'Mootummaan nageenya uummataa akka eeguuf hawaasni idil-addunyaa dhiibbaa gochuu qaba' - OLLAA

Madda suuraa, Screenshot, OLLA irraa
Barsiisaa Getaachoo Kiisiifi haati warraa isaa barsiistuu Gannat Birrii Ijoollee lama waliin horatan hanga gaafa Caamsaa 6, 2022 lubbuun isaanii osoo hin se'iin bakka tokkotti dabartutti agumaan Godiina Shawaa Lixaa, Kaachisii keessa jiraataa turan.
Guyyaa sana lamaan isaanii lafti nagaadha jedhanii cidha hiriyaa isaaniirratti hirmaachuuf garas imalu. Humni raayyaa ittisa biyyaa isaan hordofee bakka isaan jiranii isaan waamsisa. Getachoofi haati manaa isaa gaafa gadi bahan rasaasatu isaan simate.
Gannat ulfa ji'a torbaa turte, Getaachoon ishee oolchuuf jedhee ofii dura aane, lamaan isaanituu gaafuma sana du'an. "Firoonni keessan "Shanee" [Waraana Bilisummaa Oromoo] ta'an osoo nu ajjeessaa jiranii isinis jiraachuu hin dandeessan," jechuun itti dhukaasaa turan.
Ergaan olii kun gabaasa dhabbanni Oromo Leadership Legacy & Advocacy Association (OLLAA) jedhamu mata-duree Humans of Oromia jedhuun kan bara 2022 baase keessaa fudhatame.
Gabaasni fuula 33 qabu waa'ee sarbama mirgoota namoomaa, ajjeechaa lammiilee nagaa, ajjeechaa murtii malee, buqqaatii lammiilee, mancaatii qabeenyaa, murtee seeraa malee jumlaan nama hidhuufi dhabamsiisuu naannoo Oromiyaa keessatti raawwate jedhe bal'inaan kan qoratedha.
Gabaasa waggaa dhabbanni OLLAA baase kana keessatti waa'en haleellaa sanyii irratti xiyyeeffate jedheefi lola Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiruus bal'inaan ibsameera.
Akka gabaasa kanaatti mootummaan Itoophiyaa, addumatti naannoo Oromiyaa keessatti itti-gaafatamummaa nageenya uummataa mirkaneessuu qabu bahachuu hin dandeenye.
Bara darbe keessa godinaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti tarkaanfii humnoonni nageenyaa mootummaa lammiilee nagaa irratti fudhataniin sarbamni mirgoota namoomaa guddaan raawwachuu ibsa gabaasichi.
Walitti bu'iinsa humnoota mootummaafi hodhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo mootummaan 'Shane' jedhu gidduutti gaggeeffamuun lammilen nagaan gatii baasaa akka jiran yeroo garaa garaatti BBCn gabaasaa tureera.
Keessumaa sochiin hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo waggoota lamaan darban naannoo Oromiyaa keessatti babal'achaa dhufuu irraa kan ka'e walitti bu'iinsi qaamolee lamaan gidduutti gaggeeffamu daran cimeera.
Kana hordofuunis, hayyoonni, abbootii Gadaa, abbootii amantaafi paartileen siyaasaa waraanni uummatarratti gidiraa dheeressaa jiru kun fala akka argatuuf gaafataa turaniiru, gaafachaas jiru.
Dhiyeenya kana ammoo miseensonni Paarlaamaa Itoohiyaa Oromiyaarraa ta'an akkaataa fedheenis ta'u Oromiyaa keessatti qaamota wal waraanan gidduutti nagaan bu'ee uummanni nagaa argachuu qaba jechuun ejjennoo qaban ibsataniiru.
'Xiyyeeffannoon addunyaa kan Kaaba Itoophiyarra malee kan Oromiyaarra hin turre'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waggoota lamaan darban keessa waraanni Kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamaa ture xiyyeeffannoo miidiyaafi hawaasa idil-addunyaa argatee ture.
Ija addunyaatti baayyee kan hin mul'atiin garuu godinaalee Oromiyaa hedduu keessatti humnoota nageenya mootummaafi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti lolli hanga ammaatti itti fufe gaggeeffamaa jira.
Lola qaamolee kanneen gidduutti gaggeeffamuu kanaan ajjeechan, buqqaatiifi mancaatii qabeenyaa lammiileee nagaa irratti raawwataa akka ture BBC dabalatee dhaabileen mirgoota dhala namaaf falman gabaasaa turan.
Gabaasni dhaabbanni Oromo Leadership Legacy & Advocacy Association (OLLAA) baase kunis, "Barri 2022 Oromoodhaf bara miixuu ture, xiyyeeffannoon addunyaa baay'een walitti bu'iinsa Kaaba Itoophiyaatti mudate irratti kan ture ta'us guutummaa Oromiyaa keessatti sababa walitti bu'iinsafi hongeetiin buqqaatii hedduu sarbama mirgoota namoomaa guddaatu lammiilee Oromoo irratti raawwate," jechuun haala Oromiyaa keessa ture ibsa.
Gabaasni dhaabbnni OLLAA qindeessuun baase kun waa'ee sarbama mirgoota namoomaa lammiilee nagaa Oromoo ta'anirratti raawwatuu irratti xiyyeeffata.
Taatewwan ajjeechaa, hidhaa, hiraarsuufi sarbama mirgoota namoomaa biroo gabaasicha keessatti tarreeffaman hedduu keessaa tokko gaafa Sadaasa 7, 2022 ajjeechaa obbolaan lamaan- Feenet Alamaayyofi Iyoob Alamaayyoo- irratti magaala Naqamteetti mana maatii isaanii keessatti raawwatedha.
