Darraa: Aanaan Oromiyaa oomisha xaafiin beekamtu akkamiin wiirtuu hidhattoota Faannoo fi WBO taate?

Magaala Darraa

Madda suuraa, Dara Com.

Aanaalee Godinni Shawaa Kaabaa qabu keessaa tokko kan taate Aanaan Darraa, Finfinnee irraa fageenya kiiloomeetira 230, magaala Godinaa Fiichee irraa ammoo kiiloomeetira 120 irratti argamti.

Darraan Gandoota 40 qabaachuun bal’ina lafaas ta’e baay’ina uummataan Salaalletti jalqabarratti kan argamtudha.

Aanaan Oomisha Xaafiitiin hedduu beekamtuu fi qabeenya uumamaatiin badhaate kun erga wiirtuu hidhattootaa taatee fi nageenyi irraa fagaatee waggoonni lakkaa’amaniiru.

BBC’n maddeen amanamoo ta’an, qondaalota aanichaa fi jiraattotarraa haala nageenyi aanichaa itti jijjiiramee fi haala ammaa irra gahe qorateera.

Maddeen odeeffannoo BBCf kunneenis nageenya isaaniif jecha eenyummaan isaanii akka ibsamu hin barbaanne.

Haala qubsuma aanichaa

Aanaan Darraa aanaa daangaa Naannoo Oromiyaa keessattii argamtu yoo taatu, kallattiiwwan sadii oliin naannoo Amaaraatiin kan daangeffamtedha.

Hawaasni aanichaas Afaan Oromoo fi Amaaraa waluma keessa kan fayyadamu yoo ta’u, sababa daangarra jiraniif gandoonni muraasni Afaan Amaaraa qofa dubbatanis jiru.

Saboonni lamaan aanaa kana keessa wal-kabajaa fi jaalalaan jiraachaa akka turan himu kanneen BBC’f yaada kennan. Waajjiraaalee mootummaa fi caasaa bulchiinsaa keessaas hirmaannaa qabu.

Fedhiin naannichi naannoo Amaaraa jala akka galuu yaaluu keessa keessa jiraatullee hanga bara 2010tti ifatti hin bane ture jedhu namootni dubbifne.

Koree Darraa deebisiisuu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka angaa’onni aanaa Darraa jedhanitti, hanga bara 2010 gareen gurmaa’ee gaaffii aanichi ''gara naannoo Amaaraatti yaa hammataamu'' jedhu gaafatu bahee hin mul’anne.

Barri 2010 garuu rakkoo walxaxaa amma aanicha keessatti deemaa jiruuf bu’uurri yeroo itti kaa’ame jedhu qondaalonni aanichaa.

“Bara 2010 warri dura dhoksaan aanaan Darraa naannoo Amaaraa jala galuu qabdi jedhutu ifatti koree hundeessee sochii jalqabe. ‘Koree Darraa deebisiisu’ jechuun of-waaman. Koreen kun caasaa aanichaa irraa hanga Bahardaarii fi Finfinneetti ifatti socho’e” jedhu angaa’an aanichaa tokko.

Koreen kun yaanni isaanii bu’uura hawaasaa akka qabuu fi fedhii hawaasa bal’aati jechuufis mallattoo sobaa walitti qabachaa turuus himu.

Yaanni kun ammoo hawaasa aanichaa durumaa saboota lama wal-faana jiraachisu keessatti wal-shakkii fi dhibdee uumaa deeme. Sababa kanaanis kanneen Afaan Amaaraa dubbatan Darraan kan Amaaraati yaada jedhu kana deeggaruutti goran jedhu.

Xaafii

Madda suuraa, Dara Com.

‘Ilaalchi gara lamaanii hidhattoota naannolee lamaanii harkise’

Akka jiraataan aanichaa tokko jedhutti ammo, yaadamni aanaa Darraa gara naannoo Amaaraatti galchuu sochiin ifatti jalqabamulleen hanga bara 2013’tti yaadaan malee hidhannoon kan deeggarame hin turre.

Ta’ulleen hawaasni aanichaa garri caalu durumarraa meeshaa waraanaa kan hidhatan waan ta’eef dhibdeen meeshaa waraanaa yeroo jalqabutti halicha hammeessuuf yeroo hin fudhanne.

‘Koreen Darraa Deebisiisuu’ jechuun of hundeessee tures caasaa aanichaa fi gandoota aanichaa daangaarra jiraniin dhoksaan kan deeggaramu ta’uun ammoo haalicha to’achuun rakkisaa akka ta'u gochuu angaa’onni aanaa Darraa BBC’tti himaniiru.

“Caasaa mootummaa keessa taa’ee koree aanaa Darraa deebisiisuu jedhu kana warra deeggarantu ture. Caasaan kun kanneen yaada kana dura dhaabbatan ‘ABO Shanee’ jedhee farraja. Caasaan gandaas haala kanaan dadhabsiifamaa dhufe” jedhu haala ture yoo ibsan.

Yeroo waraanni Tigraayi jalqabe kanneen ilaalcha ‘Darraan Amaaraadha’ jedhu qabaniif carraa gaarii kan uume akka tures dubbatu.

Gareen Faannoo jedhamu meeshaa waraanaa hidhate hawaasuma aanicha jiraachaa turan keessaa gurmaa’ee hidhannoodhaanis of-qopheessuu jalqabe. Gandoota aanichaa torba keessattis haleellaan meeshaan deeggarame kanneen Oromoota ta’an irratti eegalamuus himu.

