Haala nageenya Oromiyaa bahaaf-gala lammiileetti yaaddoo ta'e

Hidhataa

Madda suuraa, Getty Images

“Haalichi akka teenyee ilaallu kana miti; ijoolleen sun hundi du’a baattee deemti, meeshaan sun hundi du’a baatee deema; sodaachisaa ture…” jedha ogeessi seeraa hidhattootaan butamee gadhiifame.

Oromiyaa keessatti dhibdeen nageenyaa jiruuf jireenya hawaasa bal’aatti rakkoo hawaas-dinagdee walxaxaa ta’e erga uumee bubbuleera.

Namoota nagaa butuun, hidhuun, manaafi qabeenya hawaasaa gubuufi nama nagaa ajjeesuun waggoottan afuriif dhaga’amaa jira. Keessumaa ammoo hidhattoonni namoota nagaa butuun ammoo gocha dhiyeenya kana baratamaa dhufedha.

Torban darbes ogeeyyii seeraa 5 fi imaltoonni biroo tilmaamaan 10 ta’an kan magaalaa Tulluu Boolloo irraa gara Sadeen Sooddootti imalaa turan hidhattootaan butamaniiru.

Hidhattootaan butamuu ogeeyyii seeraa aanaa isaanii quba qabaachuu kan himan, ajajaan poolisii aanaa Sadeen Sooddoo, Inispeektar Tigiluu Laggasaa, “hordofaamaa jiru,” jechuun BBC’tti himaniiru.

Namoonni butaman aanaa isaanii keessa haa hojjetaniyyuu malee bakkee gara garaa waan jiraataniif maatii isaaniitiin akka wal hin quunnamne kaasuun ammatti odeeffannoo bal’aa akka hin qabne himu, ajajaan poolisichaa.

Qindoomina aanaalee ollaa waliin hordoffii taasisaa jirachuu kaasuun, “iddoonsaa kana jedhame sitti hin dubbatamu,” jechuun eessatti maaltu hojjetamaa akka jiru ibsuurraa of qusataniiru, ajajichi.

Akkamitti butamani? Eessatti geeffamani? Maal gaafatamani?

Ogeeyyii seeraa butamanii guyyaa tokkoon booda gadhiifaman keessaa namni nageenya isaaniif jecha maqaa himachuu hin barbaanne tokko waan raawwate BBC’tti himaniiru; poolisiifi Waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaas dubbisneerra.

Akkuma duriitti hojiidhaaf Onkoloolessa 19 bara 2016 ALI’tti ganamaan kan manaa bahan, ogeeyyiin seeraa aanaa Sadeen Sooddoo shan imaltoota biroo tilmaamaan 10 ta’an waliin hidhattoota tasa maasaa midhaanii keessaa bahaniin konkolaataa keessaa buufamanii butamuu himu, namni kun.

Akka ogeessi kun BBC’tti himanitti, imala lafoo gara sa’aatii sagalii ta’u erga deemanii booda bakka hin beekne gahanii boqotan. Sana boodas, qorannaa dheeraadhaan booda bariitu isaa abbootiin seera 2 fi abbaan alangaa 1 gadhiifamani. Abboonni seeraa lama hanga yoonaatti hin gadhiifamne.

Namni kun maaliif akka qabaman, garamittis akka geeffaman, haala isaan mudatee fi akkamitti akka gadhiifaman hunda BBC’tti himeera.

Ogeeyyiin seeraa shananiifi kaan akkamiin hidhattootaan butaman?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bakka jiraatan maagaalaa Tulluu Boolloo irraa gara aanaa Sadeen Sooddoo, magaalaa Harbuu Cululleetti otoo imalaa jiranii tilmaamaan sa’aatii 2:50 irratti hidhattoonni gara 15-20 ta’an maasaa boqqoolloo keessaa bahuun isaan dhabsisuufi ariitiin imaltoota namoota 13-15 kan ta’antu hidhattootaan butame.

Hidhattoonni kunneen hunduu “meeshaadhuma akka kilaashiifi wantoota dhuka’an” hidhatanii turuu yaadatu, ogeessi seeraa kun.

“Yeroo sanatti eenyummaa isaanii nutti hin himanne; haala isaanii, haala uffannaa isaanii ilaallee waan tilmaamne qabaachuu dandeenya” kan jedhan namni kun, “booda erga deemsa jalqabneeti kan isaan Waraana Bilisummaa Oromooti jedhanii nutti himan” jechuun dubbatu.

Maaliif akka qabaman kan gaafataman maddi BBC kun, “Calluma jedhanii ariitiidhaan nu fudhachuu qofa malee, kanaaf sin qabne, kanaaf sin barbaanna nuun hin jenne,” jedhu.

“Bakka wayii turuu qabna” jechuun gara daqiiqaa soddomaa boqochuu isaanii kan yaadatan namni kun, walitti fufuun hanga sa’aatii 11:30 darbutti miilaan akka imalan dubbatu.

