Waa'ee sirreeffamtoota mana hidhaa Bulee Horaatii miliqfamanii hidhattoonni WBO maal jedhu?

Hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) - kan mootummaan 'Shanee' ittiin jedhu torbee darbe gaafa Amajjii 07, 2022 godiina Gujii Lixaa magaala Bulee Horaatti seenun hidhamtoota 2,000 ol mana hidhaa keessaa baasuu ajajaa ittaanaa WBO Gujii Lixaa kan ta'e Abdiisaan BBCtti hime.
Aanga'oonni mootummaa BBCn dubbise garuu lakkoofsi sirreeffamtootaa mana hidhaa magaalattii kessaa milqfamanii 480 akka ta'e himan.
Kantiibaan Ittaanan magaala Bulee Horaa Obbo Girjaa Uraagoo BBCtti akka himanitti: "Yeroo san hunduu bahaniiru. Hanga nama 480 ol hin gahu jedhamee tilmaamaama.
Nutis yeroo sanatti ragaa namoota naannoo sanatti hidhamanii baay’ee hin qabnu. Garuu namoota 400 ol ni ta'a."
Ajajaan Itti-aanaa hidhatootaa Gujii Lixaa akkaataa ittiin hidhamtoota miliqsan akkas jeechuun ibse: "Lola cimaa sa'aatii tokko ta'uuf humnoota mootummaa wajjin erga gaggeessineen booda hidhamtota maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deeggartu jedhuun hidhaman bilisaan akka bahan goneerra."
Akka ittaanan ajajaa hidhattoota kanaatti, namoonni mana hidhaa magaala Bulee Horaa cabsuun isaan baasan kun dhiirota 1,800 fi dubartoota 200 dha.
Dabalataanis eegdota mana siirreessaa keessaa poolisoonni 7 du'uufi 15 madaa'uu akkasumas meeshaalee waraanaa heddu akka booji'an BBCtti hime Abdiisan.
Halkan gaafa hidhattoonni namoota mana hidhaatii baasan sana sagaleen dhukaasaa gara sa'aatii lamaaf magaalicha keessatti dhagahamaa akka ture jiraattonni ni dubbatu.
Obbo Girjaan garuu, ‘‘Humni eegumsarra ture osoo jiruu karaa biraatiin dhokatanii lafoodhaan bittinnaa’anii dhufaniiti kan miidhaa qaqqabsiisan.
"Humna mootummaa eegumsarra jiru dursanii miidhani… Warra mana amala sirreessaa keessa jiran ammoo cabsanii baasani,’’ jechuun torbee darbe BBCtti dubbatanii turan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Torban lama dura Raayyaan Itisa Biyyaa ibsa fuula miidiyaa hawaasummaa isaarratti baasen godiinota Gujii lamaan keessaa gandoota to'annoo hidhattoota WBO jala turan deebisee toa'chuufi uummanni jireenya idileetti deebi'uu beeksisee ture.
Gama biraan ammoo waraannni Kaaba Itophiyaa nagaan xumuramuu hordofee mootummaan humna waraanaa guddaa gara Oromiyaatti bobbaasun hidhattoota WBO wajjin wal hadhaa jira.
Hidhattoonni namoota mana hidha cabsuun baasuu hordofee mootummaan humnoota nageeyaa bobbaasee faana dhahee adamsaa akka jirus himaniiru aangwaan mootummaa.
Itti-aanaan ajajaa hidhattoota Abdiisanis erga tarkaanfii magaalicha keessatti fudhataniin as mooummaan waraana kallattii garaa garaan bobbaasee isaan adamsaa akka jiru dubbateera.
Viidiyoon bilbila harkaatin waraabamee yeroo taateen hidhamtoota baasuu kun magaala Bulee Horaatti raawwatu agarsiisa jedhames miidiyaa hawaasarratti qoodamaa ture.
Viidiyicha irratti hidhattoonni hedduufi namoonni sivilii fakkaatan borsaafi festaalii baatanii wacaa osoo fiiganii mul'atu. Sagaleen hidhattootas WBO man hidhaa magaala Bulee Horaa keessaa isaan baasuu ibsu viidiyicha irraa ni dhagahama.
Viidiyicha ilaalchisee BBCn dhuunfadhaan waan mirkaneeffate hin qabu.
Haleellaa hidhattoonni magaala Bulee Horatti raawwatan kanaan namoonni nagaan lama miidhamanii yaala argataa jiraachuufi namni tokko lubbuun darbuu dubbatanii turan Obo Girjaan.
Ajajan Itti-aanaa hidhattootaa Abdiisanis namni tokko du'uu akka quba qabuufi "dhukaasni gamaa gamanaa waan tureef eenyu akka ajjeese hin beekamu" jedhe.
Waggoota afran darban keessatti walitti bu'iinsa humnoota nageenya mootummaafi hidhattoo WBO gidduutti naannoo Oromiyaatti deemaa jiruun lammiilen nagaan gatii hin malle baasaa jiru.
Waraanni Kaaba Itoophiyaatti TPLF fi mootummaa federaalaa waliin waggaa lamaaf gaggeeffamaa ture karaa nagaan furmaata argatus, kan Oromiyaa garuu hanga ammaa itt fufee jira.
Miseensota Paarlaamaa Itoophiyaa dabalatee qaamolee garaa garaa irraa mootummaan waldhabdee hidhattoota WBO wajjin qabu akkuma TPLF wajjin taasise karaa nagaa fixachuu akka qabu dhiibban godhamaa jira.












