Somaalilaand Waliigalteen Wal hubannoo Itoophiyaa waliin mallatteessite 'xumuramuu' ibsite

Madda suuraa, MFA Somaaliilaandi
Somaalilaand Waliigalteen Wal hubannoo ulaa galaanaa Itoophiyaa waliin Amajji 1 bara 2024 mallatteesite 'xumuramuu' fi hojiirra oolmaan waliigaltee kanaa waan hin oolle ta'uu ibsite.
Ministeerri Dhimma Alaa Somaalilaand hawwaasa dippilomaatii idil-adunyaaf Hargeessaa jiraniif Waliigalteen Wal Hubannoo [MOU] Itoophiyaa waliin mallattaa'e gara waliigaltee seera qabeessaatti jijjiiramee hojiirra ooluuf fiixeerra jiraachuu ibsuu fuula X irratti baaseera.
Dabalataan Ministirri Dhimma Alaa Somaalilaand ''humni waraanaa Masirii biyya ollaa keenyaa Somaaaliyaatti bobba'uu naannichatti walitti bu'insa babal'isuu waan danda'uuf mootummaan Somaalilaandi yaaddoo qabas'' jedhan.
Gama Itoophiyaan hojiitti hiikamuu waliigaltichaa ilaalchisaa waan haaraan har'a dhagahame hin jiru.
Dabalataan Mootummaan Somaaliilaandi ‘’yaaddoo nageenyaa’’ qabu irraa kan ka’e mana kitaabaa aadaa Masirii Hargeessaa keessa jiru cufuus ibse.
Ministirri Dhimma Alaa Somaaliilaandi akka ibsetti Fulbaana 11, bara 2024 har’aa irraa jalqabee hojjettoonnii mana kitaabichaa lammiilee Masirii tahan sa’a 72 keessatti ‘’Rippaabilika Somaaliilaandi gadhiisanii bahuu qabu’’ jedhe.
Tarkaanfii murteessaa itti yaadamuun mootummaa Somaaliilaandiin fudhatamedha jedhan.
Itoophiyaa fi Somaaliilaandi A.L.Itti gaafa Amajji 1, bara 2014 guyyaa waggaa haaraa irra Waliigaltee Wal Hubannoo walii mallatteessan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Har'a ammoo guyyaa waggaa haaraa Itoophiyaa irra waliigaltichi xumurarra gahuun gara waliigaltee seera qabeessaatti galamuuf dhumarra gahuu ibsame.
Somaalilaand Itoophiyaaf qarqara galaanaa buufata dooniifi buufata waraanaa ijaaruuf gargaaru kennuuf Itoophiyaan ammoo bakka isaa Somaalilaandiif beeekkamtii biyyummaa kennuuf waliigaluu ibsamaa ture.
Kun yeroo sababa waliigaltee kanaaf Itoophiyaa fi Somaaliyaan wal dhabdee keessa galanii fi Masiriin harka keessa galfachuun Somaaliyaa waliin michummaa cimsattetti dhagahame.
Somaaliyaan Waliigalteen Wal Hubannoo Itoophiyaa Somaaliilaalnd walabummaa koo kan sarbedha jechuun hawwaasa idil-adunyaatti himataa turte.
Somaalilaand Somaaliyaa irraa adda bahuun waggoota 30 darbaniif kan ofiin of bulchaa jirtu yoo tahu, Somaaliyaan ammoo ammayyuu qaama bulchiinsakooti jetti.
Kana hordofee loltoonni Itoophiyaa al-Shabaab loluuf biyya ishee keessa jiran akka bahan gaafatte. Dabalataan humni waraanaa Itoophiyaa qaama ergama nagaa kabachiisaa haaraa Gamtaa Afrikaa Somaaliyaatti bobbaasuuf jedhuu akka hin taanes ibsite.
Kun ammatti beekamuu baatus Masiriin loltoota ishee Somaaliyaatti bobbaasuun qaama nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaa tahuuf qophii tahuu ibsiteetti.
Dabalataan Somaaliyaan karoora Masirii kana gammachuun akka simattu ibsiteetti. Biyoonni lameen waliigaltee waraanaa walii mallatteessaniiru.
Kun Gaanfa Afrikaa keessatti muddama kan uume yoo tahu, Itoophiyaan tarkaanfii Masirii fi Somaaliyaa kana ''callisee hin ilaalu'' jetteetti.
Tarkaanfiin kun Gaanfa Afrikaa tasgabbii kan dhowwatu tahuus akeekte.
Itoophiyaa fi Masiriin dhimma Hidha Guddicha Haaromsaa irratti wal dhabdee qabaatanis waggoota 30 keessatti mul'atee kan hin beekneen Masiriin waraana ishee Somaaliyaatti bobbaasuuf murteesite.
Humni waraanaa Masirii kun ergama isaa xumurachuun baha jedhamee kan eegamu humna waraanaa Itoophiyaa bakka bu'a jedhamuun eegama.
Itoophiyaan ergama nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaa [ATMIS] jalatti loltoota gara 3000 tahan Somaaliyaatii Al-Shabaab lolan kanq abdu yoo tahu, isaan alattis waliigaltee mootummoota biyyoota lamaaniin loltootni 4,000-7,000 tilmamaman Somaaliyaa keessa jiru.
Tarkiin wal dhabdeen Somaaliyaa fi Itoophiyaa kun karaa nagaan akka hiikamuuf ministerota dhimma alaa biyyoota lameenii marsaa lamaan Ankaaraatti waamuun mari'achiifteetti.
Garuu waliigaltee irra osoo hin gahiin ammas beellamaan adda bahan.
Somaaliyaan nagaan akka bu'uuf Itoophiyaan Waliigaltee Wal Hubannoo Somaaliilaandi waliin mallattesite akka haqxu barbaaddi.
Uummata miliyoona 120 ol qabachuun hulaa galaanaa tokkollee kan hin qabne Itoophiyaan, Eertiraa fi Somaaliyaa dabalatee hulaa galaanaa akka eeyyamaniif gaafachaa turuun deebii gahaa waan dhabdeef Somaalilaandi waliin waliigaluu ibsite.












