Somaaliyaan 'hidhattoota Itoophiyaa nan deeggara' jechuu Itoophiyaan balaaleeffatte

Ministirri Dhimma Alaa Somaaliyaa Ahimad Fiqii muddama Itoophiyaafi Somaaliyaa furuuf marii jaarsummaa Turkiin adeemsifamaa tureerratti hirmaataniiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri Dhimma Alaa Somaaliyaa Ahimad Fiqii muddama Itoophiyaafi Somaaliyaa furuuf marii jaarsummaa Turkiin adeemsifamaa tureerratti hirmaataniiru

Somaaliyaan waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaan bulchiinsa Somaalilaand waliin mallatteessite yoo ittifufte 'hidhattoota Itoophiyaa keessa jiran nan deeggara' jechuun akeekkachiisun ishee gabaafame.

Kana kan dubbatan Ministira Dhimma Alaa Somaaliyaa Ahimad Mowaalim Fiiqidha.

‘’Hidhattoota Itoophiyaa keessa jiran yookiin mootummaa Itoophiyaa lolaa jiran qunnamuun filmaata Somaaliyaan qabdudha, balbala banaa nuuf ta’edha,’’ jechuun xumura torban kana miidiyaa biyya keessaa Yunivarsaal TV’tti dubbatani.

Dubbii aangawaa Somaaliyaa kuni erga dhagahamee booda aangawaan Itoophiyaa dubbii kana cimsanii qeeqaniiru.

Gamtaa Afrikaafi Komishinii Dinagdee Afrikaa UN’tti bakka bu’aa itti aanaa Itoophiyaa kan ta’an Ambaasaaddar Nabiyyuu Tadlaa miidiyaa X isaaniirratti akkana jedhan;

‘’Ergamtoonni al-Shabaab qondaala mootummaa fakkaatanii mul’ataniifi Bulchiinsa Banaadir [naannawa Moqadiishoo] biraa fagaatanii hojjechuu hin dandeenye, sabboonummaa bu’uura hin qabneen guutamanii yoo dubbatan arguun baay’uma nama kofalsiisa.’’

Itoophiyaan waliigaltee ulaa galaanaa bulchiinsa Somaalilaand beekamtii idil-addunyaa hin qabne waliin mallatteessuun ishee Somaaliyaa waliin walitti ishee buuseera.

Somaaliyaan Somaalilaandiin akka qaama isheetti ilaalti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ta'us, yeroon isaa hin geenye jedhan Turkitti muddama Itoophiyaafi Somaaliyaa tasgabbeessuuf marii marsaa lamaaf adeemaa tureerratti kan hirmaataa turan Ahimad Mowaalim Fiqiin.

''Sadarkaa sana hin geenye, furmaatni akka argamu abdiin jira. ..Isaan [hidhattoota] qunnamuun, deeggaruun, biraa dhaabachuun waan sirriidha.

''Kun kan ta’u yeroo diinummaa isaanii itti fufaniifi waliigaltee jedhan yoo hojiirra oolchanidha,’’ jechuun dubbatani.

Ta’us, ‘’Itoophiyaan diigamuun fedhii Somaaliyaa miti’’ jechuun himani.

Waliigaltee ulaa galaanaa Itoophiyaafi Somaalilaandiin kan mufatte Somaaliyaan dippiloomaatota Itoophiyaa ari’uu, loltoota Itoophiyaa baasuu, biyyoota kaan michoomuu dabalatee dhibbaa garagaraa taasisaa jirti.

Adeemsa Somaaliyaa kana Itoophiyaan qeeqaa jirti. Dippilomatiin Itoophiyaa aangawaa Ministira Dhimma Alaa Somaaliyaa qeequun balaa inni qabu eeran.

''Sochiin akkanaa milkaa’ina Somaaliyaan waggootaaf galmeessite qilee buusa’’ jechuun Dubbii Himaan duraanii Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa dubbatani Obbo Nabiyyuu dubbatani.

Kana dura Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa aangawoonni Somaaliyaa tokko tokko ‘dhibdee hammeessaa jiru’ jechuun dubbatanii turan.

Loltoota Itoophiyaa kumaatamaan lakkaa'aman nagaa kabachiisuuf Somaaliyaatti bobba'an Somaaliyaan akka bahan barbaaddi

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Loltoota Itoophiyaa kumaatamaan lakkaa'aman nagaa kabachiisuuf Somaaliyaatti bobba'an Somaaliyaan akka bahan barbaaddi

Lakkoofsa ummataafi dinagdee guddataa jiru itti fufsiisuuf karra galaanaa argachuun ‘dhimma jiraachuufi dhabuuti’ kan jette Itoophiyaan, waa’ee ulaa galaanaa hammana ifatti hin dubbattu.

