‘Mirga Ajjeesuu’- Namoota abbaasaa gara jabinaan ajjeesaniif ilma dhiifama godheen kitaaba barraa'e

Kitaaba 'Mirga Ajjeesuu'

Madda suuraa, Jaankoo Getaachoo

Waaqoo Geetaachoo dargaggoo abbaansaa haala suukaneessaadhaan jalaa ajjeefamanidha.

Waggaa sadii booda ammoo, seenaa ajjeechaa abbaa isaa sana kitaabaa mata-duree ‘Mirga Ajjeesuu’ jedhuun maxxansee torban muraasa keessatti dubbisaaf dhiyeessuuf qophii xumureera.

''Kitaaba kana kaniin barreesse haqa abbaa koo barbaacha, namoota abbaa koo ajjeesanirratti tarkaanfiin akka fudhatamuuf miti. Kitaabichi seenaa maatii koo sababa du’a abbaa kootiin dararaa keessa dabarse hima,‘’ jedheera.

Inumaayyuu ''warreen abbaakoo ajjeesaniif mana hidhaa dhaqeen dhiifama godheef,’’ jechuun BBCtti hime.

Seenaa kanas akkuma inni haasa’etti akka armaan gaditti katabneerra. Dhiyaadhaa!

Abbaan koo maqaan isaanii Geetaachaw Addisuu jedhamu. Ogummaa barsiisummaafi babal'ina manneetii barnootaa qindeessuun magaalawwan Lixa Wallaggaa baayyee keessatti tajaajilaniiru.

Boodammoo maatiidhuma waliin gara bulchiinsa magaalaa Najjootti dhufanii jiraachuu jalqabne. Achitti gaggeessaa haawaasaa turan, mana amantaa keessaas si’aayinaan hirmaachaa turan.

Ani obboleetti hangafaa tokkoofi obboleewwan dhiiraa quxisuu laman qaba. Abbaa koo waliinis akkuma maatii kaanii hariiroo abbaafi ilmaa gaarii qabna ture, hanganni addunyaa kanarraa lubbuunsaa darbutti.

Abbaan koo nama namootaa waliin waliigalu, firaaf hawaasa waliin hariiroo gaarii qabu ture.

Nuun ijjoolleesaa immoo akka barnoota jaalannuu nu gorsa. Barnootaaf iddoo guddaa kenna, ni jaalata ture, dhimmooti lamaan kunneen waan abbaa koo na yaadachiisanidha.

Gaafas galgala maaltu tahe?

Waggaa sadii dura (2018) baatii Waxabajjii keessa halkan gaafa guyyaa 25 ture.

Galgala, abbaankoo fi harmeen koo akkuma guyyaa kaan godhan kadhannaa taasisanii rafuuf turan, isaan kutaa ciisichaa isaanii turan, obboleessi koo quxisuu yeroos wajjin tures kutaasaa keessa ture.

Yeroo jalqabu manarratti dhakaan daddarabtamee, achiin jarri mana cabsanii seenuuf gaafa jedhan ‘lakkisaa aniyyuu isiniin banaa waan barbaaddan haasa’uu dandeenya,’’ jedhee balbala banee ol galche abbaan koo.

Haadhi koo yeroosuma baqattee deemte. Abbaan koo ‘deemi ati mucaa fuudhiiti ani nan sirreessa’ ittiin jedhe.

Obboleessi koo waggaa 19 garuu haadha waliin abbaa dhiisee deemuun itti ulfaatee kutaa biraa keessa dhokatee karaa qaawwaa ilaala ture. Akka obboleessi koo yeroo sana ijaan arge natti himutti egaa namooti ol seenan ‘’meeshaatu(kan waraanaa) jira mana keessa fidii jedhaniin.

''Lakki ani meeshaa hin qabu,diina isa kamiin qabaayyuunii? Meeshaan maal naa godha? Yoo barbaaddan sakatta’uu dandeessu’’ jedheenii.

Sakattan’anis argachuu hin dandeenye. Sana booda gaafan dhagahu mana nama biraa ajjeechaa wal-fakkaataa raawwachuu deemaniitu namtcihi meeshaa qabaayyuuti dhukaasee ofirraa deebise, jara ajjeechaa kana raawwatan jechuu dha. Akkuma kanaa dhukaasanii nu deebisu jedhanii yaadanii turan.

