Rakkoo nageenya Oromiyaa egeree dhalootaa saamaa jiru

Barsiisaa goodaa keessatti barsiisaa jiran

Madda suuraa, Aanaa Amboo M/B Xulee

Ibsa waa'ee suuraa, Nammeen barnootaa sababii nageenyaatiin barbadaa'an hanga deebiisanii suphaman ykn ijaraamaniitti barnoonni dahoo jalaatti kennamaa jiru

Waggaan haaraan yeroo dhiyaatu, barattoonni mana barumsaatti deebi’uuf qophaa’u. Hiriyootasaanii gargar bahanii turaniin wal arguuf si’atu. Huccuu, barruulee, peennaa, boorsaa bitachuun yeroo itti hoo’udha.

Kunis yaadannoo barattoota hundaati. Gaaga’amni dhiyeenya barnoota mudate garuu waan dhaloota gidduutti qaawwa uume fakkaata. Sababa dhibdee nageenyaa Oromiyaa keessa jiruun, godinaalee gara garaa keessatti barnoonni waggoota arfan, shanan darbaniif gargar cite tureera.

Godinaalee rakkoon nageenyaa keessa jiru kan akka godinaalee Shawaa, Wallagga arfan, Gujii fi kaan keessumaa kutaalee baadiyyaatti barnoonni addaan ciccituun, manneen barnoota kaan guutummaatti barbadaa’uu, gartokkeen hubamuun aadaa ta’ee tureera.

Rakkoo nageenyaatiin walqabatee, Salaaletti manneen barnootaa 230 ta'an gubachuun, barattoonni kuma 67 ol barnootaan ala ta’uus gabaasuun keenya ni yaadatama.

Godina Lixa Shawaa qofatti sababa rakkoo nageenyaa waraana mootummaafi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti uumameen manneen barnootaa 27 guutummaatti yoo barbadaa’an, 97 ammoo qabeenyisaanii baduun, 127 irra ammoo miidhaan gahee, 137 barnoota osoo hin kenniin turuu BBCn maddeen isaa irraa odeeffateera.

Kanaanis, barattoonni 66,378 barnootaan ala yoo ta’an, qabeenyi birri biliyoona 1.4’tti tilmaamamu barbadaa’eera. Dhimma kanarratti BBC’n aanga’aa godinaa, barsiisota, barattootaa fi maatii barattootaa dubbiseera.

Akka Godina Lixa Shawaatti, “bara barnootaa 2016’tti waliigalaan manneen barnootaa 1,964 keessatti barattoota 745,000 ta’an barsiisaa” akka ture dubbatu ittigaafatamaan Waajira Barnoota Godina Shawaa Lixaa, Baandiraa Galaanaa.

Haata'u malee “Bara 2012 irraa eegalee hanga 2015tti, rakkoo nageenyaatiin manneen barnootaa gara 137 barnoota osoo hin kenniin [turan]. Keessumaa manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa 26, sadarkaa lammaffaa 1 guutummaa guutuutti gubatan” jedhan Obbo Baandiraan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Rakkoo nageenyaatiin gartokkeensaanii miidhamuun, “qabeenyisaan qaban hundi kan bade” ammoo manneen barnootaa 97 ta’uu kan kan jedhan aanga’ichi, waliigalaan manneen barnootaa 127 irra miidhaan gahuu itti dabalun himu.

Sababa kanaan, “qabeenyi birrii biliyoona 1.4 ta’u badeera. Barattoonni 66,378 barnootaan ala ta’uun rakkoo gara garaaf” saaxilamanis dubbatan.

“Baadiyyaa keessa rakkoo adda addaatu jira. Mana barumsaa hin dhaqne taanaan ijoolleen iddoo hin taane oolti. Keessumaa shamaran miidhaa adda addaatu irra ga’aa ture. Bara darbe [2016] xiyyeeffannoon itti kennameen, nageenyi gara caalu tasgabbaa’ee, manneen barnoota sadarkaa tokkoffaa 46 fi sadarkaa lammaffaa 1’n ala, ijoolleen mana barumsaatti akka deebitu godhamee jira. Bara kana (2017) keessammoo guutummaatti hundumtuu jijjiiramee, yeroo ammaa galmeen eegalamee jira.”

