Ga'eessi Shawaa Kaabaa akkamiin akka hidhattootaan butameefi harkasaaniitti waan keessa ture hima

Halkan irriibaa kaafamuun butamanii guyyaa 10f qabaman

Madda suuraa, Getty Images

Godina Shawaa Kaabaatti aanaaleen Dagam, Kuyyuu, Yaayyaa Gullallee, Hidhabuu Abootee, Warra Jaarsoo fi Darraa aanota hidhattoonni keessa socho’aniifi yeroo adda addaatti namoota butuun maallaqa itti gaafatan.

Ta’iin kun aanoota kunneenitti waan irra deddeebiin raawwatamaa jiruufi waggoota lama caalaa kan lakkoofsise.

Nageenya isaanitiif yaadda’uun eenyummaan isaanii akka hin ibsamne kan gaafatan miidhamaan dhuunfaa BBC’n dubbise, bakka rafanii halkan butamuun hanga dahoo hidhattootaa keessatti guyyoota dabarsan, akkasumas akkamiin akka lubbuun bahan himu.

Obbo Dachaasaan (maqaan isaanii kan jijjiirame) aanaalee hidhattoonni keessa socho’aniifi olitti eeraman tokko keessa jiraatu. Isaan hojii dhuunfaa isaanii irratti bobba’anii kan jiraatan yoo ta’u, caasaa mootummaa keessas ta’e hirmaannaa siyaasaa hin qaban.

“Ani nama ofumaan hojjetatee maatiikoo jiraachisu. Bakka ani jiraadhu kanatti namootni halkan hidhattootaan butamanii maallaqa yoo gaafataman nan dhagaha. Garuu ani nama nagaati, siyaasa keessa hin seenu nan tuqan jedheen callisee jiraachaa ture,” jedhu.

Magaala isaan keessa jiraatan kana keessaa namoonni qabeenya qabaniifi kanneen haalli hidhattootaa kun yaaddesse magaalota naannawaa Finfinnee jiranitti baqatanii galaniiru.

Obbo Dachaasaan garuu haala hojii isaaniif jecha qe’uma isaanii turanii maatii isaanii waliin jireenya itti fufan.

“Ebelu fudhatame, maallaqa hamma kana gaafatani, ebelummoo hamma kana kaffalee gadhiifame, ebelummoo waan kaffalu dhabee ajjeefame oduu jedhu inuma dhageenya,” jedhu.

Halkan hidhattoonni dhufan

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ta’iin kun ji’oota muraasa dura ture kan mudate. Obbo Dachaasaan oduu hidhattoonni nama butu jedhu guyyaa guyyaan dhagahanis isaanirra ni gaha jedhanii hin yaadne. Galgalli tokko garuu dabareen kansaanii ta'e.

“Ani hojii ooleen gale. Maatiikoo waliin biyyi nagaadha jennee cufannee rafneerra. Halkan walakkaa nitaha sa’aatiisaa sirritti hin yaadadhu. Dallaa alaa akkamitti akka seenan hin beeku. Balbala manaatu rukutame. ‘Nibarbaadamtaa bani’ naan jedhan.”

“Qaama hidhannoo qabudha. Battala balballi banamee manati olduudan. ‘Ka’i nideemna’ jedhan. Dhimma kana waanin beekuf anis akkan butame naaf gale. Homaa hin didne faana ka’een deeme,” jedhan.

Hidhattoonni kunneen lakkoofsaan 20 ni caalu kan jedhan Obbo Dachaasaan, halkan walakkaadhaan imala daandii hin beeknerraan deemaa bulan.

Bilbila isaaniis battaluma mana seenanitti irraa fuudhanii deeman.

“Osuma deemnuu lafti bari’e. Eessa akka ta’e hanga har’aatti hin beeku. Gamanaa fi gamasiin hiriiranii deemu. Ani gidduu isaaniin deema. Yeroon ‘dadhabe’ jedhuun boqodhu naan jedhu. Kanarra callisanii deemuu qofa,” jedhan.

Imalli miilaa halkan walakkaa eegale erga lafti bari’ee aduun ifee gammoojjii dahoo hidhattootaa kana gahuu himu.

