Humni waraanaa Masirii Somaaliyaatti bobbaafamuun Itoophiyaa fi naannoo isheef hangam yaaddessaadha?

Masiriin nagaa kabachiisuuf jecha humna waraanaa ishee gara biyya ollaa Itoophiyaa taate Somaaliyaatti erguuf gaafachuun ishee ibsameera.
Gamtaan Afrikaas Masiriin humna waraanaa ishee nagaa kabachiisuuf gara Somaaliyaatti nan erga jechuu ishee akka simatu ibse.
Gamtaan Afrikaa gaaffii Masirii simachuu kan ibse nagaa kabachiisuuf humni amma Somaaliyaatti bobba'ee jiruu fi maqaa Somaaliyaatti Ergama Ce'umsa Afrikaa [ATMIS] jedhamuun beekamu yeroo tajaajila isaa xumuruun bara 2025 waan bahuufi.
Gamtaan Afrikaa bifa haaraan humna bahuuf jedhu kana humna haaraa biraa ijaaramuu fi maqaa 'African Union Support and Stabilization Mission in Somalia' jedhuun bakka buusuuf.
Manni Maree nageenyaa fi tasgabbii Gamtaa Afrikaa wal gahii tibbana taa'e irratti Masirii fi Jibuutiin humna waraanaa isaanii ergama haaraa kana jalatti gara Somaaliyaatti erguun akka nagaa kabachiisan gochuuf gaaffii dhiyeessuu isaanii ibse.
Gaaffii biyyoota kanaa ammoo kan dhufe yerootti qondaalonni Somaaliyaa humni waraanaa Itoophiyaa nagaa kabachiisuuf Somaaliyaa jiru akka bahuuf gaafataa jiranittidha.
Gaaffii biyyoonni lameen dhiyeessan hojiirra kan oolu yoo tahu ATMIS ergama isaa xumura bara 2024 irra yeroo raawwatu, jalqaba bara 2025 humni waraanaa Masirii fi Jibuutii Somaaliyaa gala jechuudha.
Haa tahu malee pirezidaantiin Masirii Abdul Fattaa al-Siisii humna waraanaa isaanii maaliif Baha Afrikaa keessa bobbaasuu barbaadan?
Waraanni Masirii Somaaliyaa keessatti bobba'uun Itoophiyaafi naannoo Gaanfa Afrikaaf hiika akkamii qabaata?
Masiriin maaliif barfattee dhufuu barbaadde
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Siyaasa gaanfa Afrikaa itti dhiyeenyaan kan hordofan Maat Biraayiden, gaaffii tahuu kan qabu Masiriin waraana ishee maalif gara Somaaliyaatti erguu barbaadde kan jedhu osoo hin taane ''Masiriin amma waraana ishee maaliif gara Somaaliyaatti erguu barbaaddee?'' kan jedhudha jedhan.
Dhaabbata qorannoo Saahin jedhamu keessatti gorsaa tarsiimoo kan tahan Maati Biraayiden, waggoota 30 darbaniif Masiriin dhimma Moqadishoo keessa na galcha yeroo jettu dhagahamee hin beeku jedhan.
''Al-Shabaab biyyoota ollaa Somaaliyaa tahan Itoophiyaa, Keeniyaa fi Jibuutii irratti haleellaa gaggeessaa ture. Masirii irratti garuu qiyyaafatee hin beeku,'' kan jedhan Biraayiden, Masiriin fedhii addaa qabaachuu dandeessi jedhan.
Hidha Haaromsaa Guddicha amma xumuramaa jiru ilaalchisee Itoophiyaa fi Masriin wal dhabdee keessa erga galanii bubbulaniiru.
Gama biraan Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuuf Somaalilaandi waliin wal-hubannoon uumte ammoo hariiroon Itoophiyaa fi Somaaliyaa akka boora'u taasiseera.
Haa tahu malee, Itoophiyaan humna waraanaa lakkoofsi isaa guddaa tahe Somaaliyaatti bobbaasuun al Shabaab waraanaa kan turte yoo tahu, pirezidaantii biyyattiif eegumsa jabaa gochuuf gatii guddaa baasaa turteetti.
Teessuma lafaan yoo ilaalle Masiriin Somaaliyaa irraa fagaattee waan jirtuuf Moqadishoon nagaa dhabuun Kaayiroo dhiphisuu hin qabu jedhan Biraayiden.