Adeemsi koree hundeessuun deebisiisuu kun fiixa bahu waan dideef ''gara hidhannoo fi humnaatti galame'' kan jedhan qondaalonni kunneen, gandoota Oromoonni baay’atan keessatti ammoo hidhattoota WBO ofitti harkisuun jalqabame jedhan.

“Warri Faannoo jedhaman kun jalqaba caasaa gandootaatu karaa banaa godhaaf. Yoo seenanii qabeenya guban, saaman dirqamaan karoora Darraa deebisuu kun milkaa’a kan jedhuun.”

“Hidhattoonni ABO Shanees karaa daangaa hidhabuu Abootee, Dagamii fi Warra Jaarsoon gara Gandoota daangaa jiranii seenan. Hawaasni Oromoo warri Faannoon miidhaman ammoo ilaalcha hidhattoota kana ofitti qabuu ni mul’ata,” jedhan.

Akka qondaalonni aanaa Darraa kunneen jedhanitti, yeroo ammaa gandoota aanichi qabu 40 keessaa hedduu isaanii kan daangaa naannoo Amaaraa jiran hidhattoota Faannootu keessa socho’a. Kanneen gara naannoo Oromiyaatiin jiran ammoo hidhattoota ABO Shaneetu jira.

Harkisa siyaasaatiin hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan mootummaan ABO Shanee jechuun waamuu fi paarlaamaa biyyattiin shororkeessummaan farrajames ta’e hidhattoota faannoo kan yeroo ammaa humnoota mootummaa waliin wal-lolaa jiraniin kan miidhamaa jiru hawaasuma.

Bara darbe qofa yeroo ji’a tokko hin guunne keessatti hidhattoonni kunneen manneen qonnaan bultootaa 160 caalu gubuus himu qondaalonni aanichaa.

Waggoota sadan darban kanatti lammiileen nagaa sababa aanichi rakkoo nageenyaaf saaxxilameen ajjeefaman, kanneen qe’ee irraa buqqa’uun godaanan hedduu ta’anis ragaa qabatamaa ta’e qindaa’ee hin jiru.

Namoota butanii maallaqa gaafachuun, loonii fi qabeenya saamuu fi barbadeessuun ta’iiwwan hidhattoota lamaaniin jiraattotarra irra deddeebiin raawwatamaa turee fi jiru jedhu qondaalonni kunneen.

‘Hawaasni aanaa Darraa hidhaa keessa jira’

Aanaan Darraa daandiin tokkichi naannoo Oromiyaatiin walqunnamu aanaa Hidhabuu Abootee irraan kara riqichaa Jamaatiin. Daandiin tokkichi kun erga sochii idilee irraa gufatee garuu amma waggaa lamatti dhihaateera jedhu jiraattonni.

Karaan gabaa duraan naannoo Amaaraa magaala Marraabitee ittiin deemanis sababa hidhattoota Faannootiin hawaasni garas imaluu erga dhiisee bubbuleera.

“Ammatti uummata aanaa Darraa jechuun uummata mannis daandiinis itti cufamee dukkana keessa jiru jechuudha. Uggurama keessa jirra. Osoo dhukkubsattee rifarii deemuun hin jiru,” jedhan yoo haala hawaasni keessa jiru ibsan.

Imalli konkolaataa uummataa, kan hojiilee mootummaa fi biroos guyyaa raayyan ittisaa eegumsa godhuuf hanga aanaa Hidhabuu Abooteetti gaggeeffamu. Imalli magaala Guddoo aanichaa Gundo Masqalirraa gara Fiichee yookan Fiicheerraa gara magaalatti eegumsa raayyaatiin qofa jedhu jiraattonni.

Saniin ala imalli dhuunfaan taasifamu waan hin jirreef oomisha gabaa aanichaatiin ala geessuus ta’e shaqaxa gara maagilchaa fiduurratti gufuu jabaa uumuus himu.

“Imalli guyyaa barbaadde hin jiru. Eegumsa raayyaatiin deemama. Shaqaxni magaalattii akka barbaadame hin dhufu. Kanaaf meeshaan Fiichee fi as gidduu gatii dachaatti gurgurama. Shunkurtii qofa osoo laaltee amma nubira kiiloon tokko birri 350tti gurgurama,” jedhu.

Gandoonni aanichaa hedduun ammayyuu to’annoo hidhattoota faannoo jala jiraachuu fi kaan ammoo hidhattoonni WBO kan keessa socho’an waan ta’eef badiin ture ammas ittuma fufee guyyuu ajjeechaa fi buqqaatiin dhagahamaa jiraachuus himu.

Caasaan mootummaas Magaala Gundo Masqalii fi gandoota naannawashii jiraniin ala bahee tajaajila kennuu waan dadhabeef haalli aanichaa xiyyeffannaa addaa kan barbaadu akka ta’es dubbatu.

Aanaan Darraa kun bakka hundeeffama DHDUO akka ta’e barootaaf himamaa ture. Yeroo ammaa aanaa fedhiin siyaasaa naannolee lamaa keessa jiruu fi wal-harkisa gara lamaaniin hidhattoonni itti galanii hawaasni dararamaa jiru taateetti.

Haawaasni aanichaa garuu ammayyuu aanaan isaanii laggeeniin marfamtee jirtuu fi oomishaan beekamtu nagaa duriitti deebitee jireenya waggoota muraasaan dura jiraachaa turan dheebochuurratti argamu.