Sudaan biyya diigamte tahuuf akka deemtu hogganaan deeggarsaa akeekkachiisan

Manguddoo Sudaan

Madda suuraa, Getty Images

Biyyi waraanaan hubamte Sudaan balaa biyya diigamte tahuu keessa jirti. Gareeleen hidhatan hammaannaan waldaalee siviilii harca'anii jedhee dhabbanni gargaarsaa idil-addunyaa.

Gareeleen ijoo wal-lolan - waraana biyyattiifi gareen hidhataa Rapid Support Forces alatti gareeleen 'sabaan' hidhatan xixiqqoon baayyeen jiru. Isaanis namoota nagaa irratti to'annoo malee badii dalagaa jiru jedhe hogganaan dhaabbata deeggarsa baqattootaa Norwegian Refugee Council Jaan Egelaand.

''Qaamoleen kunneen manuma ofii diigaati jiru, uummatuma isaanii fixaa jiru,'' jedhan.

Baatii kudha sagal darbaniif qaamota lameen gidduu wal haleeluun namoonni miiliyoona 10 yoo buqqa'an biyyattiin beelaaf saaxilamteetti.

''Waanin arge hundi haala namoomaa deeggarsa hatattamaa barbaadu- beela, buqqa'uu bal'aa tahe,'' jechuun Egelaand imala gara Sudaan taasisaniin booda dubbatan.

Fulbaana darbe Dhaabbannii Fayyaa Addunyaa beelli Sudaan biyyattii keessa ''idduma fe'e jira,'' jechuun himeera.

Kushinaawwan shoorbaa gurguran maalllaqa waan dhabaniif cufamaa jiru. Egilaand akka jedhanitti ammoo rakkoo namoomaa hamaa kanaaf deebii kennuu dhabuun deeggarsi hafe ''du'a namoota akka harkifatu godha yoo taheef malee ittisuu hin danda'u,'' jedhan.

''Naannoleen Sudaan baayyee beela'aa jiru, beelarra jiru,'' waraana irratti beela itti dabaluun akka mala waraanaatti fayyadamu jedhan.

Ogeeyyiin dhimma soorataa gariin akka jedhanitti namoonni miiliyoona 2.5 tahan sababa beelaan lubbuu dhabuu danda'u.

Akka Egilaand jedhanitti addunyaan kuni waan gahaa raawwachuu dhiisuun ''Sudaaniif hin qaqqabiin hafeera.''

Awurooppaan rakkoo baqattootaa hambisuu barbaada taanaan ''deeggarsa, eegumsaafi nagaa irratti iddoowwan addunyaa hundarratti hojjechuu qaba,'' jechuun BBCtti hime.

Rakkoo hatattamaa addunyaan kuni keessa jirtu keessaa isa guddaa tahus deeggarsi argate garuu akkamalee xiqqaa akka tahe dubbatan.

Erga waraanichi jalqabee namoonni kumaatamaan lakkaa'aman ajjeefamaniiru. Gareeleen mirga namoomaaf falman ammoo Sudaan keessatti ajjeechaa jumlaa fa'i raawwataniiru.

Mariin nagaa waraana biyyattiifi RSF gidduu adeemsifamaa tures firii malee hafee jira.

''Waraaanni kuni kan dhaabatu hogganooti waranaa kunneen waanti dhaban yeroo baay'achaa adeemu malee waan sirrii raawwachuuf jedhanii miti,'' jedheera Egelaand.