Aangawoonni bulchiinsa Somaalilaand kan beekamtii idil-addunyaa hin qabneefi waliigaltee ulaa galaanaan Itoophiyaan beekamtii nuuf kenniti jedhan garuu dhihoo ibsa kennaniiru.

Somaalilaand Waliigalteen Wal Hubannoo ulaa galaanaa Itoophiyaa waliin Amajji 1 bara 2024 mallatteesite 'xumuramuu' fi hojiirra oolmaan waliigaltee kanaas waan hin oolle ta'uu’ ibsan.

Itoophiyaafi Somaalilaand waliigaltee ulaa galaanaa mallatteessuun muddamni eegale yeroodhaa gara yerootti hammaataa jira.

Somaaliyaan biyya sababa hidha Haaromsaan Itoophiyaa waliin waggootaaf muddama seente, Masrii, waliin waliigaltee waraanaa tolfatteetti.

Waraanni Masrii Somaaliyaatti akka humna nagaa kabachiisaatti bobba’uu mala gabaasni jedhus Itoophiyaa dheekkamsiiseera.

Torban muraasa duras xiyyaaronni waraanaa Masrii meeshaa waraanaafi qondaalota waraanaa fe'an Moqadiishoo qubachuun isaanii gabaafameera.

Itoophiyaan humna nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaa jalatti Somaaliyaatti bobba’e humna biraan bakka buusuf yaaliin taasifamu ''balaan kan guutamedha'' jechuun ''yaadda’uu'' ibsiteetti.

Itoophiyaafi Somaalilaand waraanni Masirii Gaanfa Afrikaaf 'yaaddoo yoo ta'u' callisee hin ilaalu jedhaniirus.

Deebii kanaaf akeeku fakkaatun aangawoonni olaanaa Masriifi Ertiraa Sambata Asmaraatti walgahan ''himannaa bu'uura hin qabne'' jedhaniiru.

Riphee loltoota deeggaruu

Ministirri Muummee Somaaliyaa Hamzaa Abdii Baaree torban kana mootummaan biyya biraa loltoota gara Somaaliyaa fide hin jiru, yoo jiraates mirga Somaaliyaati jedhaniiru.

''Biyyi loltuu gara Somaaliyaa fidaa jiru hin jiru. Mootummaan kana nu gaafate hin jiru. Ammoo akka Somaaliyaatti nuti mirga kana gochuus qabna, nuti biyya of dandeenyedha.''

Biyya tokkorraa gargaarsa argachuu jechuun biyya biraarraan miidhaa geessisna jechuu miti jechuun gargaarsi Itoophiyaarraa yoo dhufes akka simatan ibsan.

Itoophiyaafi Somaaliyaan kana dura wal waraananii beeku.

Galmeen seenaa akka agarsiisutti, bara Dargii keessa biyyoonni lamaan hidhattoota garagaraa deeggaraa turan.

Fiild Maarshaal Birhaanuun Masriin Somaaliyaa keessa sochii taasisuun Itoophiyaa waliin lola kallattii hin seenani jechuun torban dura dubbatanii turan.

Dubbii isaaniin tarii 'lola harka jalaa' keessa seenuu dandeessi jedhan.

‘’Harka jalaan loluu barbaadu. Harka jalaan Itoophiyaa loluun [garuu] amma ni cima. Akka durii miti. Harka jalaanis, kallattiinis haa dhufu humni Itoophiyaa cimaadha.

‘’Nuun kan nu rakkise baandaa keenyadha,’’ jechuun himani.

Humnoota biyya keessaa maqaan hin dhoofne'' baandaa'' jedhanii waamaniin "Ajandaa diinota ho’isanii hojjechaa jiru" jedhaniiru.

Aangawoonni Itoophiyaa kana dura Masrii, Ertiraafi kaan hidhattoota mootummaa lolan deeggaru jechuun himataa turan.

Ajajaan waraana Itoophiyaa Somaaliyaan ‘’diinota ganamaa Itoophiyaarraa deeggarsa faayinaansii, leenjiifi meeshaa waraanaa fudhachaa si’a sadii ol biyya keenya weerarteetti,’’ jechuunis waraana kana dura ture eeran.

Aangawoonni Somaaliyaa ‘’imaammata daangaa babal’ifannaa qopheessanii’’ Itoophiyaa weeraruuf carraaqqiin irra deddeebiin taasisanis osoo hin milkaa’in hafaniiru jechuunis himan.

Ta’us, biyya Somaaliyaa ‘’rakkoorra buusanii waggoota 30 ol maraammartoo keessa galchaniiru.’’

Itoophiyaafi Somaaliyaan muddama isaan gidduu jiru karaa nagaan furuuf mariin marsaa lamaaf Turkiitti taasifame ija hin godhanne.