'Meeshaan waraanaa Itoophiyaarraa gara bulchiinsa Puuntlaanditti galaa jiru na yaddesse' - Somaaliyaa

Ministirri Dhimma Alaa Somaaliyaa Ahimad Fiqii

Madda suuraa, Getty Images

Meeshaan waraanaa Itoophiyaarraa gara bulchiinsa Somaaliyaa kan taate Puuntlaanditti ergamaa jira jettu akka ishee yaaddesse Somaaliyaan beeksifte.

Ministiirri Dhimma Alaa Somaaliyaa fuula miidiyaa hawaasaa irratti ibsa har'a baasen, meeshaalen waraanaa karaa daanga Itoophiyaa gara bulchiinsa Puuntlaanditti fe'amaa akka jiruufi yaaddoo guddaa itti uumuu ibse.

Meeshaaleen waraanaa hayyama malee karaa daangaa Itoophiyaan bulchiinsa Puuntilaabditti galuusaa Somaaliyaan cimsitee akka balaaleffattuufi gochaan kun birmadummaa biyyattii kan sarbu ta'uu ibse Ministiirri Dhimma Alaa Somaaliyaa.

Meeshaalen waraanaa hayyama malee Itoophiyaarraa gara bulchiinsa Somaaliyaa kan taate Puuntilaanditti fe'amuunsaa "birmadummaa Somaaliyaa kan sarbuufi yaaddoo cimaa nageenya biyyaalessaafi naannootiif agarsiistudha" jedha ibsi kun.

Himannaa Somaaliyaan dhiyeessitu kana ilaalchisee Itoophiyaan hanga ammaa homaa hin jenne.

BBCn himannaa kanarratti waan Itoophiyaan jettu baruudhaaf Ministira Dhimma Alaatti bilbulus ammaaf hin milkoofne. Dhugummaa himannaa mootummaa Somaaliyaa kana gama Itoophiyaarraa waan jedhamu hubachuuf BBCn ammas jala buhee hordofaa jira.

Meeshaaleen waraanaa konkolaataa fe'iisan karaa daangaa Itoophiyaa daangaa ishee seenuu ragaa qabatamaa qabaachuu ibsite Somaaliyaan.

"Konkolaatonni fe'iisaa lama meeshaalee waraanaa fe'anii Itoophiyaarraa gara Puuntlanditti geessaa jiraachuu ragaa galmaa'e ni mirkaneessa," jechuun meeshan kun waliin dubbii dippilomaasii ykn hayyama malee seenuu ibsite Somaaliyaan.

Kuni ammoo birmadummaa daangaa Somaaliyaa akka sarbuufi Itoophiyaan seera idil-addunyaaf bitamuufi nageenya naannof kutannoo qabaachuusheerratti yaaddoo qabaachuu ibsite.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kanaan duras meeshaan waraanaa Itoophiyaarraa seeran ala gara daangaa Somaaliyaatti geeffamee akka tures himatte.

Meeshaan waraanaa Itoophiyaarraa gara naannoo Gulmuduug geeffamee akka tureefi gara naannoo Baayidawaatti ammoo xiyaaran geeffamee akka ture kan himu ibsi Somaaliyaa kun, gochaan kun hatattamaan akka dhaabatu gaafatte.

"Michoonni naannoofi idil-addunyaa gochaa kana akka balaaleffataniifi naannichatti nageenyiifi tasgabbiin akka dhufuuf tattaaffii waloo jabeessuu qabu," jechuun waamicha goote.

Itoophiyaan ulaa galaanaa barbaachaf jecha Somaalilaand wajjin walii galtee wal-hubannoo mallatteessuu hordofee Somaaliyaa wajjin muddama keessa galtee jirti.

Biyyoonni lamaan wal-dhabdeesaanii karaa dippilomaasin akka furaniif Turkiin biyyoota lamaan waamtee mariisisuu erga eegaltee bubbulteetti.

Kanaan dura marsaa lama Itoophiyaafi Somaaliyaa Ankaaratti waamun mariisistus bu'aan baay'en hin argamne.

Marsaa sadaffaa ammoo biyyoota lamaan qopha qophaatti akka mariisistu Turkiin beeksiftee jirti.