Waa'ee ajjeechaa weellisaa Darajjee Daggafaa hiriyaansaa maal jedha?

Weellisaa Darajjee Daggafaa walleewwan aadaa fi warraaqsaa kilippiin hojjechuun beekama

Madda suuraa, Wallee 'Daalee Soore' irraa fudhatame

Walleewwan aadaa fi warraaqsaa kanneen akka Daalee Sooree, Suuta suuta, Bilbila, Qabeenya koo galchi jedhaman kilippiidhaan hojjetee uummata biraan kan ga'e Artist Darajjee Daggafaa, manasaa biratti rasaasaan rukutamee ajjeefamuu hiriyaansaa BBCtti hime.

Hiriyaansaa Taammiraat Baqqalaa yeroo bilbilaan waa'ee ajjeefamuu weellisaa Darajjee BBCtti himu, sirna awwaalchaa artsitii kanaa qindeessaa ture.

Weellisaa Darajjeen Caamsaa 29, 2023 halkan keessaa sa'atii afur irratti afaan rasaasaa bu'e jedha hiriyaansaa kun.

''Guyyaa sana waliin oollee, inni sa'atii afuritti gara manasaa magaalaa Sulultaa kireeffatee jiraatu gale. Wayita inni balbala manasaa ga'u dhukaasatu ture. Innis gidduutti afaan rasaasaa bu'e,'' jechuun akkaataa du'a hiriyyaasaa ibse.

Reenfasaa poolisiin kaasuun erga waajjira poolisiitti galmeessee booda, hospitaala galchuu kan hime Taammiraat, reenfa waajjira poolisiitii baafatanii har'a (Roobii 31, 05, 2023) sirna awwaalchaa raawwachuu hime.

Weellisaan kun qaama nageenyasaaf yaaddoo ta'u akka hin qabnee fi namoota waliin hariiroo gaarii kan qabu ta'uu kan ibsu hiriyaansaa kun, ''rasaasi inni ittiin du'es akka carraa isa nyaate malee isaaf karoorfamee kan dhufe miti,'' jedha.

''Wayita inni manasaa bira ga'u rakkootu ture. Hidhattoonni fi warri milishaa walitti dhukaasaa turan. Isa booda isaanis koottu jedhaniin. Eenyu akka waames hin beekamu. Innis maalin balleesse jedhee mormaa ture. Gidduu kanatti rukutamee ajjeefame,'' jedha Taammiraat.

Akka hiriyaansaa jedhutti bakka weellisaa Darajjeen itti ajjeefametti dhukaasi sodaachisaan deddeebi'aa ni mudata.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Bakka sanatti namni yeroo du'u kun kan jalqabaa miti. Dhukaasa irra deddeebiin ni mudata. Kanaan duras haala kanaan namni lamaan tokko ajjeefameera.''

Weellisaa Darajjee Daggafaa sirboota haga ammaa kilippiidhaan hojjeteen alatti albama hojjechaa osoo jiruu irraa boqote.

''Albama hojjechaa ture. Sirboota 11 qopheeffateera. Isaan keessaa sadi istuudiyoo seenee waraabeera,'' jedha hiriyaansaa Taammiraat.

Weellisaan kun waan hojii aartii kanarraa tattaafatee argatuun jireenyasaa fooyyeffachuurra hojii dabalataa uummata kanaaf hojjechuu akka filate hiriyaansaa kun dubbata.

Weellisaa Darajjeen abbaa ijoollee lamaa yoo ta'u, haadhasaa fi maatiisaa walitti qabee jiraachisaa ture.

Hiriyaansaa kun akka jedhutti qaamni weellisaa kana ajjeese eenyu akka ta'ee fi akkamiin akka himatan maatiin hanga yoonaa hin barre.

''Nuti wanti hedduun nuuf ifa miti. Kanaafuu sirna awwaalchaa isaa bareechinee raawwachuurratti xiyyeeffanne,'' jedha Taammiraat.