Waraanni Sudaan magaalaa guddoo biyyattii Kaartuum keessatti haleellaa cimaa bane

Madda suuraa, Reuters
Suudaan biyya wal waraansa keessatti argamtuutti, humni waraana Sudaan magaalaa guddoo biyyattii Kaartuum keessatti Humnoota Deeggarsa Saffiisaa (RSP) irratti waraana cimaa banuu hime.
Waraanichi magaalattii amma kallattiiwwan adda addaatiin haleellaa irratti bane kunis Ebla bara 2023tti yeroo waraanni jalqabu ture kan gadhiisee ture.
Humnootiin mootummaa Sudaan humnoota RSF kanneen magaalaa Kaartuumiifi kaaba magaalatiitti kan argamtu Baahrii irratti lola kan banan guyyaa Kamisaa gara barii ture.
Humnootiin mootummaa fi loltoonni RSF aangoorratti wal dhabuudhaan erga waraana keessa galanii waggaa tokkoof biyyattiin wal waraansa keessatti argamti.
DHaabbanni Biyyoota Gamtomanii (UN) haalli Sudaan keessaa rakkoo namoomaa baayyee cimaa hordofsiiseera jedhe.
Sababii waraanichaatiin namoonni kuma 150 ta'an kan ajjeeffaman yoo ta'u, ummata biyyattii keessaa kan shan keessaa harka tokko ta'u ykn ummanni miliyoona 10 qee'esaa dhiisuun baqateera.
Namoonni ijaan argan akka jedhaniitti, Kamisa ganama magaalaa guddittii biyyattii Kaartuum keessatti haleellaan qilleensaa fi lolli cimaan baname.
Humnootiin mootummaas riqichiiwwan lama Laga Naayil irratti argaman qaxaamuruudhaan gara magaalatiitti seenaniiru.
Riqiichiiwwanis kan eeddoowwan humnoota mootummaa jalatatti argamaniifi Omdurmaan keessatti argamu, teessoo humna daaggarsa saffiisaa adda baasaniidha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haleellaan baatiiwwaniin booda Kamisa ganama eegame kunis kan humnootiin mootummaa eddoowwan to'annoo isaatiin ala ta'an deebiisee qabachuuf yaalii ittiin taasiseedha jedhameera.
Dursaan waraanaa Janaraal Abdul Fattaah Al-Burhaan yaa'ii biyyoota Gamtoomanii Niiw Yoorkiitti gaggeeffamu irratti haasaa ni taasisu jedhamee guyyaa itti eegamaa turaniitti ture kan guyyas haleellaa kana banan.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii walitti bu'iinsa qaamoolee lamaan jidduu jiru ''hatatamaan'' akka dhababatuufi namoonni nagaa gara qee'esaaniitti akka deebii'aniif gaafateera.
Waraanni baayyee cimaafi lubbuun namoota hedduu ittiin badee kan gaggeeffame naannoolee namoonni baayyinaan keessa jiraataniitti ture. Humnootiin mootummaafi milishaa osoo namoota nagaa adda hin baafne boombiidhaan haleellaniiru jechuun wal himataa turan.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtomanii ibsa guyyaa Kamiisaa baaseen, ''waraanni biyyattii keessatti gaggeeffamu namoota nagaa miiliyoonaan lakkaa'aman irraan dararama gaheera. Addunyaa keenyarratti buqqaatii saffiisaa ta'e kan raawwatame Sudaan keessatti'' jedheera.
Lammiilee Sudaan gara miiliyoona 10 qee'esaanii dhiisanii baqatan keessaa wallakkaansaanii daa'imman akka ta'an kan kaasee dhaabbatichi, lammiileen miiliyoona lama ta'an ammoo biyyoota ollaatti kolugaltummaa gaafataa jiru jedhe.
Sababii waraanaatin namoonni midhaan facaafachu waan hin dandeenyeef balaan beelaaa cimaa akka dhufu tilmaamameera.
Bulchiinsa lixaa kan taatee Daarfuuriitti ammoo, lammiileen Sudaan Araba hin taane irratti haleellaan duguggaa sanyii raawwatameera jechuun akeekkachiisa dhageessiseera.
Weerarri kooleessaa keessatti babal'ataa kan jirtu Sudaan, baatii darbe keessa qofaa dhukkuboonni haala salphaadhaan irraa fayyamuun danda'amu namoota 430 galaafachuunsaa gabaafameera.
Dhaabbileen gargaarsaa garaagaraa deeggarsa qaqabsiisuuf yaaliin taasisan sababii walitti bu'insichaatiin gufataa jira.