Otuma obboleessi koo inni quxisuun dhokatee ilaaluu, siree irra rafan, uffata, qodaa nyaataafi miya mana keessaa illee otoo hin hafiin gadi gara saalonitti baasanii beenziina (boba’aa) itti firfirsani iddoo waliin geenyerra gasoo dhaan soqanii itti naqani.

Jaankoo Getaachoo

Madda suuraa, Jaankoo Getaachoo

Akka obboleessi koo jedhutti abbaa koo lama tahaniitu mormasaa hudhanii qabanii, achii booda inni tokko miila jalaa rukutee gaafanni kufu mormasaa hudhanii achumaan lubbuunsaa darbe.

Sana booda isarrattis beenziina firfirsanii miya manichaa isarra godhaniitu abidda itti qabsiisanii jechuu dha.

Obboleessi koo dhokatee waan tureef namni hin jiru jedhaniituma ibidda itti qabsiisan inni garuu karaa foddaa utaalee gara ollaa deeme, yeroo nagaa foddaa sanaaniyyuu bahuun ni ulfaata, lubbuuma oolfachuuf waan godhe dha malee, isayyuu ibiddi gara harkasaa isa mirgaa isa argateera

Egaa akkasitti manni sunis ni gubatee, reeffi abbaakoos ni gubate akkas ture waan galgala sanaa.

Du’a abbaa koo ‘message’ dhaanin dhagahe

Finfinneen jiraadhaa ani. Gaafas ganama ergaan gabaabaa ‘message’n bilbila kootti naa gale. ‘’Abbaan kee ni dhukkubaa dafii qaqqabadhu’’ jedha.

Aadaa keenya immoo tahee waan akkasii kallattiin sitti hin himamu. Tahus namoonni naannoo koo jiran bilbilaan gatii haasa’aa turaniif waantichi hammaataa akka tahe bareen ture.

Haadh kootti yeroon bilbilu maqaa bo’iichaaf dandeessee natti hin dubbattu ture. ‘’Abbaa kee nu ajjeesaniiru, mana keenyas gubaniiru anaafi obboleessi kee Tuuliin garuu nagaa dha, yoo dandeesse dafii nu qaqqabii’’ naan jette.

Sana booda mana fincaanii keessa seeneen ija koo walirra buufadheen kadhata gabaabaan taasise,’’yaa waaqayyoo rakkina waan sammuu koo ol tahettin galaa jiraati ati na gargaari,’’ jedheen bahe.

Reeffi abbaa koo akka gubate magaalaa Najjoo gahee gara awwaalasaa yeroo na geessaniin bare. Abbaan koo manan dhaladhee guddadhe keesstti gubatee du’ee, manni keessatti gadda taa’an hin turre. Mana akkoo koo, harmee abbaa kooti dhaqne.

Nuti abbaa keenya jennee boonyaa isheen immoo mucaa koo jettee boossi. Hirriba malee dabarsuun jiraa, namni haaraan battala dhufe hundatti ni boo’ama. Obboleettii koo hangaftii fi haati koo baayyee miidhaman.

Yeroo sana qaamotni ajjeechaa akkasii raawwatan lama sadii qofa miti, soddoma, afurtama faa tahaniitu socho’u, eessaa akka dhufan hin beekamu, sibilaafi meeshaa adda addaa qabataniitu adeemu.

Namooti olla akka hin birmanneefi mana tokko tokko isaanii fuuldura nama dhaaban qabu.Waajira poolisitti illee nuu birmadhaa jennaanis yeroos poolisiin eeyyamamaa hin taane ture. Maaliif akka tahe hin beeku.

Boodarra gaafa gaafannu ajaja qaama oliirraa dhufeen waajiraa akka hin bane jedhamneeti hin bahiin hafne jedhan.

Manichi akka jiruun gubateetu roobni halkan gara sa’atii 10 roobnaan hundeen manichaa qofaatti hafe. Reeffa abbaa koo immoo namicha ollaa keenyaa tokkotu inni gubate gubatee isa hafe walitti qabanii Waldaa Kiristiyaanaa dhaqatanii owwaalan.

