'Qormaata kutaa 12ffaa warra fudhate keessaa kan darbe 5.4%' - Ministeera Barnootaa

Madda suuraa, FBC
Guutuu Itoophiyaatti barattoota kutaa 12ffaa bara 2016 keessa qoraman keessaa kan darban ykn milkaa’an 5.4% ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksise.
Ministirri Barnootaa Pirof Birhaanuu Naggaa firiin qormaata barattootaa kun ifoomuu ilaalchisee ibsa kennaniin, barattoota qormaaticha fudhachuuf galmaa’an kuma 701 fi 749 keessaa barattoonni kuma 684 fi 205 qormaaticha fudhachuu ibsuun, kana keessaa kan darbuu danda’e kuma 36 fi 409 akka ta’e himan.
Firiin qormaataa kutaa 12ffaa baranaa kun kan bara darbee bira qabamee yoo ilaalamu 2.2% dabaleera ykn fooyya’insa argisiise.
Bara darbe barattoota kuma 845 fi 188 qoraman keessaa qormaaticha qabxii darbinsaa 50'n ol kan fidan lakkoofsaan kuma 27 qofa ture.
Bara kana qabxii olaanaan galmaa’e gosa barnootaa ja’a qoraman 600 keessaa ilaalamuun Saayinsii Umamaan 575 yoo ta’uu, Saayinsii Hawaasaan ammoo 538 ta’uu ibsan.
Barattoota guutuu biyyaatti qormaata darban keessaa 10,690 kan ta’an Finfinneerraati.
Naannoo Tigray keessatti garuu gosa barnootaa torba qoramanii 700 keessaa ilaalamuun qabxiin olaanaa galmaa’e 675 ta’uun himameera.
Manneen barnootaa kumni 1 fi 363 barataa tokkooyyuu hin dabarsine ta'uu Pirofeesar Birhaanuun himan.
Naannoo Oromiyaa keessatti manneen barnootaa barataa tokkoyyu hin dabarsiin hafan 553 yoo ta’u, Finfinnee keessatti 4, naannoo Amaaraa 56, Somaaliyaa 156, Tigraay 52, Affaar 33, Beneshaangul Gumuz 35 barattoota tokkoyyu hin dabarsine.
Bara darbe ammoo manneen barnootaa 3,106 barattoota qormaataaf dhiyeessan keessaa manneen barnootaa 1,328 keessa barataa tokkoyyuu hin dabarre ture.
Warri hin qoramiin hafan sababa gara garaatiin barnoota turanii waan jalqabaniif akka hin fudhatiin himuun, warra qoraman keessaa ammoo kuma 29 fi 736 yeroo jalqabaatiif warra karaa oonlaayinii qoramanidha jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kanneen onlaayinii qoraman keessaa kan milkaa’an ammoo 26.6 % akka ta’e ministirichi himaniiru.
Akka ibsa Pirof. Birhaanuu kanaatti, barattoonni harka dhibba keessaa 50 ol fidan kallattiin yuniversiitii kan galan yoo ta'u, barattoonni muraasni sagantaa rimeediyaaliitiin kan fayyadaman ta'u.
'Sagantaa rimeediyaal' kun barattoonni irra deebiyan qaramanii akka qoraman carraa kennuufiif jechuudha.
Bu'aan qormaataa akka biyyatti gadaanaa ta’e kun kan galmaa’e erga Piroofeesar Birhaanuu Naggaa ministira barnootaa ta'anii as yoo ta’u, kanaaf ammoo sababiin sirna kenninsa qormaata kanarratti jijjiirama godhaniiti jedhama.
Osoo Pirof. Birhaanuu Naggaa ministira barnootaa hin ta’uun dura, qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa manneen barnootaa barattoonni keessatti baratanitti kennamaa ture.
Waggoota sadan darban garuu barattoonni qormaata kanaaf dhiyaatan Yunivarsiitilee dhiyeenyasaanii jiran seenuun barsiisota Yunvarsiitilee naannolee adda addaarraa dhufaniin akka qorataman godhame.
Bara kana ammoo barattoota hanga tokko karaa oonlaayiniin qoruun jalqabamee bu’a qabeessa akka ta’ees himameera.
Kayyoon sirna qormataa jijjiiruu kun hanna qormaataa hambisuun qulqullina barnootaa biyyattii gadi bu'eera jedhamu fooyyessuu akka ta'e aanga'oonni ni dubbatu.