“Namoonni Gammoojjii sana keessa jiraatan hojicha waan beekaniif yoo arganis homaa itti hin fakkaatu. Yeroo na fuudhanii deeman numa bira darbaa deemaa turan,” jedhu.

Dahoo hidhattootaa

Akka Obbo Dachaasaan jedhanitti, hidhattoonni halkan mana isaaniitii isaan fuudhanii imala sa’aatii dheeraa booda lafa gammoojjii dahannaa isaaniitiin gahan.

Erga achi gahaniis mana qonnaan bulaa tokkoo kaa’uun achumatti eegumsi ramadameefii eegaa turan.

“Akkuma geenyeen mana baadiyyaa wayii tokko keessa nagalchan. Manichi kanuma hawaasa naannooti. Sana booda anuma bira taa’anii na eegu turan,” jedhu.

Guyyaa jalqaba achi gahan isaan kan gaafatanis dhimma ‘balleessaa kee’ jedhuun sababan butameef natti himuu yaalan jedhu.

“Akkuma achi gaheen ‘maalin baalleesse?’ jedheen gaafadhe. Balleessaan kee kana, kana jedhanii natti himan. Balleessaan isaan jedhan kun hammam dhugaadhaa kan jedhu gaaffiidha. Lakkii kun balleessaa kiyya miti jettee falmitee wanti jijjiirtu waan hin jirreef carraan qabdu fudhachuu qofa,” jedhu.

Sanbooda balleessaa keetiin waan walmadaalu jedhanii ‘Birrii hanga kana kaffalta’ jedhanii sitti murteessuu jedhu Obbo Dachaasaan.

“Birrii guddaa kan ati qabaatteeyyuu hin beekne sitti murteessu. Hamma ta’e kadhattee xiqqoo siif hir’isu. Sana booda maatii keetti bilbiladhu jedhanii bilbila isaaniitiin bilbiltaaf. Birrii hanganaati naaf barbaadaa jettaan,” jedhu.

Isaanis, maallaqaa kuma dhibbaan lakkaa’amu akka kaffalu itti murteeffame maatii erga beeksisaniin booda maatiin liqii barbaacha oliifi gadi fiigu jedhan.

“Maallaqni kun guddaadha. Ani kanin ofiikoo harkaa qabu miti. Maatiitu nama meeqarraa liqeeffatee walitti qaba. Yaaddoon yeroo sana hirriiba na dhoowwe maallaqni kun yoo argamuu baate ajjeefamuu kiyya kan jedhu ture,” jedhan.

Obbo Dachaasaan Guyyoonni 10 harka hidhattootaa turan dhiphinaafi yaaddoodhaan kan guutame akka tures yaadatu.

“Yaaddoo inni guddaan maallaqni jedhame yoo argamuu baate kan jedhu. Inni biraan osoon harka isaanii jiruu waraana Mootummaa waliin dhukkaasni yoo jalqabe du’uu kiyya kan jedhutu nadhiphisaa ture. Waan du’aa malee achii baheen jiraadha jedhee hin yaadu ture,” jedhan.

Hammuma osoo maallaqani hin argamin guyyaan lakkaa’amu sodaachisniifi yaaddoon ajjeefamuu dabalaa akka deemes himu.

“Bilbiladhu jedhu. Waan sitti murtaa’e yeroodhaan yoo hin dhaqabsiisne ‘egaa rakkoo keeti’ jedhanii si doorsisu. Maatiittis ni bilbilu. Sodaachisuun hammuma guyyaan deemu cimaa deeme,” jedhu.

Lafti isaan qubachiisan mana qonnaan bultootaa waan ta’eef qonnaan bultoonni naannoo dhufanii akka isaan dubbisaniifi ‘Ni baatu hin dhiphatiin’ jedhanii akka isaan jajjabeessanis himu.

Maallaqa gaafatame geessuufi rakkoosaa

Maallaqni hidhattoonni gaafatan callaadhaan waan ta’eef birriin kuma dhibba hedduun yeroo baatamee deemamu guddaadha.

Iddoowwan hidhattoonni nama butanii maallaqa gaafatan kanatti maallaqa argatanii kaffaluu qofa osoo hin taane, maallaqa bakka meeqaa liqeeffatamee argame kana hidhattoota qaqqabsiisanii nama butame gadhiisisuun qorumsa biraati.

