Rakkoon nageenyaa Oromiyaa lakkoofsi namoota gargaarsa eeggatanii akka dabalu taasise -UN

Namoota buqqa'anii aanaa Giddaa Ayyaanaa qubatanii

Haleellaan namoota nagaa irratti raawwatamuufi walitti bu’insi Oromiyaa keessatti hammaachaa dhufe lakkoofsi namoota gargaarsa eeggachaa jiranii akka haalaan dabalu taasisuu Dhaabbata Mootummoota Gamtomaniitti Qindeessaan Dhimmoota Gargaarsa Namoomaa (UNOCHA)n beeksise.

Naannicha keessatti lakkoofsi namoota buqqa’anii baayyee dabaluufi dhiyeessii tajaajilawwan bu’uuraafi gargaarsa namoomaa irrattti dhiibbaa uumuu isaa OCHAn gabaasa baaseen ibseera.

Walitti bu'iinsa daran hammaachaa dhufeen namoota hangam ta’an akka buqqa’an beekuun rakkisaa ta’ullee, aanga’oonni naanichaa lakkoofsa hanga ammaatti baasaniin Wallaggaa Lixaatti namoota 106,000, akkasumas godina Horroo Guduruu Wallaggaatti ammoo jiraattonni 116,000 buqqa’uu isaanii gabaasichi eereera.

“Naannicha keessatti rakkoowwan wal-walirratti dachaadhaan uumamuun fedhiin gargaarsa namoomaa akka dabaluuf sababa ta’eera. Walitti bu’iinsa dhalate hordofee jiraattonni manaafi qabeenya isaaniirraa buqqa’aa jirus,” jechuun OCHAn gabaasa isaa Mudde 06, 2022 baaseen ibseera.

Godina Wallaggaa Bahaa aanaalee Giddaa Ayyaanaafi Kiiramuu irra namoonni buqqa’anii gara magaalaa Giddaa Ayyaanaatti baqataanii qubatan humna magaalichaa ol waan itti ta’eefi mootummaafi dhaabbileen gargaarsaa akka birmataniiif angawoonni torban gaafatanii ture.

Haleellaa hidhattooti kan jiraattonni 'finxaaleyyii Amaaraa' jedhaniin raawwataniin jiraattotni Aanaa Kiramuu gandoota 19 keessa jiran Giddaa Ayyaanaatti baqachuu aanichi beeksiseera.

Dabalataan, achuma Aanaa Giddaa Ayyaanaa keessaa kan buqqa’an alatti Aanaa Limmuu Galiilaa irraas buqqa’an kan jedhamanis aanicha kana keessa dahataniiru.

Guyyoota muraasa dura haleellaa finxaaleyyiin kun aanaalee godina Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti taasisaniin namoonni naagaa ajjeefamuufi qe’eefi qabeenya isaaniirraa buqqa’uun isaanii himamaa tureera.

Keessumaa godina Wallaggaa Bahaa aanaalee Giddaa Ayyaanaafi Kiiramuu, akkasumas godina Horroo Guduruu aanaalee Jaardagaa Jaarteefi Amuru irraa namoonni baayyeen akka ajjeefamaniifi kumaan kan lakkaa’aman qe’eefi qabeenya isaaniirraa akka buqqa’an BBCtti himaniiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haleellaawwaniifi walitti bu’insawwan nananicha keessatti bakka gara garaatti uumamuu isaarraa kan ka’een ajjeechaan, qaamaa hir’achuufi qe’eerraa buqqa’uun sarbamoota mirgoota namaa hamaan qaqqabaa jiraachuu Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaas gabaasa Mudde 07, 2022 baaseen beeksiseera.

Addatti haleellaa tibba kana hidhattoota “Shanee fi Amaara” keessatti hirmaataniiru jedheen Komishinichi, godinaalee naannichaa keessatti haleellaawwan raawwatamaniin dhibbootaan kan lakkaa’aman haala baayyee suukanneessaa ta’een ajjeefamuufi lakkoofsi isaanii hangam akka ta’e kan hin beekamne ammoo qaamaa miidhamaniiru jechuun ibseera.

OCHAn gama isaatiin, haleellaa tibba kana raawwatamaa jiruun namoota hangam ta’an akka buqqa’an beekamuu baatus, hanga ammaatti lakkoofsi namoota bakeewwan rakkoon itti dhalatatanii buqqa’anii gargaarsa eeggachaa jiranii akka dabale eereera.

Rakkoo hanqina bajataafi karaa/daandii ittiin gargaarsa qaqqabsiisu dhabuu isaatiin OCHAn Oromiyaa dbalatee bakkawwan gargaarsa qaqqabsiisutti namoota gargaarsa barbaadan walakkaafillee qaqqabsiisuu akka hin dandeenye gabaasa isaa keessatti mul’iseera.

Naannicha keessatti, keessumaa bakka hongeen miidhame keessatti daa’imman hanqina nyaataa irraa kan ka’e akka quucaraa jiran OCHAn gabaasa isaa keessatti eereera.

Hanga ammaatti daa’imman 563,000 ta’aniif qorannoon kan taasifameef yoo ta’u isaan keessaa parsantaa lamatti kan siqu haala baayyee hamaafi yaaddessaa ta’erratti argamu.

Harka dhibba keessaa 18 kan ta’an ammoo rakkoo quucaruu giddu-galeessa ta’etu isaan mudateera jedha gabaasni OCHA kun.

Weerarri Koleeraafi Gifiraa ammoo rakkoo dhalate kana daran hammeessuu, akkasumas rakkoo hanqina nyaata madaalawaa dhibuun daa’imman bakkawwan hongeen miidhaman keessa jiran balaa guddaaf saaxileera.