Wallagga Bahaa Magaalaa Naqamteetti maaltu tahe?

Maqaalaa Naqamtee

Madda suuraa, Waaj. Komunikeeshinii Magaalaa naqmatee

Godina Wallaggaa Bahaa magaalaa Naqamtee keessa Sadaasa 6, 2022 ganama barii irraa eegaluun dhukaasni guddaan akka ture jiraattoonni magaalichaa himan.

Jiraattonni magaalichaa BBC’n bilbilaan dubbise akka jedhanitti, hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo ganama magaalicha galuun humna nageenyaa mootummaa waliin walitti dhukaasaa turan.

Waraanni Bilisummaa Oromoo kan mootummaan 'ABO-Shanee' jechuun paarlaamaa biyyattiin shororkeessummaan farajame, waggoota sadan darbanii oliif Oromiyaa godinaalee garaa garaa keessatti mootummaa waliin wal waraanaa jiru.

Taatee kana ilaalchisee hanga ammaatti gama mootummaan waan jedhame hin jiru. BBC’n kantiibaa fi bulchiinsaaf nageenya magaalittii argachuuf yaaliin godhe hin milkoofne.

''Ganama osoo namni sochii hin jalqabiin magaalicha galan. Naannoo Boordii jedhamuutti dhukaasa guddaatu jira. Ammatti manuma keessa teenyee dhukaasa dhaggeeffataa jirra,’’ jedhan jiraataan magaalittii nageenya isaaniif jecha maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan.

Boordiin walakkaa magaalaa Naqamtee yoo tahu, boordii irraa fageenya meetira 500 kan hin caalle irratti ammoo kaampiin waraana mootummaatu argama.

Dhukaasni gaggeeffamaa jirus naannicha sanatti ta'uu akka hin oolle himan jiraataan kun.

Jiraataan gara biraa BBC’n dubbise, ''ammatti miidhaan nama irra gahe dhageenye hin jiru. Namni sochii godhus hin jiru hidhattoonni garuu magaala keessa galanii dhukaasni dhagahamaa jira,'' jedhan.

Itti dabalunis, ''Kaleessa odeeffannoon jira ture. Waan isin barbaachisu bibbitadhaa, suuqiin cufamuu danda’a jedhamaa ture. Garuu nuti waan akkanaa ni taha jennee hin eegne malee,’’ jette jiraattuun magaalichaa gara biraan.

''Mooraa keenyaa gadi hin bane, namoonni tasa bahanii arganii dhufanii garuu hidhattoota WBO arguu natti himan,’’ jette.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dubbii himaan Idil-adunyaa ABO-WBO Odaa Tarbii oppireeshinii gaggeessaa jirra kan itti fufu ta'u himuun, kaayyoon isaanii caasaa nageenya mootummaa fi kaampii waraana mootummaa haleeluu akka tahe himaniiru.

Mootummaan hidhattoota kanneen irratti tarkaanfii akka fudhatu yeroo garaagaraatti himaa turuun isaa ni yaadatama.

Haatahu malee haleellaa qilleensarraa hidhattoota irratti fudhatamuuf wal qabatee Wallagga Lixaa aanaa Boojjii Dirmajjii magaalaa Biilaatti namoonni nagaan hedduu ajjeefamuu, hedduun miidhaaf saaxilamu maatii miidhamtootaa fi maddeen buufataalee fayyaa irraa BBC’n odeeffateera.

Isaan duras hidhattoonni kunneen Wallagga Lixaa aanaa Mana Sibuu magaalaa Mandii, Qilxuu Kaarraa fi Lataa Sibuu galanii akka ture maddeen BBC’f mirkaneessaniiru.

Haleellaa diroonii mootummaan bakkeewwan hidhattoonni kunneen keessa socho'u jedheerratti raawwatuun wal qabatees, dhiheenya kana Imbaasiin UK kan Itoophiyaa keessaa lammiilen ishee gara Lixaa Oromiyaa fi Kaaba Shawaa Oromiyaa akka hin deemne gorsuun ni yaadatama.

Hidhattoonni kunneenis garee TPLF kan tibbana mootummaa waliin waliigaltee nageenyaa kan mallatteesse waliin waliigaltee waraanaa godhachunsaa ni yaadatama.

Kanaan dura mootummaan, TPLF hidhattoota kanneeniif deeggarsa maallaqaa fi meeshaa waraanaan taasisa jechuun himataa ture.

Amma akkaataa waliigaltee mootummaa waliin tibbana isaaniitti TPLF qaama hidhatee biyyattii keessa socho’u kamiifuu deeggarsa hin taasisu.

Gareen hidhattoota WBO kunneenis erga paartii ABO kan seeraan galmaa'uun qabsoo nagaatti deebii'een adda bahuun erga bosonatti hafanii kaasee humna nageenyaa mootummaa waliin wal waraanaa jiru.

Mootummaan yeroo garaa garaatti garee kana ajjeechaa fi saamichaan kan himatu yoo ta'u, garichi garuu himannaawwan irratti hidhaayaatu gonkumaa fudhate hin beeku.