Yeroo mariin nagaa abdii argatetti maaliif waraanni cime?

Madda suuraa, Social Media
Waraanni mootummaa Itoophiyaa fi hidhattoota Waraanaa BIlisummaa Oromoo (WBO) gidduutti kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti gaggeefamu ji'a tokko dura marii nagaan fala argachuuf abdii hore booda deebi'ee hammaachutu dhagahame.
Ebla 25, 2023 irraa eegalee hidhattoonni WBO fi mootummaa federaalaa bakka buutota ramadanii, bakka qaamoleen sadaffaa jiranitti Taanzaaniyaa odola Zaanzibaaritti mariin eegalan guyyoota sagaliif gaggeefamaa erga turee booda ''wal-hubannaa uumee'', waliigaltee dhuukasa dhaabuu malee xumurame.
Tibba mariin kun gaggeefamu abdiin araarri bu'uu mala jedhu guddaa ture. Jiraattotni bakka WBO baayyinaan keessa sosso'u jiraatanfi kaanis mariin nagaa eegalamuun jireenya qawwee lama jalatti itti hadhaayerraa afuura akka isaan baafachiisu abdii qabaachuu BBC'tti himanii ture.
Mariin nagaa jalqaa bu'aa namoonni hedduun eegan osoo hin fidiin goolabamuu booda keessumaa torbanoota muraasa darban Godinaale akka Horro Guduruu Wallaggaa, Wallagga Lixaa, Shawaa Lixaa, Shawaa Kaabaa fi Gujii fa'aa keessatti humnoota lamaan gidduu waraanni hammaachuu BBC'n maddeen isaa amanamoo irraa odeeffateera.
Caamsaa 17, 2023 ibsa kan baase WBO, ''wayita marii nagaa walitti bu'iinsa laaffisaa deemuuf waliigalamus, Caamsaa 3, 2023 irraa galee mootummaan haleellaa haaraa nurratti bane'' jechuun bakka humnoonni isaanii sosso'anitti waraanni cimuu ibse.
Ergasiis duula ''to'annoo ofii cimsachuu'' jedhuun humnoota mootummaa ofirraa qolachuu keessa injifannoo argate karaa dubbii himaa idila addunyaa dhaabichaa Odaa Tarbii miidiyaa hawaasaarratti qoodamaa ture.
Mootummaan gama isaan waraana erga marii Zaanzibaarii hammaachaa jira jedhamu kana ilaalchisee ifatti waan jedhe hin qabu. Waraanicha humnoota mootummaatu eegale jedhee himannaa WBO dhiyeesseefis deebiin ifatti kenne hin jiru.
Qaamoleen lameen marii marsaa jalqabaa xumuruu hordofee ibsa mata mataan baasaniin yaada walfakkaatu calaqqisaa turan.
Marii marsaa jalqabaa kana irratti waliigalteen gurguddaan gahamuu baatus waraana adeemaa jiru haala waaraa ta'een goolabuuf mariin marsaa itti aanu gaggeefamuu qaba jedhanii akka amanan sanaafis qophii ta'uu ibsanii ture.
Ibsi kun erga kennamee ji'a ta'uuf adeema. Mariin marsaa jalqabaa yoomiifi eessatti akka gaggeefamu ammallee wanti ifatti bahe hin jiru.
Inumaayyuu ibsi qaamolee lamaanii bahee guyyoota muraasa booda lolli hammaachuutu gabaafame.
'Ni tasgabbaa'a osoo jedhamuu maaf hammaate?'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dippiloomatii duraanii UN kan turaniifi amma sooromarra kan jiran Obbo Baayyisaa Waaqwayyaa waraanaafi araara gaaga'aa biyyoota hedduu dhiyeenyatti beeku. Amma haala WBO fi mootummaa Itoophiyaa gidduu jirus ni hordofu.
''Amma waraaanni qaamolee lamaan gidduu hammaachaa jira oduu jedhu garaa guutuudhaan hin fudhadhu,... warri amma wal-waraanaa jiranis qaamoleedhuma lamaan kana ta'uu dhiisuu mala shakkii jedhu qaba'' jedhan.
Qaamoleen lamaan wanti Zaanzibaaritti dudubbatan araara osoo hin taane waliigaltee nagaa buusuuf haa hojjennu jedhuudha kan jedhan Obbo Baayyisaan, haala mariin akkasii adeemaa jirutti ''wal-waraanuun waanuma eegamuudha,'' jedhu.
Waraanni marii jalqabaa booda itti fufe kun sababoota sadiif hammaachuu danda'aa jedhu Obbo Baayyisaan.
Akka isaan jedhanitti sababoota jiran keessaa inni ijoon marii marsaa lammataa irratti dantaan isaanii caalmaa argatee injifatu dirree waraanaatti dhiibbaa uumuudha.
''Tokko hamma ta'e humna koo sitti agarsiisee, si cabseen marsaa lammaffaa irratti yeroo walitti deebinu atis laafina kee bartee isan baayyee si gaafadhu naa laatta,'' yaada jedhuun ta'uu danda'aa jedhu.
Obbo Baayyisaan amma qaamolee wal-waraanaa jiran lamaan keessaa eenyu waraanicha dursee akka hammeesses ta'u, yaada amma jedhan kana eenyu raawwachaa jira isa jedhu mirkanatti waan hin beekneef bira darbaniiru.