Akka Obbo Baandiiraan jedhanitti, manneen barnoota sadarkaa tokkoffaa 25’niin alatti, bara kana bakkee hundatti galmeen eegalee jira. Manneen barnootaa miidhaan gartokkeen irra gahee, “uummanni suphee deebise jira” kan jedhan Baandiraan, manneen barnootaa guutummaatti gubatan garuu reefu ijaaramaa akka jiran dubbatan.

Ijaarsi manneen barnootaa tokko tokko “haala nageenya naannoo sanaatiin iddootti deebi’uu hin dandeenye” waan ta’eef, waliigalaan barattoonni 9,977 ta’an ALI’tti bara 2012 irraa kaasee akkuma barnoota addaan kutanitti jiraachuu himu aanga’aan kun.

Manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa gubate tokko deebisanii ijaaruuf malllaqa olaanaa akka barbaachisu kan himan aanga’aan kun, “manneen barnoota [gubatan/miidhaman] ijaarree eddootti deebisuudhaaf gara [birrii] biiliyoona 1.4 barbaada” jechuunis himu.

Barattoota dirree irratti

Madda suuraa, Aanaa Amboo M/B Xulee

‘Barnoonni furtuu waa hundaati’

Tattaaffii barnoota fi barattoota mana barumsaatti deebisuu keessatti, bakka nageenyi hin jirreetti “osoo rakkoon wal jalaan furamaa adeemuu haala itti hawaasa tasgabbeessinee barsiisuu dandeenyurratti, xiinsammuu namaa iddootti deebisuuf” dursee barsiisotaaf hubannoon akka kenname himu Obbo Baandiraan.

“Hawaasni hin baranne rakkoo keessa gala.” Kanaaf, bakka manneen barnootaa deebi’ee hin ijaaramnetti sharaan diriirfamee barattoonni barachaa jiraachuu dubbatu.

“Barattoonni barachuu baannaan sababii rakkoon walxaxaa ta’e waan isaan mudatuuf, bakka rakkoon nageenyaa jirutti” akkaataa ittiin barnoota eegalchiisuun danda’amurratti hawaasa waliin marii bal’aa taasisuu himan.

Haaluma sanaan, bakkee manneen barnootaa hin jirrettillee dahannoo yeroo keessatti barnoonni eegaluu dubbatu Obbo Baandiraan. “Deeggarsa adda addaatiinis manneen barnootaa ijaaraman” jiraachuu dubbatanii, manneen barnootaa hojii ala ta’an hunda hojiitti deebisuudhaaf, “abdiidhaan hojjetaa jirra” jedhu.

Aangaa'aan kun “kitaaba hanqina hin qabnu bal’inaan gala jira” jedhanis, barsiisonni godinichaa BBC’n dubbise garuu hanqinni kitaabaa jiraachuu kaasan.

“Barnoota jechuun meeshaa dhalli namaa ittiin addunyaa kana bitu. Barnoonni waa hunda hiika waan ta’eef, mari’annee rakkoo biyya keenyaa kanallee ittiin hiikuu dandeenyu barnootaani. Akka namni dhukkubsate qoricha fudhatee fayyu, namni rakkate [nageenya dhabe] hundinuu fayyuu kan danda’u barnootaani” jechuun barbaachisummaa barnootaa ibsu Obbo Baandiraan.

Maatiin qabeenyisaanii karaa garaagaraatiin waan jalaa manca’eef, ijoolleen harka qalleeyyii ta’an barachuudhaaf haala ulfaataa keessa akka jiranis kan kaasan aanga’aan kun, dursa kenna tajaajila buusaa gonofaa, barattoonni hir’ina meeshaalee barnootaarraan kan ka’e akkasaan mana barnootaarraa hin hafne hojiileen hojjetamaa jiraachu dubbatan.