Imala dheeraa kana keessattis hidhattootaan “qoccolloon tokkollee” akka isaan irra hin geenye kan kaasan yoo ta’u, imalli daandii lafoo dadhabuufi dhukkubsachuun kan kufellee jira, abbaan seeraa tokko fardaan akka fe’ames himu, namni kun.

Iddoo buufatan akka hin beekne kan kaasu namni kun, erga bakka buufatan gahaniis qoratamuun alatti waanti addaa isaan irra gahe akka hin jirres himu.

Nammoonni erga butamanii booda maal qoratamu?

Kaayyoon isaan namoota butaniif namoota yakka uummata irratti dalagan qabachuuf akka ture dubbachuu isaanii kan yaadatan maddi kun, “hubannoon isaan [hidhattoonni] nuuf qaban akka seera malee uummata miinu, uummata kanarraa garmalee fayyadamnee akka duroomnutti ‘isin meeshaa mootummaati’ jedhanii” akka yaadan dubbatu.

“Garuu lakki akkas miti,” abbaan seeraas ta’ee abbaan alangaa seera biyyattiin baafattee lafaa qabduun hojjeta malee “akka isin jettan kana kan nama miidhu miti; inumaayyuu gidduutti miidhamaadha; gamanaas hin hubatamuu, gamasiis haala biraatiin hubatama.

Faayidaan addaa tokko akka hin jirre; mindaan kaffalamtu hanqattee liqaan akka jiraatu, mana kiraa keessa kan jiraatu, rakkatee kan jiraatu, geejjiba uummataatiin kan imalu, hanga rakkoon isatti dhufutti [ogeessi seeraa] hojii uummataa kan hojjetu akka ta’e kaasafii turre” jechuun ibsa yeroo qorannoo isaanii hidhattootaaf kaasan yaadatu, ogeessi kun.

Warreen gad-lakkifaman akkamitti gadhiifaman?

Namoota gaafuma sana butaman 15 ta’an keessaa ogeeyyii seera 5 fi hojjetaa mootummaa tokko irraan kan hafe, namoota biroo xinnuma qorachuun galgaluma sana naannawaa sa’aatii tokkootti akka gadhiisan, himu ogeessichi.

Halkan tokko bulanii abboota seera 2 fi abbaa alangaa 1 ta’uun akka gadhiifaman kaasuun, abbootiin seeraa 2 fi hojjetaan mootummaa tokko achitti hafuus, dabaluun himu, namni kun.

Galgala achi gahanii kaasanii “gaaffii adda addaa nu gaafachaa turaniiru: aanaalee hojjechaa turre nu gaafataniiru; waan uummata miidhuun, matta’aa fudhachuun walqabatu nu gaafataniiru; nuti waan qabnu, waan beeknu itti himne.

Isinirraa yakka barbaannu hin arganne; kanaaf isin geggeessineerraa deemaa nuun jedhani. Akkasitti baane malee, waan maallaqa gaafachuu waanti nuu kaasan hin jiru,” jechuun akkaataa itti gadhiifaman seenessu, ogeessi BBC’n dubbise kun.

Waa’ee waahillan isaan biraa hafanii yeroo gaafataman, “hin baane jechaa malee” quba akka hin qabne himu. Bilbilli isaan harka waan hin turreef, “eessa akka turre maatiin hin beeku; baaneetuma dubbanne malee” kan jedhan, namni kun, haala waahillan isaanii keessa jiran homaa akka quba hin qabne dubbatu.

Dhiphina maatii namoota butamanii

“Waanti akkasiis nu mudatee hin beeku” kan jedhan, namni kun, maatiin isaanii garmalee rifaatuu fi yaaddoo keessa akka turan dubbatu.

“Haalichi akka teenyee ilaallu kana miti; ijoolleen sun hundi du’a baattee deemti, meeshaan sun hundi du’a baatee deema; sodaachisaa ture; maaltu akka nutti deemaa ture beekuu waan hin dandeenyeef sodaataa turre, jechuun dhiphina keessa turan yaadatu ogeessi seeraa kun.

“Qabamuu keenya erga dhagahanii namoonni nu beekan hunduu akka nuti hubatamnuuf karaa miidiyaa hawaasatiin nuuf iyyaa turani,” jedhu ogeessichi.

Erga maatii isaanii biratti deebi’anii guyyaa sadii akka turan kaasuun, “miira kana keessaa otoo hin bahiin hojii eegaluun ni ulfaata” waan ta’eef bayyanachuuf jecha hanga yoonaa hojiitti akka hin deebine BBC’tti himaniiru.

Ogeeyyiin seeraa maaliif ija hidhattootaa keessa seenan?

“Keessaayyuu ogeeyyii warra abbaa alangaafi mana murtii kana gamanaas, gamasiis akki itti hubatamnu gaarii akka hin taane nan hubadha” jedhu ogeessi kun.