Sababni inni lammataa ammoo qaamolee lamaan keessaa inni tokko araarri kun hin milkaahu ilaalcha jedhu qabatee, akka inni kufu barbaadee waraanicha harbeessuu danda'aa jedhu.
Sadaffaa irratti ammoo qamooleen lamaanuu wal-shakkaa gara marii nagaatti kan seenan yoo ta'e, marii booda wal-amanuu dhabuun isaanii dhugaa ta'uu mirkaneessuuf waraanatti debi'uu danda'uu jedhu.
''Wantumti xiqqoon yoo dhagaahamte isumaan kaatee shakkii kee sana dhugoomsuuf wal-rukutuu dandeessa.''
'Waraanichi itti fufus, araarri bu'uun isaa waan hin oolle'

Obbo Baayyisaan muuxannoo biyyoota addunyaa adda addaa keessatti argan irraa amma abdiin marii nagaa dukkanaa'aa,waraana gaggeefamaa jiruun ''hamileen na hin cabuu'' jedhu.
''Waan haaraa miti kun waanuma ta'uudha, waan hamilee nama cabsu miti, waliigalteen kun hinuma itti deema.''
Mariin Zaanzibaaritti eegalame akka milkaa'uu danda'u wanta abdii isaanitti horu keessaa inni tokko qaamoleen lamaanuu wal-waraanaa haa jiraataniyyu malee wanta Zaanzibaaritti waliin jedhan kan hin cabsinee ta'uudha jedhu.
''Xumura irratti wal hubannoon ibsa baasaniiru. Isa booda namni waliigaltee cabse hin jiru. Wanta achitti dubbatan sana gareen lamaaniyyuu ulfeessanii jiru.''
Odeeffannoo murtaahaa dhimmichaaf dhiyoo jiran irraa argatan irratti hundaa'uun yoomiifi eessatti kan jedhu adda baasuu baatanis mariin marsaa lammataa ''inuma itti fufa, waan nama yaaddessu hin qabu'' jedhan.
Obbo Baayyisaan xiyyeeffannoon qaamolee lamaanis ta'e, hawaasaa waraana amma itti fufe kanaan jeeqamuu fi waraanicha harbeessuu caala qaamoleen lamaan marii marsaa itti aanuun akka walitti deebi'an ''jilbeeffannee itti cichinee achiin gahuudha'' jedhu.
Waraanni amma adeemaa jiru waayee marii nagaa Zaanzibaar maal hima?
Caamsaa 3, 2023 WBO fi mootummaan Itoophiyaa wayee marii nagaa Zaanzibaar wanta abdii horu fi qabiyyeen isaa walfakkaatu baasan. Wal hubannaan uumamuufi wantoota ijoo kaan irratti ammatti waliigalteerra akka hin geenye garuu ammoo mariin marsaa lammataa akka feesisu beeksisan.
Kun ta'ee guyyoota shan booda waraanni hammaachuu WBO hime. Ergasii kutaalee Oromiyaa adda addaa keessaa wanti dhagaahamu waayee walhubannaa mariin Zaanzibaar uumee gaaffii keessa galcha.
Obbo Baayyisaan dhimma kana irratti yoo dubbatan mariin guyyoota sagalii maal akka fakkaatu himuuf achi keessa jiraachuu barbaachisa garuu dhimmootni irratti walii ta'an jiraatu malee guyyaa hanga kanaa wal bira hin turan turee jedhu.
''Jarri kun yoo xiqqaate rakkoo isaanii mariidhaan waliigalteen fixuu qabna jedhanii taa'an guyyaa sagal. Guyyaa sagal keessatti ammoo gaaffiin hunduu ni furama jechuun hin danda'amuu.''
''Dhimmoota isa laayyoo laayyoo irratti waliigalanii isa cimutti ammoo qofa qofaan irratti dubbannee walitti deebina jechuun waanuma baratameedha, daandii sirriirra jiru. Mariin nagaa akkanumatti qajeela.''
Waraanni kun yeroo mariin marsaa ittaanu itti eegalu dheeressuu malaa?
Qaamoleen lamaan marii nagaa isa Zaanzibaariif qophii ta'uun kan ibsame akkuma ammaa waraanni kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti gaggeefamaa wayita turettidha.
Marii nagaa Zaanzibaar booda waraanni itti fufuun kun yeroo kamuu caala araara namni hedduun hawwiin eegu fageessaa deema sodaa jedhu uuma.
Obbo Baayyisaan garuu ''hedduu danqaa hin ta'u. Akka kootti, ibsa baasan keessattis gareen lachuu karaa nagaa rakkoo kana furuuf fedhii qabu'' jedhan.
Saffisa kamiin, yoom walitti deebi'anii marii itti fufu kan jedhu gaaffii ta'us, walitti deebi'uun isaanii waan oolu miti jedhu.
''Torban tokkottis, ji'a tokkottis walitti haa deebi'anii walitti deebi'uun isaanii waan oolu miti. Akkuma walitti deebi'aniin ammoo dhukaasa dhaabuuf waliigaluudhumatu irra jira.''
Marii isa Zaanzibaar irrattis marii biraan hanga walitti deebinutti wal-hin rrukunnu jedhaniiru ta'ee wanti beekamu hin jiru, tarii dhimmi kun wantoota irratti walii hin galle keessaa tokko ta'aa jedhan.












