Ministirri Dhimma Alaafi hogganaan tikaa Masrii Asmaraatti maal mari'atan?

Madda suuraa, Yemane G. Meskel/X
Ministirri Dhimma Alaafi Hogganaan Tajaajila Tikaa Masrii Asmaraatti ergaa Pirezidant Al-Siisii Pirezidantii Ertiraa Isaayyaas Afawarqiitti ergan kennuun mari’achuun isaanii gabaafame.
Aangawoonni olaanoo Masrii ergaa haala nageenyaafi siyaasaa naannawa Gaanfa Afrikaa ibsu akkasumas hariiroo lamaan cimsu ilaallatu Pirezidantii Ertiraaf kennuutu ibsame.
Mariifi imalli aangawoota Masrii kan Itoophiyaa waliin muddama keessa jiranii yeroo Gaanfa Afrikaatti muddamni cimee jirutti mudate.
Aangawoonni Masrii Ministira Dhimma Alaa Baadir Abdallaatii fi Hogganaa Tajaajila Tikaa Waliigalaa Abbaas Kaamelidha.
Imala isaanii ilaalchisee ibsi Masriidhaa bahe akka jedhetti, marii Pirezidantii Ertiraa waliin taasisaniin sochii Galaana Diimaarratti taasifamu, akkasumas nageenyaafi tasgabbii Gaanfa Afrikaarratti mari’ataniiru.
Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Obbo Yamaana G/Masqal aangawoonni olaanoo Masrii ALI Fulbaana 04, 2017 Sambata waaree booda Pirezidantii Ertiraa waliin wal arguun dhimma waloofi naannawichaarratti mariyachuusaanii X gubbaatti barreessan.
Qaamoleen lamaan ‘’dhimmoota ijoo isaan ilaallatu keessumaa Sudaan, Somaaliyaafi taatewwan waqtawaa naannawa Galaana Diimaa mul’ataa jiran jabeessanii’’ mari’achuu isaanii ibsan.
Ibsa gama Masriidhaa baheerrattis Pirezidantiin Ertiraa jila dhufeef haala Gaanfa Afrikaarratti mudataa jiruufi rakkinoota naannicha mudatee jedhan irratti dubbataniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akkasumas haalatti nageenyaafi tasgabbii naannichaa cimsuun danda’amurratti ibsa kennaniiru jedheera.
Qaamoleen lamaan Sudaan akka tasgabbooftu, akkasumas daangaafi birmadummaan Somaaliyaa akka eegamu deeggarsa cimsuun akka barbaachisu waliigaluun isaanii ibsameera.
Itoophiyaan waliigaltee ulaa galaanaa bulchiinsa Somaalilaand kan Somaaliyaan qaama kiyya jettu waliin taasiste Gaanfa Afrikaatti muddama uumeera.
Kuni birmadummaa kiyya dhiiba kan jette Somaaliyaan biyyoota Itoophiyaa waliin hariiroo gaarii hin qabne waliin hariiroo cimsatteetti.
Hidha Abbayyaan walqabatee muddama bubbule Itoophiyaa waliin kan qabdu Masrii waliinis waliigaltee waraanaa tolfatteetti.
Masriin Itoophiyaa mormuun durumaa Somaaliyaa kan deeggaraa turte yoo ta’u, Ertiraanis irra deddeebiin Pirezidantii Somaaliyaa simataa turte.
Waraanni Masrii Somaaliyaatti akka humna nagaa kabachiisaatti bobba’uu mala gabaasni jedhu Itoophiyaa dheekkamsiiseera.
Torban muraasa duras xiyyaaronni waraanaa Masrii meeshaa waraanaafi qondaalota waraanaa qabatan Moqadiishoo qubachuun isaanii gabaafameera.
Kanaanimmoo Itoophiyaafi Somaalilaand yaaddoo ibsaniiru. Miseensota federaalaa Somaaliyaafi miseensota mana maree Somaaliyaa keessaas kan mormii ibsan jiru.
Itoophiyaan, mootummaan Somaaliyaa ''qaamolee alaa waliin ta'un naannicha jeequuf'' sochiitti jira jechuun himatteetti.
Ajajaan waraana Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa Masriin ‘'durii qabee diina Itoophiyaati’’ jechuun waamaniiru.
''Misoomni Itoophiyaa kan ishee gubu diinni ganamaa keenya fagootii dhuftee Somaalotaaf fira fakkaattee kaayyoo ishee ganamaa galmaan gahuuf’’ socho’aa jirti jedhan.
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimadis qaamni Itoophiyaa weeraruuf abjotu dursee 'si’a kudhan' yaaduu qaba jechuun akeekkachiisaniiru. Garuu qaama kana maqaan hin eerre.
Deeggarsa Somaaliyaaf
Angawoonni olaanoo Masrii Asmaraatti Pirezidant Isaayyaas waliin yeroo mari’atanitti deeggarsa Somaaliyaaf qaban ibsaniiru.
Dhimma Itoophiyaarratti wanti kaasan yoo jiraate wanti ifatti ibsame hin jiru.
Ministirri Odeeffannoo Ertiraa Yamaana G/Masqal himannaa ‘’Masriin Gaanfa Afrikaatti rakkoo jeequmsa uumuufi ajandaa gidduu -seentummaa tarkaanfachiisti’’ jedhu qaamoleen tokko tokko kaasan ‘’himannaa bu’uura hin qabne’’ ta’u isaa mariirratti ka’u ibsaniiru.
Dubbiin isaanii biyya dura aantummaan sochii Masriin Somaaliyaa keessatti taasiftu qeeqxe Itoophiyaa akka ilaallatu amanama.
Itoophiyaan xalayaa dhihoo UN’tti barreessiteen dhaabbatichi 'doorsisa irra deddeebii Masriin Itoophitaarratti dhiheessituuf' akka gurra kennu gaafatteetti.
Masriin xalayaa UN’tti ergiteen sababii Hidha Haaromsaan 'qooda bishaan ishee mirkanneessuudhaaf tarkaanfii barbaachisu fudhachuudhaaf mirgan qaba' jettee turte.












