Lammiin Indiyaa haadha warraasaa bofa hiddisiisee ajjeese adabame

Lammiin Indiyaa haadha warraa isaa bofa kobraa hiddisiisuun ajjeese haala hin baratamneen hidhaa umrii guutuu dachaa (si’a lamaatu) itti murame.
Sooraj Kumaar namtichi jedhamu kan himatame, haadha warraan isaa Utira bofa hiddisiise bara darbe ajjeesuu isaatiin ture.
Poolisiin akkatti Utiraan duute qorachuu kan jalqabe warri Utiraa, Sooraj wayita ishee fuudhu qabeenya warraa isheef kaffaluu yookaan gabbara baasuun walqabatee Utiraa qoccolaa ture jedhanii erga himatanii booda ture.
Bofa Kobiraa jedhamu otoo Utiraan raftuu itti gadhiisee hiddisisuu isaatiif, Wiixata darbe Manni murtii balleessaa itti mure.
Utiraa, dubartiin ganna 25 Caamsaa bara darbe kana mana ishee keessatti duute argamte.
Du’uu Utiraa torban tokko dura gosa bofa biraatiin hiddamtee waan turteef maatiin ishee akka itti duuterratti shakkii qabu ture.
Otoo hin du’iin bofa biraatiin kan hiddamte turterra bayyanataa wayita jirtuu marroo lammataaf bofa hamaa Kobiraa jedhamuun hiddamte.
Poolisiin wayita yakka raawwatame kana qoratu, Sooraj yaalii ajjeechaa sana duuba jira ture jedhe.
Kana malees, namtichi akka bofa hiddisiisu Sooraj amansiise hidhamuun galmeen himataa poolisiin akka irratti banu fayyade.
Marsariitiin dhimma seeraa Indiyaa LiveLaw jedhamu akka jedhutti, himannaan poolisii fuula 1,000 gahu shira karoorfamefi Sooraj hojiitti hiike ibsa.
Abbaan Alangaa ’'himannaan hedduu hin baratamne,’’ kun du’aan adabsiisuu qaba jedhee falme.
Abbaan Murtii galmeen himannaa kun hedduu kan hin baratamne ta’uu amanuun, adabbiin du’aa dachaan Sooraj irratti akka muramuufi Ruuppii Indiyaa 500,000 ($6,635) akka dabalataan kaffalu itti mure.