Hawaasni godinichaa manneen barnootaa miidhaan irra gahe deebisee ijaaruu, haaromsuufi fooyyessuudhaan gaheesaanii bahachaa akka jiran kan kaasan aanga’aan kun, dhalattoonni Oromiyaa manneen barnootaa duraan itti baratan bakkee rakkoon nageenyaa jirutti deebi’uun akka gargaaran waamicha taasisaniiru.

‘Bakka barnoonni hin jirretti biyya ijaarra jechuun soba’

Abbabaa Dhaabasaa daarektara Mana Barumsa Sadarkaa tokkoffaa Xuleeti. Obbo Abbabaan akka himutti, manni barumsaa kun mana barnootaa hangafa ijoollee baay’ee barsiisee baaseedha. Bara 1969tti kan hundeeffame yoo ta’u, daree barnootaa 18, manneen jireenya barsiisotaa 19, mana kireessuun galii irraa argatu kutaan 6 guutummaatti akka barbadaa’ee fi qabeenyi kaanis harka mana barumsichaatii akka ba’e himan daarektarri mana barumsaa kun.

“Dareen barnootaa 18 keessaa amma homtuu hin jiru. Bara darbe [2016] sharaa diriirsinee muka jalatti barsiisaa turre” jedhan. Dhibdee nageenyaa Aanaa Amboo tureen bara 2013 hanga 2016’tti waggoota sadiif barnoonni guutummaatti addaan citee akka ture kan kaasan Obbo Abbabaan, qormaata hedduu keessaa taa’uun barnoonni eegaluu himan.

“Osoo barnoonni addaan hin citiin barattoota 1,500 qabna ture” kan jedhan Obbo Abbabaan, warreen magaalaa jiraachuuf humna qaban ijoolleesaanii fudhatanii magaalaatti akka barsiisan, warreen humnasaa hin qabne ammoo “tiksee galan, bosona deeman, abdii barnootaa dhabanii, shamarra gara heerumaa, ykn butamuuf saaxilaman. Kan butellee seeraan waan hin gaafatamneef rakkoolee garaagaraaf'' saaxilaman jedhu.

Barsiisonni mana barumsichatti barsiisaa turanis, kaansaanii qabeenyasaanii gatanii bakka biraatti jijjiiraman, kaan ammoo hojii biraa akka galan kaasuun, dhibdee nageenyaa tureen hubamuusaanii dubbatan.

“Akkuma dhalataa naannootti barumsa jaarsummaadhaan seenne [eegalle]. Erga seennee hawaasnis amanee nun fudhanne; qamni hidhatee jirus akka waan ergaa mootummaa wayii deemnutti nu fudhate. Waldaa Misooma Oromiyaatu hamma tokko duuba keenya dhaabate.

''Waantota barnootaaf barbaachisan nu deeggare. Waanuma jiru walitti funaannee, qacarrii uummataa itti daballee, sharaa diriirsuun jalatti jalqabne” jechuun haalli ture ulfaatuu ta'u ibsu Obbo Abbabaan.

Injinar Araarsaa Abadataa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Xuleeti ija akka banate kaasa. Barattoota hiriyootasaa duraanii mana barumsaa kanatti baratan waliin ta’uun deeggarsa taasisuuf sochii akka jalqaban BBC’tti himeera.

“Bakka barnoonni hin jirretti biyya ijaarra jechuun soba” jechuun kan ibsu Injinar Araarsaan, namni hunduu bakka duraan itti barate mana barumsaasaa ganamaa gargaaruu akka qabu dhaaman.

Manneen Barnoota sababii dhabiinsa nageenyaatti gubate keessaa tokko

Madda suuraa, SM

Ibsa waa'ee suuraa, Manneen Barnoota sababii dhabiinsa nageenyaatti gubate keessaa tokko

‘Dhukaasni dhaga’amnaan waanti barsiiste hundumtuu harkaa bittima’

“Barsiisaan ni sodaatu waan ta’eef as keessa hin bulan; magaalaarraa deddeebi’aa ture. Guyyaa tokko dhukaasa guyyaa biraa ammoo waan biraatu jira. Addaan ciccitaadhuma, torban tokko dhaabaa, torban tokkommoo itti deebi’ama. Qaama lachuunuun ifatamaa, kabalamaa keessa dabarre. Dhukaasni dhaga’amnaan waanti guyyaa barsiiste hundumtuu harkaa bittima. Barataas ta’ee barsiisaaf ulfaataa ture” jechuun haala nageenyaa ulfaataa keessatti barsiisaa jiraachuu himan itti gaafataman mana barumsaa Xulee.

