Waraanni Sudaan lola waggaa lamaan booda magaalaa ijoo hidhattoota harkaa fudhate

Madda suuraa, Getty Images
Waraanni Sudaan magaalaa ijoo baha biyyattiitti argamtu to'achuu hime, kunis lola humna hidhataa waliin waggaa lamaaf taasifamaa jiruun injifannoo isa guddaa dha.
Viidiyoon miidiyaa hawaasaa irratti gadhiifame akka agarsiisutti yeroo loltuun waraanichaa gara magaalaa Waad Madaanii galan namoonni daandiitti bahanii gammachuu agarsiifachaa turan.
Hogganaan garee humna addaa Rapid Support Forces (RSF) jeneraal Mohaammad Hamdaan Dagaaloo magaalli harka isaanii jalaa bahuu ergaa sagaleen mirkaneessaniiru.
Hogganaan garee kanaa kuni yeroo mo'amuu isaanii amanan sagalee dheekkamsaafi burjaajii qabuun ture.
Injifatamu isaanii kanas waraanni biyyattii meeshaa waraanaa qilleensaan gatii caaluufi diroonii Iraan waan fayyadamuufi jedhaniiru.
Haa tahu malee waggaa 20 fudhatus hamma injifannoon argamutti lola itti fufna jechuun kakataniiru.
Waad Maadaaniin magaalaa guddoo bulchiinsa Al Jaaziiraa yoo taatu Kaartuum- magaalaa guddoo biyyattii, irraa gama kibbaan km140 fagaatti.
Waraana Sudaaniifi RSF gidduu Ebla bara 2023 ture waraanni kan jalqabe.
Miseensonni RSF biyyattii keessa irra deebiin bobbaafamuu waraana biyyattii yaaddeessuun booda muddama uumameen lolli kuni kan eegale.
Waraana kanaan namoonni kuma-kuranaan lakkaa'aman lubbuu dhabaniiru. Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii namoonni miiliyoona sagal tahan qe'ee isaaniirraa buqqa'uu ''rakkoo buqqaatii hamaafi isa guddaa'' addunyaa kana ittiin jedheera.
Kana malees biyyattiitti beelli mudachaa kan jiru yoo tahu, namoonni miiliyoona 24.6 tahan - walakkaa uummata biyyattii deeggarsa nyaataa hatattamaa barbaadu jedhu ogeessoti.
Jalqaba baatii kanaa irratti Ameerikaan hogganaa RSF Mohaammad Hamdaan Dagaaloo duguuggaa sanyii raawwachuun himatteetti.
Lola baatii 20 keessatti hammeenya ''tahe jedhee'' uummata Sudaan irratti qaqqabsiiseef adabamaa jira jechuun qondaaloti dubbataniiru.












