Atileet Qananiisaa Baqqalaan dogoggora Maraatoonii Barliin kanaan duraa irra hin deebiyu jedhe

Madda suuraa, Pool
Atileet Qananiisaa Baqqalaa dogommii Maraatoonii Barliin Dilbata dhufu gaggeeffamu irratti dogongoran kanaan dura raawwadhe irra hin deebiyu jedhe.
Atileet Qananiisaan waggaa lamaan dura bara 2019 keessa magaalaa guddoo Jarman, Barliin keessatti dorgommii maraatoonii gaggeeffamee tureen rikoordii addunyaa foyyeessuudhaaf sekondii 2 qofti isa hafee dorgomicha injifachuun isaa ni yaadatama.
"Dorgommichaan dura rikkoordii foyyeessuudhaaf sammuu kiyya hin qopheessine ture. Rikoordii foyyeessuudhaaf osoon sammuu kiyya qopheesseera ta'ee, rikkardiin yeroo sana caba ture," jechuun Qananiisaan viidiyoo fuula Instagram isaarratti qooderratti dubbateera [afaan Ingiliiziin].
Dorgommii Maraatoonii Barliin bara 2019 kana irratti sababii sekondii lamaan qofa osoo rikardii osoo hin foyyeessiin hafuun isaa "yeroo baay'ee na naasisa" jedha tileetii gameessi kun.
Qananiisaan dorgommii Dilbata dhufaa kana gaggeeffamu irratti rikardii addunyaa maraatooniin atileetii Keeniyaa Eliyiiwud Kipchoogeetiin qabame foyyeessuuf karoora akka qabu dubbateera.
Milkaa'ina Qananiisaa keessaa muraasni:
- Olompikiin medaaliyaa warqee 3 mo'ateera
- Olompikiin medaaliyaa birrii 1 mo'ateera
- Shaampiyoonaa Addunyaan medaaliyaa warqee 5 mo'ateera
- Shaampiyoonaa Addunyaan medaaliyaa nahaasii 1 mo'ateera
Atileet Qananiisaan dorgommiiwwan filatu keessa tokko Maraatoonii Barliin ta'uu isaa hima. "Kan namoonni baay'een irratti hirmaatanidha. Haala qilleensaa gaarii ta'e qaba. Magaalattiis nan jaaladha. Magaalaa qulqullooftuu, qilleensa qulqulluu qabdudha," jedha Atileet Qananiisaa Baqqalaa.
Qananiisaan yeroo ammaa dogommichaaf biyya alaatti qophii xumuraa taasisaa jiraachuu dubbateera.
Maraatoonii Barliin rikkardiin itti foyyeeffamu
Barliin, Landan, Boostan fi Niiw Yoork magaalota dorgommiin maraatoonii tilmaamni olaanaa ta'e kennamuuf qopheessan keessaati.
Maraatooniin Barliin ammoo bifa adda ta'een waltajjii rikardiin addunyaa itti foyyeeffamu ta'aa tureera.
Dorgommii maraatoonii bara kanaa kan hin hirmaanne Eliyuud Kipchoogee bara 2018 keessa dorgommii Maraatoonii Barliin gaggeeffamerratti sa'aatii 2፡01፡39 taheen mo'achuun rikardii addunyaa qabateera.
Atileet Qananiisaan ammoo waggaa tokkoon booda jechuunis bara 2019 sa'aatii 2፡01፡41 galmeessisuun mo'achuu danda'eera.
Rikardiiwwan Maraatoonii Barliin irratti foyyeeffaman keessaa:
- 2፡02፡57 bara 2014 Atileetii Keeniyaa Deeniis Kimetoo
- 2፡03፡23 bara 2013 Atileetii Keeniyaa Wiilsan Kiipisaang
- 2:03:38 bara 2011 Atileetii Keeniyaa Paatiriik Maakaahu
- 2:03:59 bara 2008 Atileetii Itoophiyaa Hayilee G/Sillaasee
- 2:04:26 bara 2007 Atileetii Itoophiyaa Hayilee G/Sillaase
- 2:04:55 bara2003 Atileetii Keeniyaa Pool Teergaatiin rikardiiwwan foyyeeffamaniiru.
Maraatooni Barliin baranaan atileetota eegaman
Atileet Qananiisaa Baqqalaa dabalatee, atileetonni Itoophiyaa bu'aawwan ajaa'ibaa galmeessisuu danda'an hedduun kan hirmaatan ta'u.
Bara 2017 keessa Kipchoogeetti aansee lammaffaa bahee kan ture atileetiin Itoophiyaa Guyyee Adoolaa hirmaachuuf jira. Atileetiin Itoophiyaa biroo umuriin isaa waggaa 22 ta'e Oliiqaa Addunyaa yoo ta'u, innis Maraatoonii Barliin kana irratti hirmaachuuf jira. Atileet Oliiqaan bara 2020 Maraatoonii Dubaay mo'ateera.
Bara 2021 keessa dorgommii Leek Biiwaa, Jaappaanitti gaggeeffame irratti kan mo'atee ture atileetiin lammii Jaappaan atileetii biroo eegamudha.
Dogommiin Maraatoonii Barliin kan dhiirotaa Dilbata ganama gaggeeffama.
Dorgommii maraatoonii dubartootaa
Dorgommii Maratoonii Barliin kan dubartootaa atileetonni Itoophiyaafi Keeniyaa ni mo'atu jechuun tilmaamni kennameera.
Hiwoot G/Kidaan Maraatoonii Miilaan irratti sa'aatii galmeessiste 2፡19፡25 qabattee dorgommicharratti hirmaachuuf jirti.
Shaampiyoonaa Maraatoonii Koppenhaageniifi Liizban bara 2015 kan taate atileetiin lammii Keeniyaa Purity Cherotich Rionoripo kanneen ni mo'atu jedhamanii eegaman keessaati.

