“Ijoolleen waggaa dheeraa lafa taa’an Waldaa Misooma Oromiyaatiin [sagantaa] barnoota saffisaa hiriyaa qaqqabsiisuu jedhuun, ijoollee umuriinsaanii waggaa 8-14 gidduu jiran 200 iddoo lamatti qoodee nuu barsiisaa ture” jechuun, barattoota kaanirra dhiibbaan akka ture dubbatan Obbo Abbabaan.

“Bara darbe mana barumsaa muraasatu baname. Sochiin barnoota eegaluu bara kana jalqabeera.” Manneen barnootaa Aanaa Amboo keessatti argaman kan akka Gomosaa Saaxoo, Ganjii, Kaarraa, Haaruu Xiroo, Galaan Waddeessaafi kaan keessatti “barnoonni erga addaan citee [gara] waggaa afur, shan [waan tureef] yeroo saaqamu kutaadhuma tokko” waan seenaniif garmalee baay’achuun hanga barattoota kuma tokkoo kutaa tokkoffaatti akka galmaa’aa jiran dubbatan Obbo Abbabaan.

Manneen barnootaa kanneen keessattis, “daayirektara qofatu itti muudame malee barsiisaan ammatti argame hin jiru. Manni [barnootaa] jijjigeera. Gabateen gurraachillee hin jiru” jechuun haalichi hagam ulfaataa akka ta’e hima.

Anaan Amboo manneen barnootaa 48 kan qabu yoo ta’u, wiirtuun Waddeessaa ammoo manneen barnootaa 21 akka qabu dubbatan Obbo Abbabaan.

“Dhaloonni hin baranne biyya bulchuus ta'e, misooma jijjiiruu hin danda’u. Ammaaf wiirtuu kanatti barnoonni nu harkaa muluqee jira jechuun ni danda’ama. Dhaloonni kun otoo gara barnootatti deebi’ee gaariidha…” jechuun deeggarsa hundaa gaafatan.

Hanga yoonaattis ijoollee dhibba saddet galmeessuu kaasuun, haala ulfaataa kana keessatti dhaloota barsiisuuf qaamni dhimmi ilaalu hunduu “dhaloota dagatame kanaaf” akka birmatuuf waamicha dhiyeesseera.

Nammeen barnoota lixa shawaatti barbadaa'an keessaa tokko

Madda suuraa, MB Xilee

‘Rakkoon baruuf barsiisuurra gahe, gaaga’ama biyyattii isa hangafaati…’

Injinar Araarsaa Abdataa jiraataa magaalaa Finfinnee yoo ta'an, jiruu dhuunfaa hojjetu. Mana barumsaa duraan ija itti banate, ABCD jedhee afaan itti hiikkate Manna Barnootaa sadarkaa 1ffaa Xuleeti. Manni barumsaa kunis manneen barnootaa Aanaan Amboo hangafaa keessaa isa tokkodha.

Injinara kana dabalatee beektota hedduutu achii bahe. Manni barumsaa kunis rakkoo nageenyaa naannichatti mudateen gubatee daaraa ta’eera. Yaadannoon ijoollummaa mana barumsichaas ammaa sammuu barattoota duraan achitti baratanii keessatti qofa hafe.

Wal waraansa humnoota mootummaafi qaamolee hidhatan gidduu tureen, “manni barumsaa guutummaatti waan manca’eef, baruufi barsiisuu itti fufsiisuun hin danda’amne. Qotee bulaan kuma lamatti dhiyaatu daa’imasaa garatti barsiisu dhabeera” Jedhan Injinar Araarsaan.

