Abbaan Jaallee 'Kabbitoo', jaarsi ganna 70 ilmi miseensa WBO ta'e akkamiin ajjeefaman?

Madda suuraa, Jako Amente/ Facebook
Abbaan Artiist Jaallee Amantee ykn 'Kabbitoo' maanguddoo ganna 70 kan ilmi isaanii miseensa WBO ta'e, torban darbe to'annoo poolisii jalaa baafamanii humnoota nageenyaan ajjeefaman jechuun maatiin himatan.
Ajjeechaan kuni yeroo lolli qaamolee mootummaafi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO), kan mootummaan Itoophiyaa tarree shororkeessummaa jala galche, hammaatetti dhagahame.
Itoophiyaan lola Kaaba biyyattiitti hammaateen walqabatee torban sadii dura Labsii Yeroo Muddamaa labsameefi aangoo dabalataa humnoota nageenyaaf kennu jala bulaa jirti.
Ajjeechaan Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Kuyyuu Magaalaa Gabra Gurraachaatti gaafa Jimaataa raawwate jedhameerratti ajjeechaan kan himatame poolisiin waan ifatti dubbate hin qabu.
Humnoonni nageenyaa erga to'annaa jala oolchanii booda baasanii ajjeesan himannaan jedhu, waggoota muraasa darban irra deddeebbiin dhagahama. Ta'us mootummaan himannaa kana hin fudhatu.
Poolisii akkasumas qondaalota mootummaa dhimmicha kallattiin ilaallatu dubbisuuf yaalii BBC'n taasise hin milkoofne. Kana dura garuu poolisiin himannaa akkanaa balaaleeffateera.
Qondaalli dhaaba biyya bulchuu dhimma kana dubbifne ''Kuni dhugaarraa kan fagaatedha, ololaaf kan itti fayyadamaa jiranidha,'' jechuun BBC'f deebisan.
BBC'n haala ajjeechaa kanaa qaama walabarraa waan mirkaneeffate hin qabu.
Kana dura Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa 'tarkaanfiin seera kabachiisuu Oromiyaa keessaa karaa seera hordofeen ta'uu qaba' jechuun qeeqaa ture.
Ilmi maal jedha?
Obbo Amanteen ilmi isaanii tokko miseensa WBO waan taheef torban lama dura humna nageenyaan qabamuun kaampii poolisii humna addaa Oromiyaa Magaalaa Gabra Gurraachaa keessatti hidhamanii akka turan, ilmi isaanii Jaallee Amantee ykn Kabbitoon BBCtti himeera.
''Torban lamaan har'aa mucaan kee WBOtti makamee bosona jira jedhamee hidhamee ture. [Jimaata] ammoo achii baasanii karaarratti ajjeessan. Sa'aatii shan jaha tahuuf reeffi akka hin kaane dhorkaniiru,'' jedha ilmi isaanii.
Obbo Amanteen manguddoo waggaa 70 tahuu kan himu ilmi isaanii kun, kan ajjeefaman bakka manneen baay'atan daandii irratti ganama keessaa gara sa'a 12:30tti tahuu dhageenye jedhe.
Akka maatiirraa odeeffadhe jedhetti abbaan isaa 'adda irra rasaasaan rukutamanii' ajjeefaman.
Nageenya isaaniif 'sodaachuun' ofiis dhaqee akka hin awwaalleefi karaa maatii achi jiranii haala ture hordofaa akka ture BBC'tti hime.
''Ilma kee bosona jiruuf nyaata deddeebista, qoricha ergitaaf jedhanii hidhanii dararaa turan. Ji'a tokko duras hidhanii guyyaa afur shan hidhanii gadhiisanii ture,'' jedhe.
Ergasii deebisanii qabamanii kaampii poolisii humna addaa Oromiyaa keessatti hidhamanii akka turan hime.
Jaalleen sababa obboleessa isaanii kanaan hundi isaanii qaama nageenyaan akka barbaadaman himee, sirna awwaalchaa irrattis akka hin hirmanne hime.
Obboleessi isaanii WBO kan mootummaan Itoophiyaa shorokeesumman farrajetti kan makame waggaa lama dura tahuus hima.
Taatee biraa
Himannaan mana hidhaatii baafamanii ajjeefaman jedhu kana dura Godina Horro Guduruu Wallaggaa, Shawaa Lixaafi kaanittis dhagahamaa ture.
