Wellisaa Jaagamaa Taaddalaa : "Du'eera jedhanii kosii keessatti na gatanii deeman"

Weellisaa Jaagamaa Taaddalaa

Madda suuraa, Sirba isaarraa kan fudhatame

Sirboota 'lookoo Bulloo' fi Eelee Sibiilaa jedhaniin daran kan beekame weellisaa Jaagamaa Taaddalaa, torbee dura guyyaa Jimaataa namoota eenyummaan isaanii hin beekamneen reebichi cimaan irra gahuu BBC'tti hime.

Akkaataa itti reebame yoo ibsu "dura naa bilbilamee 'qaama tikaa irraayii haala yeroo irratti si dubbisuu barbaanna' naan jedhani" jedha weellisaan kun.

"Gara Birbirsa Gooroo (Piyaassaa) akkan dhufu natti himan. Tole jedheen Laga Xaafoo irraa gara Birbirsa Goorootti imala eegale" jedha.

Bakka Magganaanyaa jedhamutti taaksii irraa bu'ee taaksii kan biraa gara Piyaassaa deemu qabachuuf wayita jedhu namoonni hin beekamne akka dinqisiifataa isaa ta'anitti dubbisuus hima.

"Akkuma na arganiin 'Jaagii Lookoo Bulloo' jedhanii na dubbisan. Ani namoota kana hin beeku, tarii dinqisiifattootuma kiyya ta'u jedheen amane."

"San booda bakkan deemu na gaafatanii itti himnaan isaanis garas akka deemanii fi isaan wajjiin akkan deemu na afeeranii konkolaataa isaanii seene" jedha.

Konkolaatichi imala gara Birbirsa gooroo osoo hin taane kallattii biraarra waan deemeef akka isa buusaan gaafannaan, "duubaa fi fuulduraan na tumuu jalqaban" jedha.

"Biyya Mootummaan jirutti maaf akkana na gootu maalin balleesse jedhuunis 'Har'aaf mootummaankee numa' jedhanii arrabsoo hamilee namaa cabsuu fi reebicha walirraa hin cinne narratti raawwatan" jedha.

Namoonni kunneen yeroo dhiigni afaanii fi funyaaniin na yaa'ullee garaa naaf hin laafne kan jedhu Jaagamaan, yeroo muraasa booda of wallaalee waan tureef waan ta'e akka hin yaadanne dubbata.

"Sa'aatii 10'tti kan na reebuu jalqaban. Halkan keessaa sa'aatii 4'tti yoon of baru magaala keessaa na baasanii bakka kosiin itti gatamu maasii qonnaa tokko cinaatti na gataniiru."

"Du'eera jedhanii kosii keessatti na gatanii deeman" jedha.

Weellisaa Jaagamaan sirboota aadaan beekamu yoo ta'u sirbi qabsoo inni bara 2015 gadi dhiise 'Eelee Siibilaa' jedhuun jaalatameefi ture.

Maxxansa YouTube irra dabri
Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa YouTube

Gargaarsa namootaatiin bakkichaa kaafamuu fi reebichaan alatti qabeenyi isaa kamuu akka jalaa hin fudhatamnes himeera.

Namootni kunniin wanbadee magaala keessatti gurmaa'anii namoota dhuunfaa haleelan malee akka dura jedhan qaama tikaa mootummaa akka hin taane haala isaanii irraa hubadheeras jedha Jaagamaan.

Reebicha irra gaheen lafee dugdaa fi laphee isaarra miidhaan cimaan waan gaheef yeroo ammaa kana gargaarsa maatii isaatiin yaalamaa jiraachuu BBC'tti himeera.

Miidhaa irra gahe kana qondaalota nageenyaa dhuunfaan beekutti himatus eenyummaan namoota isa reebaniin wal qabatee wanti bira gahame hin jiru.

Aartiistonni Oromoo magaalaa Finfinnee keessa jiraatan yeroo adda adda arrabsoo fi reebichi akka isaan mudatu himu.