Mucaa obboleettiisaa barattuu kutaa 5ffaa barataa turte ofiitti fudhachuun barsiisaa jiraachuu kan himan dhalataan naannichaa kun, “yoo mana barumsaatii galan rakkooleen akka buttii fi gudeeddii waan irra gahuuf sana baqattee” isaan bira deemuu ibsaan.

“Obbolaadhumti [barattoonni] mucaa kanaayyuu kan heeruman jiru. Shamaran humnaan butaman jiru; hojjettuu ta’anii mana namaatti kan galanis jiru. Warri kaan ammoo umuriisaanii malee lagatti deemanii [loltuu kan ta’an], kan biyyaa bahan daa'immanniidha.

Taateen kunis garaa garummaan dhalootaa akka uumamu godheera. Kun ammoo gaaga’amni biyyaa akka ittifufu godha. Rakkoon [nageenyaa] nuti amma keessa gallee mataasnaa seektarri barnootaa dadhabuurraa kan dhufe” jechuun rakkoo walxaxaa dhibdee nageenyaatiin barnootaarra gahe ibsa Inj. Araarsaan.

Akka biyyaatti waraanni deemaa jiru, “bilisummaan barnootaan osoo hin taane wal waraanuun dhufa jedhanii yaaduu” irraa kan madde jechuun, yaadnii kun ammoo akka biyyi hin tasgabboofne taasisa jedhu injinarri kun.

“Rakkoon baruufi barsiisuu irra gahe, gaaga’ama hangafaa biyyarratti gahedha” jechuun, dameen barnoota dhimma xiyyeeffannoo nama hundaa barbaadu ta’uu dubbata.

“Bara 2018 [ALA] barattoota [duraanii] M/B Xulee jennee, koree dhabneet ture. Ambootti, yeroo lama kora godhanne. Kora jalqabaa irratti naannoo barattoota duraanii 96 tu aragame. Yeroo sana rakkoon akka ammaa kanayyuu hammaataa hin turre. Maal wayya jennee mari’ataa turre.

''Manni Barnootaa Xulee manneen barnootaa Godina Lixa Shawaa guutummaatti gubatan keessaa tokkodha. Amma barattoota 1,200 muka jalaafi dirreerratti barsiisaa jiru. ‘Dafaa nu qaqqabaa’ jedhaniitu boo’aa jiru. Nutis hin teenye, dhaabbilee misooma barnootaarratti hojjetan garaagaraa duukaa buunee hordofaa jirra. Rakkoo nageenyaatiif malee kan daree tokko, lama isiniif ijaarra nuun jedhanis jiru” jechuun dubbata, Inj. Araarsaan.

Gara fuulduraattis, koreen bulchiinsaafi boordiin barattoota M/B Xulee wal arguun dhimma bal’aa irratti waliin haasa’uuf karoora qabaachuus kaasaniiru injinar Araarsaan.

Barattoota goodaa keessa taa'anii barataa jiran

Madda suuraa, Aanaa Amboo M/B Xulee

Ibsa waa'ee suuraa, Bakka manni barnootaa guutummaan itti gubateetti barattoonni goodaarra taa'anii barachuuf dirqaman

‘Rakkoon kun nurra dheerate, dukkana nutti ta’e…’

Caalchisaa Dullumee abbaa ijoollee torbaa yoo ta’u, jiraataa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Amboo Ganda Haaruu Xiroo turan. Hojii qonnaarratti bobba’uun ijoollee isaanii barsiisaa akka turan kan kaasan namni kun, amma haala ulfaataa keessa akka jiran himu.

Erga baqatanii magaala Ambootti galanii asii jireenyi itti ulfaatee ijoolleen isaaniis barnoota addaan kutuun gargara akka bittiman dubbatu.

Sababii wal waraansa humna mootummaa fi hidhattoota gidduu tureen, “qe’een keenya gubatee, rakkannee; maatii qabannee magaala Ambootti argamna. Ijoollee torban qaba. M/B Haaruu Xirootti barataa turan. Anuma faana magaalaa Ambootti galan. Haalumti jireenyaa rakkisee, [hojii humnaa hojjechaati] kan jiraatanidha; hundumtuu addaan bittimnee jiraataa jirra,” jedhan Obbo Caalchisaan.

