'Sababa wallee kiyyaa na qoccolaa turan, booda miidhaa narraan ga'an'- Artist Jaalee Amantee (Kabbitoo)

Artist Kabbitoo

Madda suuraa, Wallee Abbaa Boottii irraa fudhatame

Qoosaa bashannansiisaa (Comedy) Afaan Oromoo, taatoo (Character) Kabbee Kabbitoo jedhamuun beekamu hojjechuun kan beekamu Artist Jaalee Amantee, magaalaa Finfinnee keessatti 'garee gurmaa'een' erga haleelamee booda amma fooyyee akka qabu BBCtti hime.

Artist Jaalee Amantee hojii komediin alatti wallee isaa dhiheenya baase- Abbaa Boottiitiinis guddoo beekameera.

Yeroo hedduu Oromoonni naannawa Finfinnee jiran sababa boottii uffataniif itti qoosama kan jedhu Arist Jaaleen, walleesaa kana ilaalcha kana cabsuuf akka hojjete hime.

Artistiin kun qoosaa (Comedy) isaa- Kabbee Kabbitoo keessattis waa'ee jiruu fi jireenya uummata Oromoo naannawa magaalaa Finfinnee mul'isa.

Sababa wallee isaa fi qoosaa hojjetu kanaan arrabsoon akka isa mudataa ture kan hime Artist Jaalee Amantee, haleellaan irratti raawwatames kanaan walqabachuu akka shakku dubbate.

Kabbitoo maaltu mudate?

Artisti Kabbitoon guyyaa Dilbataaa gaafa Mudde 11, 2022 naannoo 24 jedhamuun beekamutti garee gurmaa'anii isa hordofaa turaniin haleellaan irratti raawwachuu hime.

''Qoosaa nama afootti ba'uun dhiheessan- Stand up comedy eegaluuf sagantaa baniinsaa Hoteela Ililliitti qopheessuufan ture. Haalli biyyi keessa jirtu bashannanaaf waan hin affeerreef saganticha dabarsuuf mari'annee osoon Booleerraan kutee gara manaa deebi'aa jiruu gareen gurmaa'e karaa natti cufee miidhaa narraan ga'e,'' jedha.

Toora sa'aatii lamaa fi sadi gidduutti osoo hiriyaasaa tokko waliin jiranii rakkoon kun isa mudachuu ibse.

''Karaarratti taaksii geejjiba uummataa ta'e kan halluu bifa cuquliisa qabuun karaa nutti cufan.

Battaluma sanatti gara kiyya dhufanii balbala konkolaataa kiyyaa bananii gadi na harkisan. Isa booda duubaan hedduu ta'anii na rukutan. Hiriyaan kiyya balbala banee bu'uuf jennaan dhagaadhaan haleelan,'' jechuun waan guyyaa sana mudate ibse.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hiriyaasaa waliin miidhaa irra ga'e dandamatanii imalasaanii itti fufanis xiqqoo akkuma deemaniin gareen isaan haleele kun konkolaataa biraan isaan hordofee ammas miidhaa biraa irraan ga'uuf akka yaale hime.

Haata'u malee, konkolaataasaa miliqsuun daandiin namni irra deemu (daandii lukaa) irra oofuun lubbuusaa baafachuu dubbate.

Artistiin kun lakkoofsa gabatee konkolaataa jalqabaa qabachuun qaama seeraatti gabaaseera, darbees wal'aansa fayyaa erga argatee booda wayyaa'uu BBCtti himeera.

Haata'u malee, miidiyaa hawaasummaa irratti akka waan inni guddoo miidhamee hospitaala galee jiruutti odeeffamaa ture.

Taateen mudate akka miidiyaa hawaasummaarratti odeeffame miti kan jedhu Artist Kabbitoon, ''miidhaa qaqqabee fi qaama kanatu haaleellaa raawwate jedhamee kan odeeffamaa ture ana hin ilaallatu,'' jedhe.

