Aartii Oromoo: Adaamaan jiddugala muuziqaa Oromoo ta’aa jirtii?

Ibsa waa'ee viidiyoo, Adaamaan jidduugala muuziqaa Oromoo ta’aa jirtii?

Waggoota muraasa dura magaalaa Adaamaa keessa namootni muuziqaa qindeessanis tahe istuudiyoowwan sirboota Afaan Oromoo hojjetan bal'inaan hin turre.

Amma garuu bakkatti sirbootni Afaan Oromoo qulqullinaan hojjetamniifi ogeessonni keessatti argaman tahaa jirti jedhan artistootni BBC'n dubbise.

Daayreektaraa fi ogeessi kaameraa Kiing Raagoo Alii.

Waggoota muraasa darban hojiin pirodaakshinii muuziqaa daran akka guddate hima.

"Ani yeroon jalqabu kaameeraa kaasseetta 'MD' fayyadameen waraaba ture. Amma garuu kaameeraawwan 'Full HD' ta'an fayyadamna. Sadarkaa qulqullina viidiyoonis '4K' irra geenyee jirra" jedha.