Sanas sodaatanii waan turaniif nama sadii afur tahaniitu raawwatan. Namooti yeroos viidiyoo waraabaa turaniifi lafaa kaastanii akka hin awwalle kan jedhanillee turaniiru.

Qaamni abbaa koo walakkaan achumatti hafe, kan reeffa isaa dha jedhamee amanamee waan gubataa keessaa argame immoo awwaalameera.

Warreen yakka kana raawwatan eenyu?

Namoonni yakka kana raawwatan eenyu akka tahan, maal akka barbaadan waan sirriitti beeknu hin jiru. Garuu akka obboleessi koo jedhutti warra isa ajjeesan keessaa isa tokko ni beekna, walittis dhiyaanna.

Abbaan koo maqaadhuma isaa dhaheeti ‘’maali abaluu ani baadhee si guddisee mitii? Maaliif akkas na gootaa? Otuma inni jedhuuti hudhee sadarkaa inni dubbachuu hin dandeenyerra geessisee jechuu dha.

Namoonni gochaa sana raawwatan amma to’annoo seeraa jala hin jiranii. Adeemsi seeraa haadhaa koofi firootaan hanga godinaa gahee tures amma addaan citee jira isa qofan himuu danda’a.

Yeroos hunduu bu’aa siyaasaaf fiigaa ture gatii taheef qaamni eenyutu ajjeese, maaliif du’ee waan jedhu kan gaafate hin jiru, dhimmi mana murtii adeemee fiixaan bahes hin jiru.

Namni yakka sanaan himatamees amma mana sirreeessaa jiru hin jiru. Hamma har’aatti waanti barame hin jiru jechuu dha.

Akkuma abbaan koo ajjeefamee, mannisaa gubatee, innis gubatee, dhimmi seeraa ajjeechaasaa waliin wal-qabutus akkasuma gubateema hafe.

Waanti beekamaa amma jiru maatiin gadda hamaa ilmi namaa baachuu hin dandeenye otoo hin tilmaamiin nurra gahuusaati.

Warra abbaa koo ajjeesan mana hidhaa dhaqeen haasofsise

Obboleessa koofi ollaa dabalatee gaafas namoota ajjeechaa abbaa koo raawwatan kan ijaafi ijatti argan jiru.

Anaaf isaan gatii arganiif ragaa gahaa ture, ija mana murtiidhaan maal akka jedhamu hin beeku.

Haala kanaan namooti shan, jaha tahan kan shakkaman biroo waliin achuma magaalaa Najjootti waajira poolisii geeffamanii turan.

Sana booda bilisaan gadi haa lakkifamaniyyuu malee, yeroo sana namootni shan, ja'a ta'an yakka sanaan shakkamanii himannaa ummataatiin to'annoo waajjira poolisii magaala a Najjoo turani.

Namoota ajjeechaa abbaa koo irratti kallattiin hirmaatan jedhaman mana sirreessaa/waajira poolisii deemee argeera. Haasofsiiseera. Tokko tokkoo isaanii waliin taa’ee gochi isaan godhan sirrii akka hin taane itti hime.

Maaliif gocha sana akka raawwatan gaafadheen ture garuu ol jedhanii natti haasa’uu hin dandeenye. Kaan hin bo’u turanii, kaan callisaniima na ilaalu turanii, kaan immoo na dubbisuuyyuu na baqatu turani.

Isaan keessaa inni tokko of ajjeesuu akka barbaadu natti dubbatee ture. Jarri suni gochaa sana maaliif akka raawwatan kan beekan natti hin fakkatu. Dargaggooti kunneen umrii 16 fi 17 irra kan jirani dha.

Gochi sun gaafa raawwatame namootni 30,40 n lakkawaman turanis, ajjeechaa sana mana keessa seenanii kan raawwatan umriin isaanii 16 fi 17 ta'u jedheen tilmaama. Namootni baay'een halkan sana dhufan baay'een isaanii ga'eessotaa fi meeshawwan adda addaa qabatanii akka turanis dhaga'eera.

Dargaggoota to'annoo seeraa jala turan sanas dubbiseen ture. Kaan ija keessa na ilaaluufiyyuu ni sodaatu turan. Anis miirrikoo baay'ee na jeeqame. Namoota abbaakoo ajjeesan jedhamanii shakkaman dura dhaabbachuun natti ulfaate. aarii , gadda, ijaa baafachuu tu keessakoo na guute. ofiin wallaansoo qabaaman of tasgabbeessee achii ba'ee adeeme.

