Atileetii Keeniyaa duutee argamteef poolisiin abbaa manaa shakke

Madda suuraa, Getty Images
Atileetiin Keeniyaa rikoordii addunyaa harkaa qabdu Agnees Tiroop, qe'ee ishee lixa Keeniyaa, iddoo leenjii atileetotaa taate Iten keessatti argamutti duutee argamte. Du'a atileetii kanaaf poolisiin abbaa manaaashee shakke.
Atileetiin umurii waggaa 25 kun dorgommii shaampiyoonaa atileetiksii addunyaarratti yeroo lama badhaasa nahaasaa argatteetti, ji'a lama dura ammoo dorgommii olompikii meetira 5,000 irratti afraffaan xumurte.
Poolisiin akka jedhetti erga atileetiin kun duutee as abbaan manaashee dhabameera.
Gareen qorattoota yakkaa Roobii har'aa mana Atileet Agnees Tiroop turan, haala kanaan abbaan manaa Kibxata kaleessaa abbaa atileetittiin dhabamsiifamuu hime poolisiin.
Hoogganaan poolisii naannawa sanaa Toom Makoorii,''Wayita poolisiin manashee ga'u, Tiroop sireesheerratti argan. Dhiigni lafatti dhangala'ee jira,'' jedhe.
"Poolisoonni achi ga'an mormarra waraanamuushee arganiiru. Kanarraa ka'uun billaadhaan waraanamtee du'uu akka hin hafne shakkine.''
"Ammayyuu wanti hundi abbaa manaarra jira, qorannaan duraa abbaan manaa shakkamaa ta'uu ibsa, innis erga dhabamee argamuu hin dandeenye waan ta'eef. Poolisiin abbaan manaa akka dhiyaatee waan mudate ibsuuf barbaadaa jira.''
Kaameeraan CCTV mana keessa ture qorannoo keenyaaf daran nu tumsa jedhe Aab Makoorii.
Tiroop wayita reenfi ishee argamu garaasheerras waraanamtee akka turte maddeen BBCtti himaniiru.
Milkaa'ina atileetittii
Atileet Agnees Tiroop ji'a darbe Jarmaniitti fiigicha kiilomeetira 10,000 kan dubartootaan rikoordii haaraa galmeessistee harkaa qabdi.
Jaarmiyaan atileetiksii biyyattii ibsa baaseen,''Atileetiksiin Keeniyaa, atileetii meetira 10,000n badhaafamtuu nahaasaa taate tasa dhabuutti baayyee rifateera,'' jedhe.
"Odeeffannoo waa'ee du'ashee baasuuf ammallee hojjechaa jirra. Keeniyaan atileetii sadarkaa addunyaatti biyyashee beeksisuuf abdii guddaa irraa qabdu dhabdeetti. Atileetii fiigichaan ija namoota addunyaa hedduu hawwatte dhabuutti ni gaddina.''
Dorgommii olompikii bara 2020 ji'a Hagayyaa darbe gaggeeffamerratti fiigicha meetira 5,00'n atileetiin kun atileetii Itoophiyaa Gudaf Tegay'n caalamuun afraffaa baatee badhaasaan ala taatee turte.
Atileet Agnees Tiroop dorgommii shaampiyoonaa addunyaa bara 2017 fi 2019 irratti fiigicha meetira 10,000'n badhaasa nahaasaa argachuun ija addunyaa hawwaatteetti.
Fulbaana darbe dorgommii Jarmanii, Herzogenaurach'n fiigicha meetira 10,000 daqiiqaa 30 fi sekondii tokkoon xumuruun rikoordii kanaan dura kuma 10'n qabamee ture irraa sekonsii 28 fooyyessitee rikoordii qabatte.
Atileet Agnees Tiroop hojii kana bara 2011 kan eegalte yeroo ta'u, akkuma atileetii jalqabdeenis yeroo lama badhaasa nahaasaa argachuun beekamuu eegalte.
Waggaa afur boodammoo dorgommii World Cross Country championships Chaayinaatti gaggeeffamerratti atileetii umriin xiqqoo badhaasa meedaaliyaa argatte ta'uun sadarkaa lammaffaa qabatte.













