yoo taatu, qabiyyee Tiktooki Chaayinaatti beekamu Doyuhin jedhamurratti hordoftoota kuma dhibbatti lakkaa’aman horattee turte.

Lamuun haadha ijoollee lamaati, maxxansa viidiyoo isheerratti jiruu baadiyyaa aharsiisutti kan gammaddufi dibata namtolche otoo hin kuullatiin viidiyoon dhiyaachuun fudhatama guddaa argatte.

Viidiyoon hojjattes jaallattoota miliyoonatti lakkaa’aman argateera.

Viidyoowwan ishee wayita gaara irraa baatu, soorata bilcheessitu, uffata aadaa Tibeet uffachuun sirboota akkeessitu fa’aa mul’isu turan.

Lamuun abbaa warraa ishee duraanii Taang wajjiin bara darbe kan wal hiikan wayita ta’u, duraanuu ishee qoccolaa akka ture manni murtii eere jira.

Kan abbaa warraa ishee hiikte, mana abbaa isheetti haleellaan lubbuu ishee dabarse otoo irra hin qaqqabiin ji’a sadii dura ture.

Haleellaa irra qaqqabeen qaamni ishee %90 gubachuun, torban lama booda duute.

Manni murtii Kibba-Dhiha bulchiinsa Sichuwaan kessatti argamu Taang ‘’adabbii seera cimaan’’akka isa eeggatu ibse.

Lamuun erga duute torban lama booda hordoftoonni ishee kuma kudhatti lakkaa’aman toora ‘Douyin’ jedhamurratti dhaamsa gaddaa ka’aafi turan.

Maamiltootni toora Chaayinatti beekamu Weibo ta’an miliyoonatti lakkaa’aman otoo to’annoon hin jabaatiin dura haqa argachuu akka qabdu gaafachaa turan.

Chaayinaan miidhaa mana keessatti dubartootarra qaqqabu akka yakkaatti akka ilaalamu gootetti, garuu baadiyyaa biyyattii keessatti akkuma hammaatetti jira.

Lamuun qoccollaa Taangi isheen gahuu poolisittii irrra deddeebiin himatteetti, poolisoonni garuu ‘waldhabbii maatiiti’ jedhanii fudhachuu didan.

Sana booda Taang hiikte, taatullee Taang daa’ima waliin horatan keessa tokko ajjeesuuf doorsifnaan isa biratti deebite.

Taang reebu itti fufnaan Lamuun marroo lammaffaaf isa hiikuun, ijoollee lamaan kunuunsuuf mirga seeraan argatte.

Qorannoon Federeeshinii dubartootaa Chaayinaa bara 2013 gaaggeesse akka himutti, Chaayinaatti dubartoota heeruman ykn gaa’ila dhaabbatan keessaa nuusa kan ta’aniirra qoccolaan mana keessatti irra qaqqaba.