Obbo Abbaaduulaa gaaffii irratti ka'aa turerratti maal jedhu?

Yeroo tokko jaallatamummaafi kabaja guddaa, yeroo kaan ammoo eenyummaa walmormisiisaa kan qaban Afyaa'iin Mana Maree bakka bu'oota uummataa Itoophiyaa Obbo Abbaaduulaa Gammadaa turtii addaa BBC waliin taasisaniiru.
Hojii 'gadhiisuu'fi deebi'uu
Gaaffiin ani qabu gaaffii dhuunfaa miti, kan jedhan Obbo Abbaaduulaa Gammadaa, gaaffii gurguddaa sadii kaasanii akka turan dubbatu.
Inni jalqabaa, waa'ee kabaja dhaaba isaanii akka ture dubbatu. 'Dhaabni kabajamuu qaba. Namoonni adda addaa dhaaba keessatti harka galfachuun nama isaanii hojjetu uumuu barbaadan, uumanis. Kanumaanis dhaabni keenya kaayyoosaa galmaan akka hingeenye ta'eera. Kanaafis balaan baayyeen gahee jira. ALI gageessitoota dhaabaa wayita jijiirru, seeraan ala jijiirtan jechuun kan hin gammanne turaniiru.
Kanaan dura kan beeknu irraa sadarkaa baay'ee kan darbee deeme ture. Kanaafis wal kabajnee jiraachuu qabna. Biyya kanaaf qixxee itti gaaftamna.
Gaaffiin isaanii inni lammaffaa ammoo waa'ee sochii diinagdee #Economicrevolution jedhamuun beekamu akka tahe dubbatu Abbaaduulaan.
'Oromoo abbaa diinagdee gochuu qabna jennee amanna. Kanaan walqabatees rakkoon hedduun nurra gahee jira. Waa'een 'maastar pilaanii' waan lafti fudhatamuuf duwwaa miti, Oromoon baayyee waan buqqa'uuf. Naannoo magaalotaarraa Oromoota hedduutu buqqa'ee mana namaatti gale. Hiyyummaatti deebi'e. Namni baay'een hojii hinqabu.
Rakkoo kana hiikuufis sochiin diinagdee kun akka jalqabame dubbatu. Sochiin kunis iddoo baay'etti fudhatama akka dhabe dubbatu, 'Sirumaayyuu saboota biraa hojii keessaa baasuuf hojjetame,'' akka jedhamanis BBCtti himan.
Yaadni sochii diinagdee kanaas dhiibbaan irra gahu hinqabu jechuunis mormuu isaanii ni dubbatu.
Gaaffii Abbaaduulaan kaasan inni sadaffaan waa'ee rakkoo uummatoota Somaaleefi Oromoo gidduutti uumame irratti. Namoota miiliyoonatti siqan qe'eesaanirraa buqqa'aniiru. Kanneen hedduun ammoo wayita lubbuu dhabuu, kanneen biroon ammoo qabeenya isaanii dhabaniiru.
Dhimmuma kanas qaamaan argamanii daawwachuun xiyyeeffannaan kenname guddaa akka hinturre dubbatu. Kanumaanis 'baayyeen gadde,'' jedhu.
'Kun hundi erga ta'ee, taayitaa kana qabadhee asii maalan godha. Gaaffileen kunniin hiikamuu qabu jechuun, ministira muummee duraanii Obbo Haayilamaariyaam Dassaalenyi dabalatee, hoggantoota ADWUI waliin akka marii taasisanis dubbatu.
Gaaffilee gurguddoo kanaafi kanneen biroos dabalatee irratti mari'chuun hiikuun akka barbaachisu irratti akka waliigalanis dubbatu. Kanumaanis akka murteesaanii jijjiiran dubbatu. 'ergasiis jijjiirama guddaatu uumame,'' jedhu.
Abbaaduulaan kana haa jedhan malee, erga isaan hojiitti deebi'an namoonni hedduun lubbuu dhabuu, akkasumas qe'eerraa buqqa'uun itti fufeera jennee gaafanne.
'gaaffiin koo deebi'eera osoo hintaane, gaaffii dhiyeesse irratti waliigallee jirra.

'Dogongora lakkoofsaa'
Dhiyeenya kana ammoo Labsiin Yeroo Muddamaa yeroo lammaffaaf wayita labsamu, mana maree bakka bu'oota uummataatti wanti tokko mudate. Kunis afyaa'ii mana marichaa kan tahan Abbaaduulaa Gammadaa lakkoofsa namoota argamaniifi labsicha deeggaran wayita ibsan dogongoruun isaanii TV biyyattii irratti kallattiin tamsa'eera.
