Shawaa Bahaa Magaalaa Oolancitiitti haleellaa hidhattoonni raawwataniin lubbun namootaa darbun himame

Magaala Oolancittii

Madda suuraa, SM

Haleellaa Kibxata galgala hidhattoonni Oromiyaa bahaa Magaalaa Oolancitiitti bananiin lubbuun naamoota nagaa darbe himame.

Haleellaa hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo kan Mootummaan ‘ABO Shanee’ jechuun waamu Kibxata galgala Magaala Oolancittiitti bananiin lubbuun namoota nagaa lamaa darbuu poolisiin hime.

Ajajaan Poolisii Aanaa Boosat, Komaadar Mohaammad Suufaa BBC’tti akka himanitti, hidhattoonni Kibxata sa'aa booda naannoo sa’aatii 11’tti Magaalaa Oolancitii seenuuf yaalii godhaniin lubbuun namoota nagaa lama yoo darbu namoota lama irra ammoo miidhaan qaqqabeera.

“Aanaa Boosat kana keessa humni ABO Shanee jedhamu kun bal’inaan socho’a. Yeroo hedduu dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa irraan miidhaa geessisuuf yaalu. Magaala kanallee rukutuuf yaalaa turan,’’ jedhan qondaalli poolisii kun.

“Kaleessa waaree booda naannoo sa’aatii 11’tti shiftaa kanatu baay’atee magaalaa seenuuf yaalii godhe. Qaamni nageenyaa jiru hundi qindaa’ee ofirraa deebiseera. Jara keessaa nama jahatu ajjeefame namoonni afur ammoo qabamaniiru,” jedhan Komaander Mohammad.

Haata’u malee miidhaa qaama hidhate kanarra gaheera jedhame ilaalchisee BBC madda biraa irra mirkaneeffachuu hin dandeenye.

Dhukaasni magaalaa Oolancitii keessatti ta’e kun daqiiqaa 30 caalaa hin turre kan jedhan qondaalli poolisii kun, kaayyoon hidhattoonni dhukaasa bananiif hidhamtoota gadhiisisuuf ture jedhu.

“Waajjira poolisii keessa hidhamtoota addaa addaatu jira. Warra isaan keessaas qabamee hidhame jiru. Kaayyoon isaanii isaan kanneen baasuudhaaf gara waajjira poolisii dhufan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Garuu waajjirra poolisii seenuu hin dandeenye, humna isaanitii ol ta’e. Raayyaan ittisaa naannoo sana tures birmatee tarkaanfii irratti fudhate,” jechuun ibsan.

“Sana booda kaan ajjeefamanii, kaan madaa’uu kaan ammoo qabeenya harcaasee gara bosonaatti baqate,” Jedhan.

Magaalli Oolancitii yeroo ammaa haala nageenyaa tasgabbii qabu keessa akka jirtuu fi sochiin geejjibaa gara baha biyyattiitti keessa qaxxaamurus haala idileetiin itti fufee jiraachuu himan Komaander Mohaammad.

Haaluma walfakkaatunis Godina Gujii Lixaa Magaalaa Bulee Horaatti gaafa ALI Muddee 29, 2015 magaalaa seenuun hidhamtoota 480 ta’an mana hidhaa keessaa baasuu aanga’aan mootummaa BBC’n dubbise mirkaneessuun ni yaadatama.

Hidhattoonni WBO kan yeroo dheeraaf sochiin isaanii bosona keessatti daangeeffamee ture, dhiheenya keessa ammoo Oromiyaatti bakkeewwan garaa garaatti lo’anii magaaloota seenuun haleellaa raawwachuun dhagahamaa jira.

Marii araaraa Mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti Taanzaaniyaa Odola Zaanzibaar irratti erga guyyoota sagaliif gaggeeffamaa ture, torban muraasaan dura xumurameen booda; waan miirri wal hubannaa fi marii marsaa itti aanuun walarganii rakkoo furu jedhu uumamee ture.

Haata’u malee haleellaa fi wal waraansi gidduu qaamoolee lamaanii jiru marichaa asittis kutaalee Oromiyaa adda addaa keessaa itti fufuutu dhagahamaa jira.

kaartaa magaalaa Olanciitii mul'isu

'Mootummaan mariin booda haleellaa nurratti bane'

Gama biraatiin ammoo Waraanaa Bilisummaa Oromoo (WBO)n ibsa har’a Caamsaa 17, 2023 baaseen, marii nagaa marsaa tokkooffaatiin booda mootummaan kallattii hedduun waraana nurratti baneera jechuun himate.

Mootummaafi WBOn wal dhabdee waggootaaf naannicha keessa ture karaa nagaatiin furuudhaaf yeroo jalqabaatiif marii nagaatiif karaa bakka bu’oota isaanitiin fuldura kan mari’atan baatii darbe keessa ture.

Dhumma mariichaarratti ibsa qaama lamaaniin baheerratti akka ibsameettis, marii itti fufuuf wal hubannoo irra gahamutu himame.

WBOn ibsa isaa kanaan erga mariin nagaa marsaa jalqabaa Caamsaa 3 xumurameen booda ‘‘haleellaa cimaa’’ nurratti baneera jedhan.

Haata’u malee himannaa WBO kana BBCn madda walabaa irra mirkaneeffachu hin danda’andeenye.