Gaafa Sadaasa 7, Waaraanni Bilisummaa Oromoo ganama obboroon magaala Naqamtee seenee humnoota mootummaa wajjin dhukaasa walitti bananii akka turan BBCn gabaasuun isaa ni yaadatama.
‘’Ijoolleennis, anis saalonii (kutaa fuulduraa keessa) osoo teenyuu mucaan inni angafaa, Iyyoob Alamaayyoo, kutaa isaa keessa jira. Takka turtee Feenet isa bira deemte.
‘’Osoo hin turiin mucaan ishee xumuraa isaan bira seentee iyyite. Nuti sagalee isaayyuu hin dhageenye," jechuun BBCtti himan Obbo Alamaayyoo Taaffasaa.
Abbaa badii kana raawwate jedhan yoo himan ‘’qaama mootummaa malee eenyutu jira achi. Xammadatanii gubbaa fooqirra jiru."
Humnooti mootummaa, ‘’Namuma karaarra deemutti tokkosu [dhukaasu]’’ jechuun gaafas naannoo mana isaanii hidhattooti WBO akka hin turre himan Obbo Alamaayyon.
Daayireektara Olaanaa OLLAA kan taate Aadee Seenaa Jimjimoo BBCtti akka dubbattetti, qaamoleen Oromiyaa keessatti sarbama mirgootaa kana raawwatan humnoota nagaa mootummaa: Raayyaa Ittisa Biyyaa, Humna Addaa Oromiyaa, Humna Addaa Amaaraafi poolisiidha.

Madda suuraa, MIIDIYAA HAWAASAA
Sarbama mirgoota namoomaa naannichatti raawwatan keessaa himannaa jirattonni yeroo garaa garaatti Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi qaamolee hidhatan biroo irratti dhiyeessan gabaasni keessan maalif hin eerre jechuun BBCn Adde Seenaa gaafateera.
"Namni biyya sana keessatti nagaan jiraachuuf dirqamni warra mootummaa lolu osoo hin taane, mootummaa bira jira.
Mootummaan Itoophiyaa lubbuu lammiilee eeguu kan hin dandeenye yoo ta'e, UN gidduu galee qorannoo walabaa akka gaggeessuuf waamicha goone.
"Mootummaa qofa osoo hin taane, warri hidhatanii mootummaa lolanis lubbuu namaaf eegumsa gochuu qabu," jette.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa karaan nagaan xumuramuu hordofee mootummaan Waraana Bilisummaa Oromoo loluuf humna bifa haaran Oromiyaatti bobbaaseen haleellan bifa haaran gaggeessaa jiruun lammiilen nagaan hedduun du'uu ibsa gabaasichi.
Keessumaa haleellaa diroonii ji'a Onkoloolessaafi Sadaasaa keessaa Oromiyaa bakkeewwan garaa garaatti raawwatameen lammiilen nagaan dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamuu isaanii BBCn jiraattota, ogeeyyii fayyaafi aanga'oota waabeffachuun gabaasaa ture.
'Maqaa WBO deeggartu jedhuun gidiraan lammiilee irratti raawwata'
Gama biroon ammoo "Waraana Bilisimmaa Oromoo (WBO) wajjin hidhata qabdu" maqaa jedhuun mootummaan haleellaafi sarbama mirga namoomaa lammiilee Oromoo irratti akka raawwatu ibsa gabaasni OLLAA kun.
"Lammiilen Oromoo nagaa erga hidhamanii booda yeroo heddu sarbama mirgoota namoomaa hedduuf saaxilamu.
Hiraarsuu ykn gidirsuu, murtii malee ajjeesuu, qabiinsa kabaja dhala namaaf hin malle, humnaan dhabamsiisuu, mirga murtee seeraa argachuu sarbuu," isaan irratti raawwata jedha ibsichi.
Qondaaltonni Adda Bilisummaa Oromoo manni murtii bilisa isaan baasus bara 2020 irraa kaasee hanga ammaa mana hidhaatti hafuu isaanii gabaasni OLLAA akka fakkeenyatti kaasa.
Yaada furmaataa
Dhaabbanni Oromo Leadership Legacy & Advocacy Association (OLLAA) gabaasa isaa kanaan yaadota furmaataa tarreesse keessatti mootummaan Itoophiyaa humnoonni nageenyaa ajjeechaa murteen alaa, hidhaa jumlaa, hiraarsaafi mancaatii qabeenyaa raawwatan dhaabsisuu akka qabu waamicha dhiyeessera.
Dabalataanis mootummaan UN dabalatee qaamoleen sarbama mirgoota namaa qoratan Oromiyaa seenanii badii raawwatame akka qoratan akka hayyamu, akkasumas sarbama mirgoota namoomaa raawwatan walabaan qoratee qaamolee yakkicharratti hirmaatan seeratti akka dhiyeessu gaafateera.
Akkasumas, mootummaan Itoophiyaa akkuma TPLF wajjin nagaan fixate walitti bu'iinsa Oromiyaatifis furmaata nagaa akka barbaadu OLLAn waamicha dhiyeessera.
Hawaasni idil-addunyaa ammoo sarbama mirgoota namoomaa saba Oromoo irratti gaggeeffamu ifatti akka balaaleffatan, mootummaan Itoophiyaa dirqama nageenya lammiilee eeguu qabu akka bahatuufi mirga namaa kabajuu, akkasums qorannoon walabaa akka gaggeeffamuuf akka hayyamu dhiibbaa akka godhan gaafateera.
Dabalataanis, mootummaan Itoophiyaa akkuma TPLF wajjjn nagaa buuse, Waraana Bilisummaa Oromoo wajjinis walii galtee waraana dhaabutti akka seenu hawaasi idil-addunyaa jajjabeessuu akka qabus dhaabbanni OLLA dhaamera.