Akka Obbo Dachaasaan jedhanitti, lafti hidhattoonni jiran gammoojii fagoo sa’aatii dheeraa deemsisuufi daandii isaa yaaddoo nageenyaa qabuufi namni hundis hin beekne.

“Tibba namni fudhatame jedhamu warri milishaa mootummaa ammoo nama maallaqa gara isaanii geessu eegu. Maallaqa diinaaf geeffamu jedhamee too’atamee namni sunis ni hidhama. Yeroo kana namni harka hidhattootaa jiru suni ni ajjeefama jechuudha,” jedhan.

Kanaaf jecha, namni maatiin isaa jalaa butame maallaqa callaa hedduu kuma dhibbaan lakkaa’amu geessuun dura daandiin qoratamee dhoksaa meeqaan hidhattoota dhaqqabsiisanii nama isaanii gadhiisifatu.

Yeroo tokko tokko ammoo hidhattoonni guyyaa itti kaffalamu bira yoo darbe nama butan sana ni ajjeesu. Kunis namootni biraa daran sodaatanii yeroon akka waan gaafataman fidaniif ta’uu akka hin oolle shakku.

Hidhattoonni kunneen ‘WBO’ ofiin jedhu kan jedhan Obbo Dachaasaan, ‘Maallaqni isnirraa fuudhamu kun qabsoodhumaaf galii taha’ nuun jedhu jedhan.

Turtii guyyoota 10 isaan biratti dabarse kanaattis maallaqa gaafatame dafee akka fichisiisu irra deddeebiin gaafachuun alatti dararaan biraa akka irratti hin raawwatamnes himu.

“Yeroo kaan akkuma hiriyaa sanatti sitti haasa’u. Kaayyoon keenya kana sana jedhanii bilisummaa sabaatiif qabsaa’aa akka jiran natti himu. Dhimma maallaqaa gaafa kaasan garuu sodaachisoodha,” jedhan.

Guyyoota 10 achitti dabarsan kanattis mana tokko keessa qofa osoo hin taane mana qonnaan bultootaa naannawa sanaatti bakka tokkorraa gara bakka biraatti yeroo yeroodhaan sochoosu.

Ta’us naannawa sanatti sagalee dhukaasaa dhagahanii akka hin beekne dubbatu Obbo Dachaasaan.

Harka hidhattootaa bahuun booda

Obbo Dachaasaan maallaaqni gaafataman barbaacha torbee tokkoo oliin booda namootarraa liqeeffatamee maatiin hidhattoota qaqqabsiisanii guyyaa 10ffaatti gadhiifaman.

“Warruma na eegutu wanti gaafatamte nudhaqabeera amma galuu ni dandeessa naan jedhan. Amanuu hin dandeenye. Lubbuun nan baha jedhee hin yaanne ture. Karaa yoo hin beektu ta’e nama si agarsiisu siif goona jedhanii nama naaf ramadan,” jedhu.

Guyyaa guutuu deemaa ooleen galgala mana gahee maatii kiyyaan walarge jedhan.

“Ana qofa miti maatiin kiyya ana caalaa dhiphatan. Maallaqa argachuu qofa osoo hin taane maallaqicha fudhatanii isas yoo ajjeesan jedhanii yaaddoo guddaa keessa turan. Gaafan gale baayyee gammadan. Akkuman lammata dhaladhee carraa jiraachuu argadhetti,” jedhan.

Isaan lubbuudhaan harka hidhattootaatii bahanis amma erga ta’iin kun ji’oota darbee boodas dhiphina keessaa akka hin baane himu.

“Dura bagan baheen gammade. Amma ammoo maallaqa liqeeffadhe kana eessaa fideen kaffalaan dhiphachaa jira. Sana malees halkanoonni achitti dabarse ammayyuu na jeeqa. Kana booda waan ta’us maaltu beeka. Dhiphinni isaa asii baayyee najeeqaa jira,” jedhan.

Aanaalee Godina Shawaa kaabaatti hidhattoonni jiraattota butuun maallaqa gaafatan waraana Bilisummaa Oromoo, WBO ta’uu of ibsanis angaa’onni waraanichaa garuu hidhattoonni isaanii gocha hawaasa dararaa jiru kanaarratti hin hirmaatan jechuun waakaataa turan.