Hidhamtoonni dhibbaan lakkaa'aman akkamiin halkan keessa mana hidhaa Gujii Lixaatii miliqfaman?

Akka aangawaan jedhanitti dhukaasa halkan hidhattooti bananiin sirreeffamtoonni seeraa 400 ol miliqfamaniiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Akka aangawaan jedhanitti dhukaasa halkan hidhattooti bananiin sirreeffamtoonni seeraa 400 ol miliqfamaniiru

Humnoonni nageenyaa sirreeffamtoota seeraa, haleellaa hidhattootaan xumura torban darbee mana hidhaa magaalaa Bulee Horaatti argamuutii miliqfaman adamsaa akka jiran aangawoonni himan.

‘’Humni mootummaa hanga ammaatti ari’aa jira,‘’ jedhan Kantiibaan I/Aanaa magaalaa Bulee Horaa, kan Finfinneerraa 450km ol fagaattu, Obbo Girjaa Uraagoo BBC’tti yoo dubbatan.

Dhukaasni Sambata darbe Guyyaa Ayyaana Qillee- ALI Mudde 29, 2015 ykn Amajjii 07, 2022 halkan kan Dilbatatti bari’u Mana Amala Sirreessaa Godina Gujii Lixaarratti baname.

Kanaanis, humnoonni poolisii mana amala sirreessaa tiksaa turan shaniifi jiraattota naannicha jiraatan keessaa namni tokko du’ee lama ammo madaa’uu aangawaan kun himaniiru

Yeroo haleellaa kanaa sa’aatii muraasaaf dhukaasni gara lamaa akka dhagahamaa ture jiraattoti dubbachuun gabaafameera.

Haleellaa kanaaf aangawootni hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo kan Shanee jedhan himatan.

Hidhattooti amatti hin dubbanne garuu kana dura haleellaa wal fakkaataa raawwatuu ibsaa turan.

‘’Yeroo san hunduu bahani. Hanga nama 480 ol hin gaha jedhamee tilmaamaamaan yaadama. Nutis yeroo sanatti ragaa namoota naannoo sanatti hidhamanii baay’ee hin qabnu. Garuu namoota 400 ol hin gaha,'' jedhan.

‘’Namootni kuni namoota yakka gara garaatiin achi turanidha,’’ jedhan Kantiibaan I/Aanaa magaalichaa Obbo Girjaan.

Hidhattooti mootummaan tarree shororkeessummaa jala galche baatiiwwan muraasa darban magaalaa Naqamteefi kaanitti haleellaa banuun hidhamtoota gadhiisisuu himaa turan.

Taateen tibbanaa kuni yeroo humnoonni mootummaa hidhattoota irratti tarkaanfi fudhachuu akka itti fufan ibsaa jiraniifi karaa nagaan akka furamu gaafatamaa jirutti mudate.

Haleellaan kun yaaddoon hawaasaa akka dabalu hin taasisuu? jedhamanii kan gaafataman Obbo Girjaan ‘’nutti hin fakkaatu. Maaliif yoo jette, humni kuni humna baqataa jiraatudha,’’ jechuun deebisan.

Akkamiin miliqfaman?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haleellaan kuni yeroo waraanni mootummaa hidhattoota kana dura michuu TPLF ta’uu ibsan irratti haleellaa cimsuu isaa ibsaa jiruutti dhagahame.

Torban darbe Raayyaan Ittisa Biyyaa Kibba Oromiyaa godinoota Gujii Lixaafi Gujii Bahaa akkasumas Booranaa keessatti bakkeewwan hidhattoonni to'atanii turan harkaa baasuu beeksisee ture.

Manni amala sirreessaa Godina Gujii Lixaa qarqara magaalaarra ganda Gooroo Guddinaa keessatti argama.

Aangawaan magaalaa Bulee Horaa Obbo Girjaan dhukaasni sa’aatii torba booda eegaluufi akkaataa hidhattooti hidhamtoota miliqsan akkanaan ibsu.

