Weellisaa Sa'ad Awwal murtii malee waggaa lamaaf mana hidhaatti dararamaa jira - Maatii

Weellisaa Sa'ad Awwal walleewwan aadaa walloorratti xiyyeeffataniin beekama

Madda suuraa, Wallee Sa'ad Awwal irraa fudhatame

Walleewwan aadaa Walloo fi Raayyaa irratti fuulleffataniin kan beekamu weellisaa Sa'ad Awwal waggaa lama dura erga qabamee ammallee hidhaa jiraachuu maatiin BBCtti himan.

Waa'een weellisaa kanaa miidiyaa hawaasummaarratti ijoo dubbii ta'eera.

Haala inni keessa jiru adda baafachuuf wayita haadha warraasaa bira bilbillu bakka inni itti hidhamee jiru seenuurraa akka ittisan dubbatte.

Aadde Zaakiraam wayita nuti bilbilluuf qe'eesaanii magaalaa Baatee jiru irraa daa'ima reef da'an harkatti qabatanii abbaa warraasaanii gaafachuuf ifaajaa akka jiran nutti himaniiru.

Erga weellisaa Sa'ad waggaa lama dura hidhamee jireenya tasgabbii hin qabne jiraachuuf akka dirqaman himan.

''Wayita inni qabamu an garaattin baadha. Osoo inni mana hidhaa jiruuti kanan da'e. Amma ijoollee lama qabna,'' inni ijoolleesaarraa fagaachuutti rakkoo hamtuun akka isaan mudate dubbatan.

Weellisaa Sa'ad Awwal walleewwan isaan sagalee hawaasaaf ta'uu qofa osoo hin taane, ittiin jiraatas kan jedhan Aad Zaakiraam, ''erga inni hidhamee waanuma namni nu gargaareen jiraanna. An amma daa'imman waanan guddisuuf hojii hojjechuun natti ulfaata,'' jedhan.

Akka isaan jedhanitti weellisaa Sa'ad Awwal waggaa lama dura magaalaa Baateetti humnoota mootummaa naannochaan qabame.

''Magaalaa keessa osoo inni jiruu qaban. Qawwee fudhatteetta kan jedhuun alatti himannaan dhiheessan tokkollee hin jiru,'' jechuun haala inni itti qabame ibsan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Weellisaan kun jalqaba iddoo jireenyasaa magaalaa Baateetti hidhame, isa booda gara waajjira poolisii magaalaa Kamiseetti dabarfamee ji'oota torbaaf osoo himati irratti banamee mana murtiitti hin dhihaatin ture.

''Ji'a torba booda mana murtiitti dhiheessan. Garuu akkanumaan dhiheessanii beellama qabatu malee himata irratti hin dhiheessan,'' jedhan haati warraa isaa kun.

Haati warraa weellisaa kanaa Aadde Zaakiraam yeroo inni dhaddachatti dhihaatus yeroo kaan mana isaaniirraa konkolaataadhaan sa'atii shanii olii imaluun Kamiseetti dhaqanii ilaalu.

''Waanan argadhu geejjibattin fixa. Karaa kana ijoollee qabadhee deddeebi'uun mataansaa qormaata guddaadha,'' jechuun isaanis sababa kanaan dararamaa jiraachuu ibsan.

Akkasaan jedhanitti duraan abbaa weellisaa kanaatu isaan gargaara ture. Garuu isaanis wayita Walloon giddu-gala waraana kaaba biyyattii taatee turtetti keessa ajjeefaman.

''Amma abdiin nutti dukkanaa'eera. Nama nu gargaaru hin qabnu. Gaaddisa keenya kan turan abbaansaa erga du'anii nama harka nu qabu hin qabnu,'' jedhu Aadde Zaakiraam.

Aadde Zaakiraam Caamsaa 30, 2023 guyyaa Kibxataa daa'ima kichuu harma hoosisan qabatanii abbaa warraasaanii weellisaa Sa'ad Awwal dubbisuuf gara Kamisee imalanis, akka fedhasaaniitti arganii dubbisuu hin dandeenye.

''Har'a beellama mana murtii qaba ture. Ganama deemnaan beellama mana murtii booda koottu naan jedhan. Waaree boodas deemnaan seenuu na dhorkan,'' jedhan.

Aadde Zaakiraam akka jedhanitti weellisaa Sa'aad dhibee dhiigaan walqabatuun qabamee akkaan dhukkusataa jira.

''Mana yaalaatti hin geessine. Dhibeesaallee osoo adda hin baasin mooraama mana hidhaa keessaa qoricha bitanii itti kennu. Kun ammoo dhiibbaa biraadha,'' jechuun inni haala yaaddessaa keessa jiraachuu ibsan.

Weellisaa Sa'ad Awwal walleewwan aadaa, jaalalaa fi warraaqsaan beekama. Keessattuu walleewwan aadaa Oromoo Kamiseerratti fuulleffatan kanneen akka Magaalattii Baatee, Gubee Lolee, Kuullee, Waan ofii fi kaan kilippiidhaan hojjechuun beekama.