Bulchaan aanaa Sadeen Sooddoo butamanii guyyaa lama booda ajjeefamanii argaman

Obbo Baqqalaa Qachaa

Madda suuraa, Kominikeeshinii Aanaa Sadeen Sooddoo

Godina Shawaa Kibba Lixaatti bulchaa aanaa Sadeen Sooddoo kan turan Obbo Baqqalaa Qachaa Kibxata kaleessaa humnoota hidhataniin ajjeefamanii argaman.

Itti gaafatamaa waajjira dhimmoota Kominikeeshinii mootummaa Godina Shawaa Kibba Lixaa kan ta'an Obbo Haayiluu Abdoo yaada BBC'f kennaniin bulchaan aanaa Sadeen Sooddoo Sanbata xiqqaa darbe mana isaanii irraa butamanii Kibxata kaleessaa ajjeefamanii argamuu himan.

Obbo Baqqalaan maatii isaanii waliin bakka keessa jiraatan aanaa Iluu magaalaa Asgorii jedhamu keessaa butaman.

''Obbo Baqqalaa Gachaa tibba kana waltajjii magaalaa Adaamaarra turanii Sanbata xiqqaa darbe maatii isaaniitti deebi'an. Galgala naannoo sa'aa sadii humnoota hin beekkamneen mana isaaniitii butamani'' jedhan Obbo Haayiluun.

Sanbata xiqqaa darbe galgalaan mana isaaniirraa kan fudhataman bulchaan aanichaa, guyyoota lamaan darban garam akka bu'an akka hin beekamneefi Kibxata kaleessaa guyyaa keessaa naannoo sa'aa saddeetiitti ajjeefamanii argamuu himan.

''Erga butamanii booda iddoon geeffame hin baramne. Faana dhahamee argamuu hin dandeenye. Turtii guyyaa lamaatiin booda guyyaa kaleessaa(Kibxata) naannoo sa'aa saddeetiitti qaamni nageenyaa barbaacha godheen ajjeefamanii argaman. ''

Obbo Baqqalaan waggoota lamaaf bulchaa aanaa Sadeen Sooddoo ta'uun tajaajilaa kan turan yeroo ta'u isa dura ammoo Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa bakka dhaloota isaanii, Aanaa Daawoo turan.

Sana duras barsiisaa ta'uun tajaajilaa akka turaniifi aantummaa uummataaf agarsiisaniin hawaasa biratti hoogganaa kabajaa fi fudhatama qaban akka turan Obbo Haayiluun himaniiru.

Obbo Haayiluun qaamni ''qaama hin beekamne'' jechuun ajjeechaa qondaala kanaaf gaafatamaa ta'a jedhan humnoota waraana Bilisummaa Oromoo godinicha keessa socho'an akka ta'anis himan.

''Eyyen eeruu uummatni kennuun waan akkasiitu jira. Qabatamaa godina keenyaatiin namni iddoo adda addaatii butamaa jira. Kan butus qaama kana(waraana Bilisummaa Oromoo) kan jedhudha. Agarsiistuun tokko tokkos jiru. Namootni butamanii gadhiifamanis jijjiru.''

Himannaa kana irratti WBO ammatti waan jedhe hin qabu. Ajjeechaawwan qondaaltota mootummaafi qaamolee hawaasaa adda addaa amma dura ittiin himataman hedduu WBO ni haala.

'Miiliyoona 10 gaafachaa turan'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bulchaan aanaa Sadeen Sooddoo qabamuu guyyaa tokko booda magaala Asgoriitti imalee akka ture namni nutti hime tokko obbo Baqqalaa gadhiisuuf hidhattootni birrii miiliyoona 10 gaafachuu dhagahuu BBC'tti himeera.

Hogganaan kominikeeshinii godinichaa Obbo Haayiluunis dhimmichi qorannoo dabalataa kan barbaadu ta'us, hidhattootni bilbila bulchaa aanichaan namoota tokko tokkotti bilbilanii maallaqa hanga miiliyoona 10 gaafachuun odeeffamaa jira jedhan.

Reeffi Obbo Baqqalaa daangaa aanaa Tolee, aanaa Iluufi aanaa Bachoo gidduutti argamee.

Hidhattootni bulchaa aanaa kana butuu isaanii dura akeekkachiifni kennanis ta'e maallaqni dhuunfaan itti bilbilanii gaafatan turee gaaffii jedhuuf Obbo Haayiluun yoo deebisan, ammatti bilbilli bulchaa sanii harka hidhattootaa waan jiruuf kan beekuun rakkisaadha jedhan.

''Doorsisni irra gahaa akka tures gabaasee waan beeku natti hin fakkaatu'' jedhan.

Maallaqa hidhattootni qondaala kana gadhiisuuf gaafatan kennamuufi dhiisuu isaa ifa miti. Kan ajjeefaman maallaqni gaafatan waan hin kennamneef ta'aa yaadni jedhu jira.

Obbo Haayiluun garuu '' kanaan wal hin qabatu, Garuu qorannoo ammaan booda godhamuun adda baha'' jedhan.

Qamooleen nageenyaa guyyoota lama butamanii turan keessatti deebisuuf ''yaalii guddaa gaggeessanis, adeemsi warra butanii walxaxaa ta'uun isaan argachuu rakkisaa taasiseera'' jedhan.

Qondaalli ajjeefaman kun nama waggaa 30-40 gidduu jiran ta'uufi maatii ijaaranii ijoollees kan qaban yeroo ta'u awwaalchi isaanii guyyaa boruu raawwata.

'Namni dhunfaan kuma 200, kuma 300, kuma 500 gaafatamaa jira'

Humnootni WBO'ti jedhamanii hidhannoon socho'an kun godina Shawaa Kibba Lixaa keessatti namoota dhuunfaatti bilbilanii maallaqa gurguddaa gaafachuun dararaa fi ajjeesaa jiruu jedhu Obbo Haayiluun.

''Qotee bulaan siyaasa hin beekne, waan addaa keessa hin jirre guyyaa guyyaan butamaa oola. Maallaqa gurguddaadha gaafatamaa jira yeroo ammaa.''

''Namni dhuunfaa maallaqa hin qabne kan gosti isaa walitti funaanee kennu kuma dhibba lama kuma dhibba sadii, kuma dhibba shan kun amma baratamaa ta'eera.

''Akkasiis nama ijoollee isaa jalaa butanii haala sukkaneessaan ajjeesuunis dabalaa jira'' jechuun kunis qorqalbii hawaasaa miidhaa jiraa jedha.

Afaan tokko dubbachaa wal-ajjeesuurra, uummata dararuurra mariin rakkoo jiru furuutu fala ta'a jechuunis Obbo Hayiluun dubbataniiru.