Erga walgahiin xumuramee booda ammoo gaazexeessaa BBC dabalatee, gaazexeessitoota achi turanitti bilbiluun, lakkoofsicha akka sirreessan itti himameera.
Kanumaanis lammiileen biyya keessaafi biyya alaa jiran labsichi seeraan ala labsame jechuun mormii guddaa akka kaasan taasiseera.
Gaafa sana maaltu mudate jennee Abbaaduulaa gaafanne.
'Miseensonni meeqa akka dhufan kan agarsiisu galmeen ni jira. Wanti mudate rakkoo lakkoofsaa miti kan jedhan Abbaaduulaan, namoonni lakkaa'an wayita lakkoofsasaa natti himan dogongoran. Oggasuma sana lakkoofsicha sirreessine, bariis uummata Itoophiyaa hunda dhiifaman gaafadhe,'' jedhu.
Kana malees jedhu Abbaaduulaan, 'walgahii kanaan dura akka dhaabaatti labsiin yeroo muddamaa akka barbaachisu karaa idileen ala taheen irratti mari'annee walii gallee turre. Namoonni 80 tahan sunniin mormaniiru. Osoo akka paarlaamaa Ingiliiz tahe silaa namoonni morman sunniin paartii keessaa bahu. Dirqama paartiin kenneef sana waan dhiiseef. Nuyi garuu demookraasiin ganaa guddachaa jirra.'' jedhu.
Labsiin kun ni ka'aa?
Waa'een labsiin ka'uufi dhiisuu yaada kennuu hin danda'u kan jedhan Abbaaduulaan, "adeemsa mataasaa qaba. Haalli itti labsame qoratamee, qaamni hojii raawwachiiftuu kan ministira muummuchaan hogganamu, labsiin kun amma hin barbaachisu jedhee wayita itti amanu, paarlaamaatti dhi'eessuun akka ka'u taasisa,'' jechuun ibsan.
Waa'ee ministira muummee haaraa
Dr. Abiy Ahimadiifi Obboo Lammaa Magarsaan DHDUOtti kan makaman wayita sirni Dargii guutummaan guutuutti hin kufiin dura akka tahe kan dubbatan Abbaaduulaan, Ministirri Muummichaa Dr. Abiyyis dhaaba kana keessatti guddatan,jedhu.
Dhaabni kun qabsoo hedduu keessa waan dabreef, namoonni baayyeen ni galu, muraasni ammoo cimanii bahu. Isaanis kanuma keessa dabran, jedhaniiru.
"Uumamaan nama baratu, dubbisuu jaallatuufi jijjiiramaati," jechuun ibsu.
Dr. Abiy dhiibbaan qaamolee adda addaa irraan kana ka'e, jijjiirama addaa fiduu hin danda'an jedhamaa jira, kanarrattis yaadasaanii gaaffanneerra.
"Kanarratti yaada adda tahen qaba. Namoonni jijjiirama hinfeenne haa jiraatan malee, dhaaba kana jijjiiruuf kan murteessu gaggeessaa dhaabichaati. Uumamaan ammoo Dr. Abiy nama akkanaatti, ittin amana'' jedhu Abbaaduulaan.
Fayyadama miidiyaalee hawaasummaa
Miidiyaalee hawaasummaa kanneen akka Facebook fi twitter akka fayyadaman Obbo Abbaaduulaa Gammadaa gaafannee ture. Deebiin isaanis salphumatti, 'hin fayyadamu,' kan jedhu ture.
Maaliif?
Irra caalaan sababni kanaa yeroo qabaachuu dhabuu akka tahe nutti himan. Teeknooloojii addunyaan kun fide waan taheef akka deeggaran himuun, 'Qeerroo Oromiyaa waliin dubbachuun ni barbaachisa waan ta'eef, gara fuuladuraatti nan fayyadama,'' jedhaniiru.
DhDUO ilaalchisee
'Akka hundeessaa DhDUOtti naannoo ofii qabaachuu, Afaan Oromoon dubbachuu, mootummaa federaalaa keessatti murteessummaa qabaachuu, darbees misooma naannoo mirkaneessuu akka injifannoo tokkootti fudhachaa turre.' jedhanii ' wanni nu hafus jira jechaa turre.
Wanna nu hafu sana keessaa uummanni guddaan kun carraa biyya bulchuu argatee jira. DhDUOn obsaafi wareegama isaatiin bu'aa kanarra gaheeras jedhan.













