Ameerikaan maaliif humna waraanaa Masirii jabeessuuf doolaara bil. 1.3 kennite?

Litnaant Jeneraal Ahimed Kaalifaa, Itaamaajoorii Humna waraanaa Masirii fi Litnaanti Jeneraal Chaarles Biraawon, Dura Taa'aa Waloo Humna Waraanaa Ameerikaa

Madda suuraa, Fuula Waajjira Dubbii Himaa Humna waraanaa Masiriiu

Mootummaan Ameerikaa humna waraanaa Masirii jabeessuuf doolaara biliyoona 1.3 tahu kennuuf murteessuu Ministirri Dhimma Alaa US, Antoonii Biliinken himan.

Kunis kan dhagahame yeroo Masiriin qaama nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaa gochuudhaan waraanashee Somaaliyaatti bobbaasuu dandeessi jedhamuun oduun dhagahamuun naannichatti jeequmsi biraa ka'a jedhamee sodaatamettiidha.

Garuu Ameerikaan michuushee yeroo dheeraa Masiriif deeggarsa akkasaa yoo taasiftu kun kan jalqabaa miti.

Biyyoonni lameen hariiroo jabaa waggoota 200 ol lakkoofsise qabu. Masiriin hanga ammaa deeggarsa waraanaa doolaara biliyoona 50 tahu Ameerikaa irraa argateetti.

Fedhii biyyaalessaa Gidduugala Bahaa keessaa qabdu galmaan ga'uufi shororkeesummaa waraanuu irratti Masiriin michuu US jabduudha.

Yeroo marii Hidha Haaromsa Itoophiyaa ilaalchisuun jaarsummummaan gidduu seentee turtetti Ameerikaan Masiriif loogdi jechuun Itoophiyaan himataa turte.

Amma ammoo yeroo Itoophiyaa fi Masiriin bobbii waraanaa nagaa kabachiisaa Somaaliyaa keessaa ilaalchisee wal dura dhaabbataa jiran kanatti deeggarsi waraanaa guutuun doolara biliyoona 1.3 ta'u Masiriif kennamuu tibbana ajandaa miidiyaa hawwaasaa taheera.

Haatahu malee, akka miidiyaalee hawwaasaa irratti haasa'amu deeggarsi Ameerikaan Masiriif kennitu kun kan muddama Gaanfa Afrikaa kana waliin kallattiin waan wal qabatu miti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ameerikaan waggaa dheeraaf deeggarsa walfakkaatu waraanaa Masiriif kan kennitu yoo tahu, ulaagaa adda addaa irratti hundaa'uun gadhiifamaa ture.

Bulchiinsi pirezidaanti Baayiden sarbama mirga namoomaa pirezidaantiin Masirii Abdel Fattaa al-Siisii ittiin himataman duubatti dhiisuun humna waraanaa biyyattii jabeessuuf kan oolu doolaara biliyoona 1.3 kennuuf waliigaluu ibsan.

Roobii darbe Ministirri Dhimma Alaa US, Antoonii Biliinken, deeggari humna waraanaa Masiriif barana kennamu haalota kana dura turan irratti kan hundaa'u miti jedhan.

Ameerikaan deeggarsa kana kennuuf kan murteesite fedhi biyyaalessaa ishee eegamuu mirkaneessuun akka tahe himameera.

Kabaja mirga namoomaa Masirii keessaa ilaalchisee Ameerikaan waggootaaf komii guddaa qabdi. Bulchiinsi Baayiden garuu erga aangoo qabatanii yeroo jalqabaaf deeggarsicha guutummaan kennuuf murteesse.

Ameerikaan fedha nageenya biyyaalessaa gidduugala bahaa keessaa qabdu mirkaneeffachuuf waggoota dheeraaf Kaayiroo irratti hirkatti.

Biliinken Masiriin ''qaxanichatti nagaa buusuu fi fedhii nageenya biyyaalessaa Ameerikaa mirkaneessuuf gaheen bahatte olaanaadha,'' jedhan.

