Raayyan Ittisa Biyya hidhattoota WBO balleessuu cimseen itti fufa jedhe

Madda suuraa, FDRE Defense Force
Raayyan Ittisa Biyyaa hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan Shanee jedhuu irratti tarkaanfii fudhachuun barbaadeesuu ittan fufa jechuun irra deebin beeksise.
Raayyan Ittisa Itoophiyaa fuula miidiya hawaasummaa isaa irratti har'a akka ibsetti, duula Waraana Bilsummaa Oromoo (WBO) irratti gaggeessaa jiruun ollaawwan to'annoo hidhattoota WBO jala turan bilisa baasuus beeksise.
Tarkanfii hidhattooota kanarratti fudheera jedheen, Kibba Oromiyaa godinoota Gujii Lixaafi Gujii Bahaa akkasumas Godiina Booranaa keessatti bakkeewwan hidhattoonni to'atamanii turan harkaa baasuu beeksise.
"Hojiin farra ummataa kan ta'e Shanee balleessuu itti fufeera," kan edhe ibsi kun, "Duula humni waloo gaggeessen gandoonni torba to'annoo Shanee jala turan bilisomaniiru" jedha.
Haata'u malee mootummaan hidhattoota WBO nan balleessaa yoo jedhu kun kan jalqabaa miti.
Naannoo Oromiyaa keessatti walitti bu'iinsi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoofi humnoota mootummaa gidduutti kan eegale osoo waraanni Kaaba Itoophiyaa hin eegalin dura.
Yeroo garaa garaattis mootummaan federaalas ta'ee kan naannoo Oromiyaa duula Shanee balleessuu jedhu labsaa turan. Duula labsuu qofas osoo hin taane, guyyoota murteessuun ykn ammoo yeroo gabaabaa gidduutti ni balleessina jechuun aangawoonni mootummaa wayita dubbatan yeroo garaa garaatti dhagahaa turann.
Mootummaan yeroo garaa garaatti kaan haa jedhu malee hidhattoonni kunneen garuu sochiisaanii godinaalee Oromiyaa garaa garaa keessatti babal'achu ragaalee ni agarsiisu.
Lola hidhattoota WBO fi humnoota mootummaa gidduutti gaggeeffamuun lammiilen nagaan jidduutti miidhamulleen yeroo garaa garaatti jiraattoonnifi maddeen BBCn dubbise ni dubbatu.
Rakkoo nageenyaa Oromiyaa karaa nagaatiin furuu
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Walitti bu'iinsi Kaaba Itoophiyaatti mootummaafi TPLF giidduutti dhalatee waggaa lamaaf ture gaaga'ama guddaa biyyattiitti erga fideen booda mootummaafi TPLF karaa nagaatiin rakkoo isaanii fixachuuf waliigalan.
Marii nagaa Afrikaa Kibbaa, Piritooriyaatti gaggeessaniin erga waliigaltee nagaa waliif mallatteessanii boodas, naannoon Tigraayitti sagaleen dhukaasaa hin dhagahamu.
Yeroo mootummaan TPLF wajjin karaa nagaa waliigaluu beeksisettis, rakkoo nagaa naannoo Oromiyaas karaa nagaatiin hiikuuf hidhattoota WBO wajjin nagaa ni buusa jechuun namoonni hedduun abdatanii ture.
Motummaan yeroo garaa garaatti hidhattoota WBOn "hidhattoota ajandaa siyaasaa hin qabne" jechuun akka barbadeessu beekise.
Ibsi Raayyan Ittisa Itoophiya fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti barreesse har'aa kunis kanuma kan mirkaneessudha.
"Badii hidhattoonni Shanee nannoo Oromiyaa keessatti uummata irraan gahan qolachuudhaan nannoo tasgabbaa'e uumuf qaamoleen nageenyaa qindoominaan hojiitti seenan," jedha ibsichi yoo tarkaanfii fudhatamu eegalu beeksiisuus.
Gama biroon ammoo torbanoota muraasa dura miseensonni mana maree bakka bu'oota uummataa Naannoo Oromiyaa bakka bu'an heddu "uummanni Oromoo akka boqatuuf araarri Tigraayitti bu'e Oromiyaattis akka bu'u" ejjannoo qabachuun af-yaa'ii mana maree bakka bu'oota dabalatee, aangawoota biroo waliin mari'achuu isaanii BBCtti himanii turan.
Miseensonni mana maree kun irra deebin dhiyeenya kana gaafa Mudde 27, 2022 aangawoota mootummaa federaalaa, Af-yaa’ii manneen maree lamaaniifi Pirezidantii Naannoo Oromiyaa waliin dhimma nageenya Oromiyaa irratti marii’achu himan.
Marii kanaanis baruma kana waktii Arfaasaa dura Oromiyan dirree nagaatti akka deebitu gochuuf mootummaan karaa nagaa rakkoo kana furuuf fedhii akka qabu miseensota mana maree kanatti himuu bakka bu'aa Wallaga Lixaaa kan ta'an Obbo Tolaa Hayiluu BBCtti himanii turan.
Miseensonni mana maree bakka bu'oota uummataa nannoo Oromiyaa baka bu'an kun rakkoon mootummaafi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduu jiru kara nagaan akka furamu abdii akka qaban ibsanis mootumman garuu akkuma hidhattoota kana wajjin araara buusun hin barabaachisu jedhee ture tarkaanfii fudhatu akka itti fufu beeksiseera.