Masirii fi Somaaliyaan miseensa Gamtaa Afrikaa fi Liigii Arabaa tahuun isaanii seenaa qaban garuu yoo xiqqaate walitti isaan hidhuu danda'a jedhan.
''Masiriin gara Somaaliyaa seenuun kan dhufuu danda'u inni guddaan ji'oo politikaa irraa taha,'' kan jedhan Biraayiden, Kaayiroon itti fayyadama Laga Abbayyaa irratti Finfinnee waliin wal dhabdee qabaachuu kaasu.
Somaaliyaan erga waraana walii waliiniin nagaa dhabdee waggootni 30 darbaniiru.
Masiriin amma deeggarsa ishee ibsuufiin ''faayidaa biyyaalessaa mataa isheef'' tahu jala muramuu qaba jedhan.
Atakaaroo Itoophiyaa waliin qabdu, haleellaa hidhattootni Huutii geessisaa jiranii fi nageenyi sochiiwwan dooniii daldalaa Galaana Diimaa irraa dhimmoota ijoo Masirii kakaasankeessaa tahuu himan.
Masiriin Somaaliyaa gallaan sarara sochii dooniiwwan daldalaa Galaana Diimaa irraa akka to'attuu fi tasgabbeesituuf carraa akka kennuuf Maat Biraayiden himu.
Sochii dooniiwwan daldalaa Galaana Meditiraaniyaanii fi Galaana Diimaa irraa karaa Bo'oo Suwiiz tahu irraa galii guddaa waan argattuuf naannichatti tasgabbii uumuun Masiriif dhimma murteessaadha.
Hulaa galaanaa kan hin qabne Itoophiyaan Somaaliyaa irraa cituun ofiin of bulchaa kan jirtu Somaaliilaandi waliin waliigaltee wal hubannaa hulaa galaanaa isheef argamsiisu mallatteessuun Somaaliyaa waliin wal dhabdee keessa isaan galceera.
Uummata miliyoona 120 ol kan qabduu fi dinagdee guddaa kan sochooftu Itoophiyaan hulaa galaanaa fi buufata waraanaa Galaana Diimaa irraa kan argattu yoo tahe humni jabaan tokko achii as bahuu isaa kan agarsiisudha.
''Itoophiyaan qarqara galaanaa Somaaliilaanditti buufata humna waraanaa kan ijaartu yoo tahe Masiriin akka yaaddoo nageenya biyyaalessaatti ilaaluu dandeessi. Kanaaf waraanni ishee Somaaliyaa galuun yaaddoo Itoophiyaa irraa qabdu kana xiqqeessufii danda'a,'' jedhan.
Dhaabbata Qorannoo Idil-adunyaa Chatam Haawus keessa kan hojjetu Abel Abbaatee [PhD] sababa waliigaltee Itoophiyaa fi Somaaliilaandiin kan dheekkamte Somaaliyaan furmaata barbaaduuf fuula ishee gara Masirii fi Baha Gidduugaleessatti deebiste jedhe.
Somaaliyaan ''dhiibbaa Itoophiyaan naannicha keessatti qabdu xiqqeessuu fi akka badu barbaaddi'' jedhe.
Masiriin ammoo kaayyoo naannichaa qabdu milkeessuuf biyyoota ishee waliin hojjetan barbaaddi jedhe.
Itoophiyaan waraana ishee akka baastu gaafataa kan turan ministerri duraanii Somaaliyaa Mohaamad Muktaar Ibiraahim Masiriin waraana ishee naannichatti bobbaasiif gaafachuu ammoo jijjiirama guddaa naannichatti dhufedha jedhan.
Ministirri duraanii Aannisaa fi Qabeenya Uumamaa kun Masirii dhimma mootummaa Somaaliyaa gidduu galuun dhiibbaa Itoophiyaa naannichatti dabalaa dhufeef deebii kennamedha jechuun BBCtti himan.
Masiriin naannichatti akka bobbaatu kan godhe haalota naannichaa, biyyaa fi idil-adunyaa wla xaxaa tahaa dhufanidha jedhe.
Waraanni Masirii galuun yaaddoo uumu
Humni waraanaa Masirii kan Somaaliyaa gali tahe daangaan walitti isaan hidhu waan hin turreef humni waraanaa Itoophiyaa fi Masirii waggoota dheeraaf fagootti wal gaareffataa turan fuulaa fuulatti walitti dhufuu danda'u yaaddoo jedhu qaba Abel.