Israa'elii fi Hamaas waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra akka gahaniif Masiriin shoora olaanaa bahataa turte.

Bara 2022 Waashingitan deeggarsa waraanaa waggaa waggaan Masiriif kennitu doolaara biliyoona 1.2 keessaa doolaara miliyoona 130 tahu sababa sarbama mirga namoomaan jalaa qabdeetti.

Doolaara miliyoona 75 kallattumaan deeggarsa waraanaaf kan tahu erga laattee booda, doolaara miliyoona 95 biraa ammoo shororkeesummaa waraanuu fi nageenya daangaa mirkaneessuuf kan oolu jechuun kenniteef.

Bara 2021, ammas sarbamni mirga namoomaa hamaan Masirii keessatti gaggeeffamaa jira jechuun doolara miliyoona 130 tahu jalaa hanbifte. Deeggarsa waraanaaf kan tahu jettee ammoo doolaara miliyoona 200 kenniteef.

Barana ammoo Gaazaa keessatti nagaa buusuu fi dhukaasni akka dhaabatuuf naannichattis waraanni biraa akka hin babal'anneef Ameerikaan Masirii irratti guutummaan waan hirkattuuf deeggarsicha kennuufii hima ogeessi seeraa lammii Masirii, amma Iswiidin jiraatu Mohaammad Zaaree.

Ameerikaan bara 1979 yeroo Masirii fi Israa'el nagaa buusuun waliigaltee nagaa mallatteessan biyyoota lameeniif deeggarsa waraanaa fi dinagdeef kan oolu doolaara biliyoona sadii wagga waggaan kennuuf waliigalte.

Pirezidaantii Ameerikaa yeroo sanaa Jiimii Kaarter karaa Masirii fedhii nageenya biyyaalessaa Ameerikaa kabachiisuuf waliigalticha mallatteessan.

Ameerikaan amma maaliif deeggarsicha kennuu barbaadde?

Deeggarsi Ameerikaan Masiriif gootu gama waraanaa fi diangdee Masirii cimsuun shoora guddaa qaba.

Masriin wagga waggaan deeggarsa doolaara biliyoona 1.2 tahu, meeshaa waraanaa adda addaas dabalatee Ameerikaa irraa argatti.

Erga 1978 as Ameerikaan Masiriif deeggarsa waraanaa doolaara biliyoona 50 ol kenniteetti.

Ameerikaan fedhii biyyoota Baha Gidduugaleessaa keessaa qabdu karaa Masirii kan raawwachiiftu yoo tahu, deeggarsi kennitu gariin ammoo kabaja mirga namoomaa biyyattii keessaa irratti kan hundaa'edha.

Ameerikaan sababa sarba mirga namoomaan gar-tokkee deeggarsa kennituu kana qabdee hanbistus bara kana garuu guutummaan akka kennituuf ibsite.

Gaazexessaa dhimmoota siyaasaa fi gulaalaa olaanaa Al-Ahram kan tahe Mohaammad El Fadil, BBC Afaan Arabaatti akka himetti, Ameerikaan sababoota sadiif jecha deeggarsa kana barana Masiriif gadhiiste.

Inni jalqabaa yeroo Israa'el haleellaa jabaa fi hammaataa Gaazaa keessatti gaggeesitu, Masiriin osoo gidduu hin galiin obsaan turuu ishee Ameerikaa gammachiiseera.

Kun Ameerikaaf akka oolmaa tokko oolteetti ilaalama jedhe. Inni lammataa Ameerikaan haamilee waa'ee sarbam mirga namoomaa Masirii itti gaafattu hin qabdu jedhe.

Sarba mirga namoomaa jabaan ''duguuggaa sanyiitti'' fakkeeffame Gaazaa keessatti yeroo humnoota Israa'eliin gaggeefamu callistee waan turteef masiriitti dubbachuu hin dandeenye jedhe.