“Qaamoleen kun [ogeeyyiin seeraa] seera biyyattii mana barnootaa galee baratee bahee, sanuma hojiitti hiikuuf” akka yaalu kan dubbatan, hubatamuun akka barbaachisuufi faayidaa adda ta’e mootumaa irraas ta’ee bakka biraarraa akka hin arganne cimsanii yaadachiisu.

Hojiin isaanii seera kabachiisuu ta’uu yaadachiisuun, murtiin isaanii tokkoo gammachiisuu, kaan ammoo dallansiisuu akka malus kaasuun, “aarasaa baasaa waan qooda keenya gumaachuu irraan kan hafe waanti addaa” akka hin jirre dubbatu maddi kun.

Pirezidaantii Waladaa Abbootii Alangaa Oromiyaa, Obbo Taddasaa Nugusee, seera biyyattiitiin “abbaan alangaa miseensa paartii kamiiyyuu ta’uu hin danda’u” waan ta’eef qaama bilisummaa ogummaa guutuu qabu akka ta’e dubbatu.

Labsiin filannoo biyyaalessaa, labsiin 214/2011, kan biiroo abbaa alangaa waliigala Oromiyaa hundeessuuf bahe, dambiin bulchiinsaafi naamusa abbaa alangaa labsii 218/2013, “abbaan alangaa haqaaf akka dhaabatu, olaantummaa seeraa mirkaneessuu, bakka bu’aa uummataa ta’ee” akka tajaajilu ifaatti ibsuu himu, pirezidaantiin waldichaa.

Haata’u malee, yeroo gara garaatti qaamolee adda addaatiin sarbaminsi bilisummaa abbaa alangaa raawwataa akka ture yaadachiisu, Obbo Taaddasaan. Akka waldaa abbootii alangaatti, “sirrii akka hin taanee” fi balaaleffachaa turuu isaanii kaasuun, abbaan alangaa yoo balleesse adeemsa seeraa ittiin gaafatamu hordofee ta’uu akka qabu himaniiru.

Gochaan seeraan alaa kan akka butamuu, hidhamuu abboota alaangaarra gahaa akka ture yaadachiisuun, gochi akkasii ammoo seeraan alaafi seera jirullee kan faallessu ta’uu himu Taaddasaan.

Kanumas karaa miidiyaa hawaasaa waldichaa dubbachaa akka turan kaasu, gochaan seeraan ala hidhamuufi butamuu ogeessa seeraa kam irrattiyyuu raawwachuu akka hin qabne waamicha dhiyeessaniiru, pirezidaantiin waldichaa.

Waldaan abbootii alangaa waldaa ogummaa yoo ta’u mirgaafi faayidaa waloo abbootii alangaa Oromiyaa kabachiisuuf akka dhaabbate yaadachiisuun, “akka waldaatti balaaleffannee ibsa baasnee jirra; waanti nuti gochuu dandeenyus sanuma; qaamolee mootummaa adda addaa waliinis dubbataa jirra” jechuunis tattaaffii waldichaa ibsu, pirezidaantiin waldichaa.

Akka maxxansi fuula Feesbuukii Waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa agarsiisutti, dubartootaa dabalatee ogeeyyiin seeraa godinaalee Oromiyaa akka Shawaa Lixaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Shawaa Kibba Lixaa, guyyaa lama dura ammoo Shawaa Kaabaa keessatti hidhattootaan butamuufi seeran ala mirgi isaanii poolisiidhaan sarbamaa jiraachuu hubachiisa.

Furmaanni isaa maali?

Namni bahee galuuf nagaan barbaachisaa ta’uu kan kaasan maddi BBC, “kunnoo jechaa kan turre, amma bala’atee iddoo hunda gahee akka jiru beekna, biyya tokkituma kana qabna” waan ta’eef, “hunduu walqabatee baduurra, qaamni hidhatee bosona (ala) jirus, kan mana jirus mari’achuu, haasa’uun” namuu seera jalatti buluutu fala ta’a jechuun yaada furmaataas akeekaniiru.

Karaa biraatiin, haalli amma jiru itti fufnaan garuu haalonni garmalee akka hammaatan sodaa qabanis kaa’aniiru.

Qaamni namoota nagaa butaa jiru “gareedhuma bosonaa jedhama” jechuun kan kaasan Inispeektarichi, “uummannis qaama nageenyaa faana qindaa’ee, mootummaa waliin hiriiree tokko ta’ee hojjechuudha” jechuun yaada furmaataa akeekaniiru Inispeektar Tigiluu Laggasaa.

Oromiyaa bakka gara garaatti hidhattoonni jiraattota butan Waraana Bilisummaa Oromoo, WBO, ta’uu of ibsanis, angaa’onni waraanichaa garuu hidhattoonni isaanii gocha hawaasa dararaa jiru kanaarratti hin hirmaatan jechuun waakaataa turan.