''Feesbuukiin maqaa 'Kabbitoo' jedhuun baname hedduudha. Kana hundarratti odeeffannoon barreeffame sirrii miti. An Feesbuukii 'Jaalee Amantee' jedhu qofan qaba.''

''Namoonni akka waanan gargaarsa gaafadheettillee karaa keessaa naaf barreessaa turan. Kana hunda kan godhaa ture ana osoo hin taane namoota maqaa kiyyaan Feesbuukii bananii jiraniidha,'' jechuun namoonni odeeffannoo caalisee fudhachuurra qulqulleeffachuu akka qaban gorsa.

''Walleen Abbaa Boottii firas diinas naaf hore''

Artist Jaalee Amantee maqaa 'Kabbitoo' jedhuun qoosaa (comedy) hojjechuun alatti wallee Abbaa Boottii jedhus kilippiidhaan hojjeteera.

''Yeroo hedduu uummanni keenya kophee boottii uffatee wayita magaalaa kana dhufu ittiin wayita arrabsaman nan dhagaha. Kanarraan ka'uun uffannaa boottii kan ittiin qaanfatan akka hin taane agarsiisuuf wallee kana hojjedhe,'' jedhe.

Wallee kana akkuma kanneen jaallatan jiran kanneen itti gammannes jiru jedhe.

''Ergan wallee kana baasee namoonni hedduun ilaalcha kophee boottii fi namoota kophee kanarratti qaban akkaan fooyyessaniiru. Wallee kana akka jaallatanis duub-deebii naaf kennaniiru. Kanneen wallee kana jibban ammoo karaa miidiyaa hawaasummaas ta'e qaamaan wayita na argan na qoccolaa turan.''

Haleellaa irratti raawwatameef kun sababa ijoo akka ta'uu hin oolle shakka.

''Namoonni boottii uffatanii magaalaa kana keessatti akka hamileensaanii cabuuf arrabsaman kanneen lafa kanarraa shiraan dhiibamaniidha. Abbaa biyyaati. Kanaafuu biyyi abbaa qabaachuushee kanan ittiin mul'ise wallee kana. Kun ammoo finxaaleyyii guddoo dallansiise.''

Dhimmoonni Oromoonni naannawa Finfinnee ittiin arrabsaman boottii miti kan jedhu Artist Jaalee Amantee, kanneen qullubbii, aajjaa, garbuu fi oomishaalee kaan manarra deemanii gurguranis hamilee buusuuf yaalii guddaatu godhamaa jira jedhe.

''Uummanni keenya waansaatti akka hin qaanofne, abbaa biyyaa ta'uusaan akka boonu hamileen ta'aaf. Komedii- Kabbitoo jedhu kan jiruu fi jireenya uummata keenya naannawa Finfinnee irratti hundaa'es bifa haaraan nan deebisa,'' jechuun waan karoorfatee jirus ibse.

Sagantaa eebba baniinsa ''qoosaa nama afootti ba'anii bashannansiisan- Stand up Comedy'' osoo eebbisiisuuf jedhuu irratti haleelames ALI ji'a dhufu gaafa guyyaa 15 akka raawwatu ibseera.

''Kanaan booda Kabbitoon qoosaa akkanaa osoo walirraa hin kutin magaalaa Finfinnee keessatti agarsiisa.''

Diraamaa (qoosaa) walitti fufiinsaan kanaan dura TV FIB jedhamurratti dabarsaa ture amma karaa Chaanaala Youtube- Boottii Intarteeyinmant jedhamuun akka dhiyeessuuf jirus ibseera.

Artist Jaalee Amantee Yuniversitii Finfinneetti Tiyaatirikaal Aartiidhaan digirii jalqabaa barate.

''Kennaa uumamaan qabanirratti barnoota saayinsii ammayyaa yoo dabalatan ni milkaa'u,'' jechuun akkamiin gama aartiin jaallatamuu akka danda'e ibse.

Aartii Oromoo dorgommii keessa galchuuf jecha namoonni fedhiin aartii keessa isaanii jiru barnoota aartii barachuun akka jabeeffatanis gorsa.