Kan sadaffaa hidhatoonni siyaasaa Masirii keessaa gadhiifamuu akka qabxii tokkootti ilaalamuu kaase.

Ameerikaan deeggarsa kana guutummaan akka gadhiistuuf sababadha kan jette kabaji mirga namoomaa Masirii keessaa bir-qabaan fooyyee agarsiisuu ibsite.

Pirezidaanti Al-Siisiin hidhamtoota siyaasaa 900 ol waggaa kana keessa gadhiisuun Ameerikaan deeggarsicha akka kennituuf haala mijeessaniiru.

Dabalataan marii nagaa buusuu Israa'elii fi Hamaas gidduutti deemaa jiru akka fiixaan bahuuf gaheen Masiriin taphattu salphaa waan hin taaneef Ameerikaan biyyattiin fedha biyyaaalessaakoo kabajjeetti jettee amanti.

''Namoota Hamaas ukkaamsee fudhate deebisiisuuf, deeggarsi namoomaa Filisxeemiif akka gahuufi waraanichi akka xumuraamuuf Masiriin deeggarteetti'' jedhan Biliinken.

Wal gahii koree Seeneetii Dhimma Alaa kan dursan miseensi Dimokiraatotaa Kiriis Marfii, deeggarsi waraanaa Masiriif godhamaa ture sababa kabaja mirga namoomaaf jecha qabamee ture. Garuu biyyattii waliin hariiroo murteessaa tahe qabaachaa turre,'' jedhan.

Masirii keessatti sarbama mirga namaa hamaa, dararaa fi hidhaan namoota siyaasaa irratti hammata jedhamus, Kaayiroon michuu Waashingitan tahuun itti fufteetti.

''Masiriin mootummaa abbaa irreen bulaa jiraachuu ishee dhoksaa hin qabu. Dhugaa kana haaluu hin dandeenyu,'' jedhan Aab Marfii.

Al-Siisiin hidhamtoonni siyaasaa hin jiran. Mootummaan keenya dursa kennee hojjechaa jira kan jiru nageenya biyyaalessaa mirkaneessuu, hojii uumuu fi manneen jireenyaa lammiileef ijaaruudha jedhan.

Masiriin maallaqa deeggarsaa kana rgachuuf hidhamtoota siyaasaa garii gadhiisteetti. Seera qorannoo yakkaa hidhaan duraa haaromsuuf wixinee haaraa qopheessuu, qabeenya dhaabbilee miti-mootummaa biyyoota alaa uggurtee ture gadhiisuufi dhorkaa imalarra keesse kaasuu akka fooyya'insa tokkootti ilaalameeraaf.

Falmitoonni mirega namoomaa garuu ammayyuu tarkaanfii kana amansiisaa miti jedhu.

Dhaabbata mirga namoomaaf falmu 'Middle East Democracy Center' jedhamu Waashingitan DCtti argamutti daariktera kan tahan Seth Baayinder, Fulbaana darbe irraa jalqabuun hidhamtoonni 970 gadhiifamanis, lammiileen Masirii 2,278 tahan seeraan ala to'atamanii mana hidhaa jiraachuu isaaniif ragaa qabna jechuun deeggarsa US kana qeeqan.

Fooyya'insi jiraachuuf ragaa qabataman hin jiru. Ammayyuu biyyattii keessa dararaa guddaatu gaggeeffama jedhan. Kanaaf Ameerikaan deegarsa waraanaa kana kennuun sirrii akka hin tane Rooyitarsitti himaniiru.

Ameerikaan fi Masiriin hariiroo jabaa waggoota 200tti siqu qabu. Ameerikaan deeggarsa maalalqaa qofa osoo hin taane dhiyeessii meeshaa waraanaa, leenjii loltummaas waraana Masiriif kennaa turteetti.

Biyyattiin fedhii Israa'elii fi nageenya biyyaalessaa ishee kabachiisuuf Masirii akka meeshaa tokkootti fayyadamti kan jedhanis jiru.