Saammuun koo yeroo dheeraaf aarii fi miira haaloon na guutamee ture. Garuu yeroo murtaayee booda namoota kanaaf dhiifama gochuun murteesse. Dhiifama godheefiin sammuukoos dhiphina aarii fi haaloo baafannaa irraa aara galfachiise. Wanti ta'e madaan isaa yoomiyyuu narra hin badu garuu al tokko tokko haaloo bahuutuu irra dhiifama gochuutu si boqochiisa.

Abbaan koo sila du’e waan taheef isaanirraa haaloo akka hin qabne,maatii isaaniis akka hin miine fi ofiisaaniillee kana booda dogoggora akkasii keessa akka hin galle itti hime.

Anis, maatiin keenya hunduu akka isaaniif dhiifama godhe ittin dubbadhe. Achiin wal-dubbisnee, miira keessa gallee, boo’ichi guddaas tureera mana sirreessaa sanatti. Kanaan, jara wajjiin gargar baanee jechuu dha.

‘Nama abbaa ofii ajjeeseef dhiifama gochuun akkamiin danda’ama?’

Isaaniif dhiifama gochuuf namummaa akkasii kanin argadhe abbaama koo isa ajjeefame irraati.

Yeroo hundaa mana keessatti waa yeroo balleessinuu, bakkee dhaa ijoollee waliin wal-lollee gallu, otooma rukutamnee galle illee akka nuti dhaqnee dhiifama gaafannu nu godha ture.

Erga abbaan koo du’ee amalan fide osoo hin taane durumaa kan inni ittiin nu guddise dha.

Dhugaa dubbachuuf nama abbaa kee hudheefi boba’aa itti firfirsee ajjeese dubbisuu mitii waa’eesaa yaaduuniyyuu nama dhukkubsa anis akkasuma natti dhagahamaa ture.

Nan rifadhaa abjuu keessa nan jeeqaman ture garuu ala tokko tokko immoo waanti foon kee kanaan hin hojjenne waan uumaan, waan Rabbi si gargaaru jira.

Dhiifama isaaniif gochuu kootti immoo jara sana caalaa iyyuu ofii koon of fayyade. Nagaan argadhe, haaloo namattii hin qabu.

Koomeedii fi gadda

Yeroos yeroo jiraachuudhuma itti jibbe ture. Maatiin halkan tokkotti diigama taanaan ‘hiikti jiraachuuyyuu maali?’ Ofiin jechaan ture. ‘Maaliif ana?’ Kan jedhu gaaffii natti tahaa ture.

Guyyaa baayyee hirriba maleen dabarsa ture garuu of ko’oomsuu gatiin qabuuf hojii aartii komeedii sanatti itti cimse. Guyyaa kolfaa oola inni namoota waliin hariiroon qabuuf na gargaareera garuummoo keessi na dhukkubuun akkuma jirutti ture.

Kitaaba ‘Mirga Ajjeesuu’ jedhu gaddarra taa’een barreessuu jalqabe

Erga abbaan koo ajjeefamee guyyaa jaha booda shamarree wagga 15 tokkotu kutaa Oromiyaa iddoo biraa irraa naa bilbilte.

''Anas abbaa koo dafqaan bulaa na jalaa ajjeesanii, haati koo qaama miidhamtuu dha, obboleettii ji’a jahaas qaba,’’ naan jettee abdii akka hin qabneefi kadhaaf daandiitti akka baatu natti himte.

Gaafas gaddee, boo’ee gaddi kuni mana Oromoo baayyee jira kan jedhuun barreessuuf murteesse. Wareegama akkasii mana Oromoo kumaatama keessa jiru keessaa ani seenaa lubbuu tokkoon barreesse jechuu dha.

Namni tokko mirga ajjeesuu yoo qabaatee, nama biraa irra immoo dirqama du’uutu taha.

Lubbuu kan uume Waaqaa, kan fudhachuu qabus isa. Kanaaf namaaf mirgi ajjeesuu eeyyamamuu hin qabu kan jedhu himuufan barreesse, dubbisaanis akkasitti naaf haa hubatu.