Ijoolleen Obbo Caalchisaa afur ALI’tti bara 2012 irraa kaasee barnootasaanii addaan kutan. ''Isheen hangafaa kutaa 7 gara 8tti dabartee, warreen dhiiraa sadan ammoo kutaa 6-7tti, 3-4tti, 2-3tti darbanii kan turan yoo ta’u, barnootasaanii addaan kutuun magaala Ambootti galan'' jedhan.

Ijoolleesaanii barataa turan keessaa “isheen hangafaa sababuma [rakkoo] nageenyaan [barnoota] addaan kuttee [heerumtee]. Ijoolleen dhiiraa sadiimmoo [barnoota] addaan kutaniima jiru. Magaalaa Amboo keessa hojiidhiimuti humnaa dhabamnaan”, hojii humnaa hojjechuuf magaalaa Finfinnee deemuu himu Obbo Caalchisaan.

Rakkoo nageenyaa uumameen, “ijoolleen baay’eensaanii maatii wajjin dhufanii magaalaa Ambootti galan. Magaalattis barumsaa qofa otoo hin taane, haalli jireenyaa ulfaataa ta’ee” jedhu Obbo Caalchisaan.

“Yeroo ganda baadiyyaa Haaruu Xiroo keessa [turre], qotee bulaa turre. Qonnee ijoollee guddisaa fi barsiisaa turre. Haala [dhibdee] nageenyaatiin qe’een keenya gubatee, maasii keenya qotachuu dadhabne. Biyya itti dhalanne dhaquu dadhabne,'' jechuun haala jireenyaa fi barumsa dhabuu ijoolleesaanii dubbatu maanguddoon kun.

“Ani ogummaa hin qabu; barumsa hin qabu. Qansiraa [hojii humnaa] dhuma kana, dhagaa kana baannee, harmaataa kana baanneetuma jiraanna. Isheenis [haati manaa] ammoo, mana namaa deemtee biddeena namaa tolchitee, uffata namaa miichitee, maal jetteetuma ijoollee hamma ta’e gargaaraa jirra; lubbuudhumtishii akka hin baneef'' jedhan.

Itti dabalunis, ''Erga ganda keenyarraa buqqaanee magaalaa Ambootti gallee, fira keenya dubbisuu, kan du’e awwaluu hin dandeenyu. Isaanis yoo asitti dune dhufanii nu awwaluu hin danda’an, balaa guddaa, hammana jedhamee safaramee hin beekamne keessa turre. Hanga yoonaattillee balaan sun kan addaan hin cinne ta’eetu [jira]” jechuun ijoollee barsiifachuurra darbee of jiraachisuunuun akka itti ulfaate dubbata.

Barattoonni barnootasaanii addaan kutan maal jedhu?

Barattoonni erga sababii dhabiinsa nageenyaatiin barnoota adda kutanis waraana mootummaattis ta’ee hidhattootatti dabalaman jiru. Barattoonni dubaraas rakkoolee akk butii, heeruma umurii maleefi rakkina hawaas-dinagdee biroof akka saaxilaman barattoonniifi maatiin barattootaa Godina Lixa Shawaa BBC’n dubbise ni dubbattu.

Biqilaa Naga’aa jedhama; ALI’tti bara 2013 Aanaa Ambootti barataa M/B Dikii kutaa 6ffaa ture. Rakkoo nageenyaa uumameetiin manni barumsaasaa waan gubateef baqatee magaalaa Amboo gale.

Amma milishaa mootummaa ta’uun hojjechaa jira. Hiriyoonnisaa biroon ammoo hidhattoota ta’uun bosona akka seenan hima.

“Rakkinuma keessa jiru. Gartokkeensaanii milishaa gandaa ta’an. Kaan zambeela [waan meeshaa itti qabatan] dhahanii gurguraa jiru. Duratti baradhee sadarkaa guddaarra akkan gahun barbaadan ture. Abjuu sadrakaa guddaarra gaheen deebi’ee hawaasakoo gargaara jedhun qaba ture.