''Itoophiyaa fi Masiriin daangaa lafaa irratti wal gahan hin qaban. Kun akka kallattiin wlaitti hin buune godhee tursiiseera.
'Masiriin waraana ishee Somaaliyaatti yoo ergite garuu seenaa ammayyaa biyyoota lameenii keessatti yeroo jalqabaaf biyyoonni lameen walitti bu'uu danda'u sodaa jedhu qabu. Kana ija yaaddoon ilaaluun nurra jiraata.''
Maat Biraayiden Masiriin haala akkamiin waraana ishee gara Somaaliyaatti akka ergitu Itoophiyaan eeggannoon hordofti jedhanii kana ammoo callisteema waan ilaaltu hin tahu jedhan.
Itoophiyaan Somaaliyaa waliin daangaa lafarraa bal'aa qooddatti. Isa irratti ammoo yaaddoo nageenyaa Al-Shabaab irraa qabdi. Kana irraa kan ka'e loltoota hedduu daangaa isheerra akkasumas naannolee Somaaliyaa tokko tokko keessa tursiisuuf sababa qabdi jedhan.
Naannoleen Somaaliyaa tokko tokkos waraanni Itoophiyaa akka turu deeggaru.
Qondaalonni mootummaa federaalaa tokko tokko waraanni Itoophiyaa biyya isaaniitii akka bahan jedhanis naannoleen Somaaliyaa gariin kan ofiin of bulchan garuu akka turan barbaadu.
Kana malee Itoophiyaan yeroo Somaaliyaan akka waraanni Itoophiyaa bahu gaafattu, humni waraanaa Somaaliyaa jiru qaama nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaa waan taheef, akkasumas Mana Maree nageenyaa UN'n ragga'ee waan tureef Somaaliyaan qofaa ishee waan irratti murteesitu miti jette.
Itoophiyaanis Al-Shbaab irraa yaaddoo waan qabduuf. Osooma tahellee Itoophiyaan daangaa ishee irratti zoonii buufata waraanaa hundeessuu taa'uu akka dandeessus qondaalli mootummaa tokko eeraniiru.
Mohaammad Muktaar Ibiraahim Masiriin ergama nagaa kbaachiisaa Gamtaa Afrikaa kana kan bakka bu'u keessatti waraana ishee kan bobbaastu yoo tahe faayidaa Somaaliyaaf qabu caalaa biyyoota naannichaa gidduutti muddamni uumu akka dabalu taasisa jedhan.
Masiriin Itoophiyaa caalaa Somaaliyaa fayyaddii?
Mohaammad Muktaar Ibiraahim waraanni Masirii yoo Somaaliyaatti bobba'e hariiroo dippilomaasii biyyoota lameenii caalaatti kan jabaatu taasisa jedhan.
Waliigalteen waraanaa Masirii fi Somaaliyaa gidduutti mallattaa'u kaabinee pirezidaanti Hasan Sheek Mahaammadiif dhiyaachuun raggaasifamuu qaba.
Daandiin Qilleensaa Masirii dhiyeenya gara Mooqadishootti balalii jalqabuun isaa ammoo biyyoonni lameen hariiroo tolfataa jiraachuu agarsiisa.
Dabalataan Muktaar waraanni Masirii Somaaliyaa galuun Al-Shaababiin balleessuufi muuxannoo isaanii waraana Somaaliyaaf qooduuf shoora olaanaa qaba jedhan.
Muktaar kana haa jedhan malee waggoota 20 oliif waraana Somaaliyaa deeggaraa fi mootummaa eegaa kan ture humna waraanaa Itoophiyaati.
Kanaanis waraana biyyoota kaanii caalaa Al-Shabaab loluuf muuxannoo guddaa fi kutannoo kan qabu waraana Itoophiyaa tahuu himamaaf.
Itoophiyaan mootummaa Somaaliyaa waliin waliigaluun loltoota ishee 5,000 hanga 7,000 tahan Somaaliyaa keessaa qabdi.
Ergama Nagaa Kabachiisaa Gamtaa Afrikaa jalatti ammoo gara 3,000 kan tahan jiru.