Baatii muraasa dura manguddoon Obbo Moosisaa Lammaa jedhaman magaalaa Finfinnee naannoo Awutoobis Taraa jedhamee beekamutti qabamuun hidhamanii gara Abuunaa Gindabarat geeffamuun akka ajjeefaman maatiin ni himu.
Maatiin barsiisaa Moosisaa tokko nageenya isaaniif sodaachuun maqaan isaa akka dhahamu hin feene tokko akka jedhetti, Obbo Moosisaan Adoolessa 26 bara 2013 qabamee kaampii waraanaa keessatti hidhuun booda gara buufata poolisii aanaa Gindabaratitti geessuu hime.
Hagayya 9 bara 2013 bakka hidhanii baasuun gara bosonaatti geessanii rasaasaan ajjeesan jedha namni kun.
Barsiisaa Moosisaa Lammaa hidhamanii torban lama booda ajjeefamuu kan himu namni kun, maatiin bakka isaan itti hidhamanii turanitti deemuun dubbisuuf carraa hin arganne jedhe.
Eeruu ummataan reeffi isaanii argamuu kan himu namni kun ''gaafa rukutan kan ijaan arge ijoollee loon tiksanidha. Namoota sadii konkolaataa irraa buusanii harka isaanii irraa cancala hiikan.
''Namoota sadii turan keessaa tokko baqachuuf jennaan dafanii rukutuun sadan isaanii bakka tokkotti ajjeesan,'' jedhe.
Reeffi akka hin awwaalamneefis mormiin akka isaan mudataa ture hime. Barsiisaa Moosisaa Lammaa hojii barsiisummaan cinatti itti gaafatamaa 'koree qeerroo aanaa Abuunaa Gindabarat' akka ture hime obboleessi isaa BBC'n dubbise.
Magaalaa isaanii keessatti hannaafi saamichi akka hin raawwanne hojjechaa turuu hime.
Haa tahu malee dhimmuma kana irraa ka'uun ''deeggaraa ABO Shaneeti jedhanii irratti kaanaan hojii barsiisummaa isaa dhiisee Finfinnee galee hojii dhuunfaa isaa hojjechaa ture,'' jedhe.
BBC'n dhimma himannaa maatii kana irratti yaada poolisii bakkichaa argachuu hin dandeenye.
'Dhimmi badii hidhattootaa ajandaa ta'aa hin jiru'
Dubbii Himaan Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa Obbo Gizaachoo Gabbisaa taatee keessumaa Godina Shawaa Kaabaatti raawwate akka quba hin qabne himan.
Ta'us, sababa mootummaan kana raawwatuufi hin qabu jechuun himannaa irratti ka'u mormu. ''Inni kuni kallattii mootummaas hin ta'u, boris ta'uu hin danda'u. Sababni isaa mootummaan seeraan biyya bulchu jira,'' jedhan.
''Irra guddeessa ololaan ummata burjaajessuuf yaaluun, qaamolee adda addaan tarkaanfachiifamuun miidiyaaleettis ni dhufa,'' jechuun himannaan dhihaate dhugaarraa kan fagaatedha jedhu.
Obbo Gizaachoon wantoota ijoo lama kaasu. Tokko ajjeechaan akkanaa hin raawwanne kan jedhu yoo ta'u, inni lammataa haleellaa hidhattoonni raawwatan gabaasa gahaa argataa hin jiru kan jedhudha.
''Daa'imni kichuun duutu, haati bakkeetti haftu, abbaan ijoolleerraa ajjeefamu ajandaa ta'aa hin jiru. Amma kan ajandaa ta'u dhimma tokko kaasanii mana sirreessaa akkasiitti akkas ta'e kan jedhu kanatu jira,'' jechuun komii kaasu.
Dabalataan, hidhattoonni ajandaa uumuuf ''ta'e jedhamee uumamee ittiin burjaajessuuf qopheeffamee wanti gadi lakkifamu hedduun akka jiru garuu hin beekna,'' jechuun himan.
BBC'n qaamolee ajjeechaa kanaan kallattiin himataman yoo miidiyaatti dubbachuuf fedhii qaban yaada isaanii qopheessuuf qophii ta'uu ibsa.