Ijoolleen waraanaa mootummaatti, kan bosonatti [hidhattootatti] dabalamanis jiru. Barattoota dubaraa dararuun kunis ni jira. Barumsa dhabanii sadarkaa hin taanerra gahanii, jireenyi itti [hammaatee] rakkataa jiru” kan jedhu barataan kutaa 6ffaa duraaniifi miseensi milishaan ammaa Biqilaan, inniifi hiriyoonnisaa biroon haala ulfaataa keessatti akka argaman BBC’tti himeera.

Nageenyi kan duraarra amma wayyaa’aa jiraachuu kaasuun, haalli kun caalmaatti akka jijjiiramu abdata.

Rabbirraa Miidhaksaa ammoo, Aanaa Amboo Mana Barnootaa Waddeessaa Sadarkaa 2ffaatti barataa kutaa 9ffaa ture. Rakkoo nageenyaa ALI bara 2013 isaan mudateen manni barumsaa isaanii guutummaatti waan gubateef, barnootasaa addaan kutuun amma Finfinneedhaa hojii humnaa jiraachaa akka jiru BBC’tti himeera.

“Maatii tokko keessa obbolaa [taanee] barachaa turre” kan jedhu Rabbirraan, amma obbolootasaa sadii waliin obboleessasaanii magaala Finfinnee jiru bira dhaquun hojii humnaa hojjechaa akka jiran dubbata.

Dokimantiin keenyallee mana barumsaatti waan nu jalaa gubateef, guyyaallee hojjennee, galgala barachuu hin dandeenye.

Sababa manni barumsaa gubatee, nagenyi dhabameen barattoonni baay’een waraana mootummaattis ta’ee gara bosonaatti akka makaman kan kaasu Rabbirraa, barattoonni dubaraa ammoo mana namaa galanii hojjechaa akka jiran hima.

Abjuunsaa ijoollummaa Injinara ta’uu kan ibsuu Rabbirraan, gubbachuu mana barumsaa isaa fi dhabamuu nageenyaatti akka gadde dubbata. “Nageenyi dhufee, manni barumsaa ijaaramee barnoota keenyatti akka deebinun” barbaada kan jedhu dargaggeessi kun, amma haala ulfaataa keessa akka jiran BBCtti hime.

Barattoota latti barataa jiran

Madda suuraa, Aanaa Amboo M/B Xulee

Frmaanni maali?

Akka ragaan waajira barnoota godinaa Lixa Shawaa irraa argame agarsiisutti, ALI’tti bara 2012 irraa eegalee manneen barnoota 137 barnoota osoo hin kenniin turaniiru.

Rakkoo nageenyaa tureen manneen barnoota guutummaatti barbadaa’anii fi gartokkeen miidhamaniin qabeenyi biliyoona 1.4’tti tilmaamamu barbadaa’uun barattoonni 66,378 barnootaan ala ta’aniiru.

Kanaanis daa’imman mana barnootaa galuu qaban otoo hin galiin hafuun, kan barataa turan ammoo gargar kutuun rakkoof erga saaxilamanii ganni afur, shan darbeera.

“Deebi’anii mana barumsaasaanii yaadachuu qabu. Tokkoon tokkoon dhalataa Oromoo biyya keessaafi biyya alaa jiran deebi’anii mana barumsaasaanii ijaaruu, yaadachuu qabu. Waanti bade, bade hin deebi’u. Bakka jirrutti wal gurmeessinee dhaloota ijaaruu qabna” jechuun furmaata kaa’uu Injinar Araarsaan.

“Barnoonni ittiin baratanii nyaata nyaachuu qofaaf miti. Daa’imman ganda manni barnootaa itti gubatee, yoo mana barnootaa hin qaban ta'e eessayyuu dhaqanii barachuu hin danda’an.

''Hundumti keenya osoo deebinee barnootarratti hojjennee gaariidha. Wanti rakkoo walitti bu’insaa Oromiyaa keessaatiin barbadaa’e, waggaa digdama, soddomatti deebisnee ijaaruun hin danda’amu. Yoo sammuu dhalootaarratti hojjetame garuu salphaatti ijaaruun ni danda’ama jedheen amana” jechuunis gorsan Injinarri Araarsaan.