‘‘Humni eegumsarra jiru osoo jiruu karaa biraatiin dhokatanii lafoodhaan bittinnaa’anii dhufaniiti kan miidhaa qaqqabsiisan.''

‘‘Humna mootummaa eegumsarra jiru dursanii miidhani… Warra mana amala sirreessaa keessa jiranu cabsanii baasani,’’ jedhan.

Akka isaan jedhanitti, kanneen hidhaa jiran keessaa yakka adda addaa dalaguun kan itti murtaa’en ala miseensonni hidhattootaa kana dura qabaman keessa jiru.

Hidhattoonni akka cabsanii bahaniis kanneen keessa turan ‘odeeffannoo kennan‘ jechuun ibsan.

‘‘Miseensa isaaniiti kan kanaan dura nama ajjeesanii, kan humni mootummaa qabee murtiin itti murtaa’ee achi keessa kan turani. Isaan waliigalteefi odeeffannoo walii waan qabaniif isaan kan kana raawwate.‘‘

Yeroo sanatti sa’aatii muraasaaf magaalaa keessa dhukaasni dhagahamu isaarraan kan hafe ‘‘amma magaalli haala nagaa keessa jira,‘‘ jechuun himan.

Waggoota muraasa darban hidhattooti WBO kan mootummaan Shanee jedhu humnoota mootummaa lolaa jiru

Madda suuraa, Poolisii Oromiyaa/Facebook, JONATHAN ALPEYRIE

Ibsa waa'ee suuraa, Waggoota muraasa darban hidhattooti WBO kan mootummaan Shanee jedhu humnoota mootummaa lolaa jiru

Haleellaan akkuma raawwateen humnooti mootummaa dabalataa bakka biraa dhufuufi yeroo sanattis hidhattooti halkanuma sana magaalaa keessaa ‘’baqatani’’ jechuun ibsan.

Kanneen haleellaa kanaan miidhaman keessaa jiraattonnis keessa jiru.

‘’Miidhaan dhaqqabe jira. Naannoon sun naannoo hawaasi qubatee jiraatu…. Hanga nama lama madaa’anii yaalamaa jirani. Nama tokkommoo lubbuun isaa darbeera,‘‘ jedhan.

Kanneen miliqan keessaa kanneen harka kennatan akka jiran gabaasonni himan jiru.

Hidhattoonni WBO bara 2019 dhaaba ABO seeraan galmaa’erraa adda bahuun qabsoo hidhannoo gaggeessaa jiru.

Kaayyoon isaaniis ‘hiree murteeffannaa‘ ummata Oromoo mirkaneessuu ta’uu himu.

Waggoota muraasa darbanis humnoota mootummaan lolaa jiru.

Gara caalu gama Lixaafi Kibba Oromiyaa kan sosso’an hidhattooti kun badiiwwan jajjaboo irratti dhihaatu ni waakkatu.

Booda kana mootummaan waraana waggoota muraasaaf itti fufe dhaabuun mariin akka furu miseensota paarlaamaa paartii biyya bulchuu dabalatee gaafataa jiru.

Gaaffiin kuni eega mootummaan Itoophiyaa humnoota Tigraay waggoota lamaaf wallole waliin karaa nagaa akka xumuruuf waliigalee booda jabaatee dhagahamuu eegale.

Mootummaan garuu humnoota 'ajandaa siyaasaa hin qaban' jedhe waliin akka hin teenye ibse.

Dhihoo garuu mootummaan karaa nagaan akka xumuramu 'qophii ta’uu' ibsuu isaa miseensonni paarlaamaa BBC’n dubbise himuun isaanii ni yaadatama.

Haleellaa, hookkara akkasumas lola naannoo Oromiyaa keessa tureen lammiileen kuma dhibbaan lakkaa’aman qe’eerraa buqqa’uu UN himeera.