Qananiisaa Baqqalaa: 'Waggaa 40'tti maaraatoniif hin dulloomamu'

Ethiopian athlete Kenenisa Bekele after finishing third at 2021 Berlin Marathon

Madda suuraa, Getty Images

Atileetiin Itoophiyaa Qananiisaa Baqqalaa erga guyyaa Dilbataa dorgommii fiigiicha Maaraatonii Barliin xumureen booda ispoortii dhaabuuf karoora akka hinqabne hime.

Atileetiin Waxabajjii darbe keessa waggaa 39 guute Qananiisaan, dorgommiin dura rikardii maaraatonii addunyaa kan sa'aatii lamaa, daqiiqaa tokkoo fi sakondii 39 - atileetii Keeniyaa Eluud Kipchoogeen qabame cabsuuf akka yaalu dubbatee ture.

Haata'u malee daqiiqaawwan shanii oliin rikardicha hanqachuun, Guyyee Adolaa kan dorgommicha tokkoffaa bahuun xumureen booda sadaffaa bahuun xumure.

Yeroo sadiif shaampiyoonaa Olompikii kan ta'e Qananiisaan ammas bara dhufaatti dorgommii magaalaa guddoo Jarman gaggeeffamuun rikardii addunyaa fooyyeessuuf karoora qabaachuu dubbata.

''Atileetoota biraa irraa odeeffannoon argadheen, umurii waggaa 40tti atileetoonni hedduun qabxii gaarii galmeessuu akka danda'aniifi maaraatoonii figuuf baayyee hin dulloomneedha,'' jedheera.

''Fayyaa guutuu yoon qabaadheefi yoon qophaa'e, Barliiniitti rikardii addunyaatiif deebi'ee fiiguun barbaada.''

Qabxiinsaa guyyaa Dilbataas jalqaba bara kanaatti Covid-19n qabamuunsaa miidhamuusaa ibsuun, baayyee dhukkubsatulleen mallattoolee cimaa akka hinqabaannefi sirriin bayyanachuus himeera.

Walumaagalattis dhimmi koronaavaayirasiin mudatee dhiibbaa olaanaa qaqqabsiiseera jedheera.

''Anaaf, rakkoo guddaan sababii weerarichaatiin walqabatee leenjii gahaa dhabuudha,'' jechuun ibse.

Atileetota fiigicha dheeraan beekamoo tahan keessaa tokko kan ta'e Qananiisaan, sababii Federeshenii Atileetiksii Itoophiyaatiin hinfilatamneen walqabatee Taphoota Olompiikii lamaan darban irratti osoo hin hirmaatin hafeera.

Qananiisaa fi federeshinicha adeemsa filannoo dhiheenyaa irratti ijaan wal hinagarre ture. Kanaafuu fiigicha maaraatoniitiin atileetii saffisaa lammaffaa ta'ulleen filatamuu hindandeenye.

Bara 2019 keessa Qananiisaan Barliiniitti rikardii Kipchoogeen qabame sekoondii lamaan hanqate. Kipchoogeen rekordicha kan cabsuu danda'e magaaluma kanatti 2018tti ture.

''Dhugaatti Olimpikii Paaris 2024tti hirmaachuun barbaada, garuu haala federeshinii Itoophiyaatiin murteessuun rakkisaadha,'' jechuun ibseera.

"Ani biyya tokkittii qofaan qaba. Osoon Paariis deemuu barbaadee, ulaagaa isaanii waanan hinbeekneefu deemuun rakkisaa ta'uu danda'a,'' jedheera.