Kaka’umsi manneen barnootaa deeggaruun barumsa ittifufsiisuu kun Manna Barnootaa Xuleetti haa jalqabu malee, akka Lixa Oromiyaatti dhaabbanni barnoota irratti hojjetu osoo dhaabbatee yaada jedhu ofkeessaa qabaachhus dubbata.

Rakkoo walxaxaa hawaas-dinadeefi siyaasaa amma jiru hiikuuf qaamni hunduu xiyyeeffannoosaa dhaloota barsiisuutti yoo deebise, “biyyi keenya tasgabbiidhaan ittifufuu dandeessi jedheen yaada” jechuun dubbata Inj. Araarsaan.

Nageenyi murteessaadha, nageenya malee waa hunda yaaduun si rakkisa’

Maanguddoo Caalichiisaan, “Osoo Waaqayyo karaa mootummaatiinis ta’ee karaa qaama mootummaan waldhabuutiin nagaan nuu bu’ee, gara maatii keenyaatti, gara qabeenya qabnuutti, lafa keenyatti deebinee, godoo itti baqannu, sharia tokkollee ta’u argannee mootummaan nu beekee, garuma biyya keenyaatti deebisee nu dhaabee barbaanna'' jedhan.

Itti dabalunis, ''Gargaarsa mootummaarraa osoo argannee gara maatii keenyaatti deebinee goommana [raafuu] illee biqilfannee, maatii keenya jiraachifnee, barsiifannee barbaanna” jedhan.

Rakkoo nageenyaa mudate kanaan barattoonni mana barumsaatii bahuun “umuriin isaanii giduutti cabee jiru” kan jedhan Obbo Baandiraan, deebisanii dandamachiisuuf hojiin jalqaban cimee akka itti fufu himu.

“Barnoota ariifachiisaa/saffisaa [haala itti] waggaa tokkotti kutaa tokko lama, sadii afur barsiisuu dandeenyu, keessumaa hanga kutaa shaniitti, ciminaan yoo irratti hojjenne, yoo ofkennine lammii kana idootti deebisuu dandeenya jedhan.

''Karaa hundumaa itti hojjennee bakkatti deebisuu dandeenya. Murteessaan nageenya; bakka nageenyi hin jirretti, waa hunda yaaduun si rakkisa”

“Barri 2017, bara nagaa, jaalalaafi tokkummaa Oromiyaaf [akka] ta’u, keessumaa barnootarratti cabinsa amma jirukan [itti fooyyessinu], bara itti barnoota kufaatii keessaa baafnu nuuf haa ta’u” jechuun dhaaman Obbo Baandiiraan.

Biiroon Barnoota Oromiyaa rgaa fuula Feesbuukiisaatiin Hagayya 21, 2016 barreesseen, “Dureessa hiyyeessa, dhiira dubara jennee otuu adda hin baafne ijoolleen umuriinsaanii barnootaaf gahan hundi gara mana barnootaa dhufanii haa galmaa'an! Haa baratan! Bara barnootaa 2017 Oromiyaa Keessatti daa'imni umuriin barnootaaf gahe tokkollee mana barnootaa alatti akka hin hafne gahee keenya haa gumaachinu!” jechuun dhaameera.

Naannoo Oromiyaatti barnoonni addaan cituu, manneen barnootaa barbadaa’uun cinatti, qulqullinni barnootaas sadarkaa yaachisaarra akka jiru miidiyaalee hawaasaa irratti dubbii ijoo ta’ee haasa’amaa jira.

Guutuu Itoophiyaatti barattoota kutaa 12ffaa ALI bara 2016 qoraman keessaa kan darban 5.4% yoo ta’u, manneen barnootaa 1,363 biyyattii barataa tokkollee hin dabarsine keessaa manneen barnootaa 553 naannoo Oromiyaa keessatti kan argaman ta’uu gabaasuun keenya ni yaadatama.