Obbo Kumaa Dammaqsaa: Magaalaan Oromiyaa akka Adaamaa deemu numati murteesse

Obbo Kumaa Dammaqsaa

Kantiibaan duraaniii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Kumaa Dammaqsaa teessuma bulchiinsa Oromiyaa Adaamaatti geessuun dhibbaa qaama biraatin hin raawwanne jedhan.

''Humna biraatu dhiibe galche inni jedhu soba. Anaafi namoota ana waliin tureetu murteesse,'' jechuun BBC'tti himaniiru.

''Ammas taanaan ejjennoon yeroo sana kaasaa ture dogongora jedhee hin ilaalu ani,'' jechuun isa teessumni bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa Adaamaatti geeffamu sirrii akka ture kaasu.

Silaa yoona Adaamaan kana caalaa ni guddatti jechuun BBC'tti himaniiru.

Maastar Pilaanii

Maastar pilaaniin 10ffaa magaalaa Finfinnee waggaa afur dura mariidhaaf yeroo dhihaate keessumaa ummata Oromoo biraa mormiin guddaa dhagahameera.

Sababa sanaanis, waldhabdee fi mormii bakka adda addaatti dhalateen lammiileen hedduu ajjeefamaniiru.

Ta'en kuni raawwachuu isaatiin dura kantiibaa magaalaa Finfinnee kan turan Obbo Kumaan ''Ilaalcha dogongoraan kan fuudhame jira'' jedhu.

''Mirgaafi faayidaa ummata Oromoo irratti araaramee hin beeku,'' kan jedhan Obbo Kumaan dubbiin Maastar pilaanii Finfinnee lafa darbarsanii kennuu osoo hin taane bu'uuraalee misoomaatiin walitti hidhuudha jedhu.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Kumaa Dammaqsaa

''Dubbiin ummanni Oromoo isa lafarraa buqqa'uf waan walitit makamef malee ejjennoo tarkaanafataadha jedheen ilaala ammas,'' jedhen.

''Ammas yeroo isaa eeggata malee bar tokko dhufuun isaa hin hafu jedheen amana,'' jechuun dubbataniiru.

Gaggeeffamuu

Dhaabni Oromoo Dimookiraatik Paartii gaggeessitoota gameeyyii dhaabichaa dhiheenya kora Jimmaatti taa'een kabajaan gaggeessera.

Kanneen keessa Obbo Kumaa Dammawqsaan jiru.

''Gaggeeffamuu jechuun qabsoorraa gaggeeffamuu jechuu miti'' kan jedhan Obbo Kumaan gaggeefamuun isaanii inumaa turuu isaa BBC'tti himaniiru.